Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qoqqobbiiwwan Ameerikaan Ertiraarra keessee turte kan akkamiiti? Addatti eenyufaa ilaallata?
Rooyitars Ameerikaan qoqqobbiiwwan Ertriraarra keessee turte kaasuuf akka jirtu sanadii keessoo ministeera dhimma alaa Ameerikaa arguu beeksiseera.
Murteen Ameerikaa hariiroo Asmaraa waliin qabdu fooyyeessuufi Itoophiyaan Ertiraa waliin gara waraanaatti akka hin galle ergaa dabarsuu kan kaayyeffatedha jechuun xiinxaltoonni dubbachuu maddi oduu kun gabaasa isaa keessatti mul'iseera.
Ameerikaan qoqqobbiiwwan Ertiraarra keesse kan kaastu yoo ta'e tarkaanfii humnaa Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf fudhattu akka hin deeggarre ergaa kan dabarsu ta'uu dippilomaatonni Gaanfa Afrikaa dubbachuu isaanii Rooyitars eereera.
Ameerikaafi Ertiraan hariiroo dippilomaasii kan hundeeffatan Ertiraan bara 1993 walabummaashee labsachuu hordofee ture.
Ertiraa keessatti roorroon paartilee siyaasaa mormituurra gahu, ukkaamsaa sabaa-himaalee walabaa, dhiibbaa hordoftoota amantaa gara garaa mudatan, akkasumas sarbama mirgoota namoomaa mul'atanitu hariiroon Waashigiten fi Asmaraa akka laaffatu gochuu ministeerri dhimma alaa Ameerikaa fuula marsariiitii isaarratti baaseera.
Yeroo waraana Tigraay sarbama mirgoota namoomaa loltoonni Ertiraa raawwatan hariiroo biyyoota lamaanii caalaa akka balleessee marsariitii kanarratti ibsameera.
Waraanni Tigraay dhiiga dhangalaase kun waliigaltee Piritooriyaatiin fala akka argatu gahee guddaa kanneen bahan keessaa Ameerikaan adda durummaan eeramti.
Waggoota kurnan baayyeetiif akka diinaatti wal ilaalaa kan turan Itoophiyaafi Ertiraan yeroo Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad gara aangootti dhufan fooyya'insa agarsiisullee yeroo gabaabaa keessatti deebiyee hammaateera. Itoophiyaan gaaffii ulaan galaanaa naaf mala jedhu kaasuun ishee ammoo biyyoota lamaan gidduutti muddamni akka dabalku taasiseera.
Bara bulchiinsa Doonaald Tiraam jalqabaa keessa Itoophiyaafi Ertiraan hariiroo isaanii haareffachuu Ameerikaan dinqisiifachaa turte.
Erga waliigalee Piritooriyaatiin as garuu wal gaarerfannaan biyyoota lamaanii hanga wal waraanuutti deemaa yaaddoo jedhu uumeera.
Gabaasni Rooyitars baase, Itoophiyaafi Ertiraan tokko dhimma keessaa isa kaaniirratti fedhii qabaachuurraa kan ka'een "hirmaannaa tasgabbiin akka hin jiraanne godhan" waan jiruuf hubachiifni akka isaaniif kenname eera.
Torban tokko dura Wool Istiriit Joornaal bulchiisni Doonaald Tiraamp, Ameerikaan Ertiraa waliin hariiroo qabdu fooyyeeffachuu yaadaa akka jirtu aanga'oota biyyattii eeruun gabaasee ture.
Waashigiten qoqqobbii Asmaraarra keessee turte adeemsa kaasuu jalqabuuf fedhii akka qabdu, akkasumas hariiroo biyyoota lamaanii tarkaafii fooyyeessuu danda'u fudhachuuf gamagamaa jiraachuu gaabaasichi mul'iseera.
Hariiroo Ameerikaafi Ertiraa
Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Joo Baayiden hirmaannaa Ertiraan waraana Tigraay keessa ture keessatti qabdi turee wal qabatee waggaa shan dura Paartii biyya bulchu Ertiraa, aanga'oota waraanaafi siyaasaa irra qoqqobbii kaa'uun isaa ni yaadatama.
Sanadiin keessoo mootummaa Ameerikaa tibba kana Rooyitars arge Ertiraa dabalatee ajajawwan pirezidantiifi qoqqobbiiwwan biyyoota baayyee guyyoota keessatti akka ka'an agarsiiseera.
Sababa waraana Iraan irraa kan ka'een Ulaan Hormuuz waan cufateef sochii daldalaa galaanarraa Eeshiyaarraa gara Galaana Mediteraaniyaatti taasifamuuf Ameerikaan to'annoo isheen Galaana Diimaarratti qabaattu bakka kan qabaatu ta'a.
Ameerikaan hariiroo dippilomaasii Ertiraa waliin qabdu haaromsuun naannichatti "michuu istiraateejikii" taasifachuuf fedhii akka qabdu mul'ateera.
Qoqqobbiiwwan Ameerikaan Ertiraarra keesse ka'uun qeeqa warra mirgoota namoomaaf falmanii hordofsiiseera.
Gabaasa Wool Istiriit Joornaal hordofee qabiinsa mirgoota namoomaa Ertiraa keessa jiruufi walitti bu'iinsawwan naannicha keessa jiru keessatti gahee qabdurraan kan ka'e qaamoleen gara garaa Ameerikaan qoqqobbiicha kaasuuf yaaduushee mormuun qeeqaa jiru.
Kana hordofee Embaasiin Ertiraa Waashigiteen jiru, yaadawwan sirrii hin taane jedhu hariiroon Ameerikaafi ertiraa fooyyaa'uurratti dhiyaatan qeequun ibsa baaseera.
Kanaan dura garuu mootummaan Ertiraa Ameerikaa cimsee qeequufi abaaruutiin beekama.
Bara 1995 pirezidantiin duraanii Ameerikaa Biil Kilintan yeroo pirezidantii Ertiraa Isaayyaas afwarqii simatee ture "dhaloota haaraa Afrikaa keessatti hoggantoota abdataman keessaa tokkodha" jechuun ibsee ture.
Waraanni Itiyoo-Ertiraa ka'uu hordofee hariiroon Ameerikaa fi Ertiraa danqameera.
Aanga'oonni Ertiraa fi gaazexeessitoonni pirezidant Isaayyaas mormaniifi qeeqan hidhamuun hariiroon biyyoota lamaanii caalaa akka hammaatu godheera.
Bara 2001 keessa ammoo Ertiraanonni lama hojjetoota Embaasii Ameerikaa ta'an Asmaraatti hidhamuun ammoo muddama jiru hammeesseera.
Ameerikaan waraana Itiyoo-Ertiraa dhaabsisuun, akkasumas Waliigaltee Aljers keessatti gahee guddaa kan qabdu taatulleen, hariiroon Asmaraafi Waashigiten waggootaaf osoo hin fooyyaa'iin tureera.
Qoqqobbiiwwan Ameerikaan Ertiraarra keesse
Akka ministeerri dhimma alaa Ameerikaa fuula maesariitii isaarratti baasetti, waraana kaaba Itoophiyaa waliin walqabsiisee bara 2021 dhaabbileen Ertiraafi namoota dhuunfaarra qoqqobbiin kaa'ameera.
Karaa ajajawwan pirezidantii (E.O.) 13818 fi 14046 jedhamaniin sarbama mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwatamaniin wal qabsiisee qoqqobbiiwwan kaa'amuun ibsameera.
Fedhiin Ameerikaa "Ertiraan tasgabbii naannichaa akka hin goolle, biyyattiin gara bulchiinsa dimokiraasii giddugaleessa godhatetti akka ceetu dandeessisuu, bilisummaa amantii dabalatee mirgoota namoomaa kabachiisuu, akkasumas guddina dinagdee mirkaneessuu" akka ta'e m,arsariitichi barreeffama waggaa afur dura baase ni eera.
Muddee 2021 keessa mootummaan Ameerikaan paartii Ertiraa biyya bulchaa jiru, Adda Dimokiraasii fi Haqaa Uummataa, akkasumas dhaabbileen isa waliin hidhata qaban, Hidirii Tirast fi Red Sea Trading Corporation irratti qoqqobbii kaa'uun isaa ni yaadatama. Raayyaa Ittisa Ertiraa fi qondaaltota ol'aanoo Ertiraa lama irrattis qoqqobbiin kaa'ameera.
Hidirii Tirast waggoota digdamii shan dura kan hundeeffame yoo ta'u, dhaabbilee daldalaa seera paartii biyya bulchaa jiru Ertiraa jalatti hundeeffaman hunda kan of jalatti hammatedha.
Murtee qoqqobbii keessatti kan hammatameef harka ykn meeshaa siyaasaa paartii biyya bulchaa jiruufi kan mootummaa ykn paartii Ertiraa waan ta'eef ykn isaan kan to'atamu waan ta'eefidha.
Dhaabbanni daldala Red Sea Trading Corporation maallaqaafi qabeenya paartii biyya bulchuu Ertiraa kan bulchu yoo ta'u, paartichaad maallaqa kan dhiyeessuufi deeggarsa daldalaa kan kennuufidha.
Korporeeshinichi qoqqobbii kana keessatti kan hammatame abbummaa ykn to'annaa gorsaa diinagdee paartii biyya bulchuuErtiraa kan ta'e Haagos Gabre Hiywoor jala waan ta'eefidha.
Caamsaa 2021 keessa mootummaan Ameerikaa waraana Tigraay waliin wal qabatee qondaalota Ertiraa aangoorra jiraniifi duraaniirra qoqqobbii viizaa akka kaa'u beeksiseera.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti bakka bu'aan dhaabbataa Ertiraa Ambaasaaddar Soofiyaa Tesfamaariyaam qoqqobbii kana "seeraan alaa" fi "kaayyoo siyaasaa kan qabu" jechuun ibsaniiru.
Qoqqobbiin Ameerikaa kan irratti xiyyeeffate eenyufaadha?
Mootummaan Ertiraa qoqqobbii kan kaa'e dhaabbileen Ertiraa afuriifi aanga'oota Ertiraa lamarradha.
Ministeerri maallaqaa Ameerikaa yeroo sanatti fuula marsariitii isaarratti barreeffama baaseen karaa ajaja pirezidantii (E.O.) 14046 kennameen dhaabbileen Ertiraafi namoonni dhuunfaa qoqqobbiin kan irra kaa'ameef "nageenyaafi tokkummaa Itoophiyaatiif yaaddoo waan ta'aniifidha" jedhe.
Aanga'oonni kunneen itti gaafatamaa tikaafi nageenya biyyaalessaa Ertiraa Birgaader `Jeneraal Abrahaa Kaasaa Nemaariyaam (Kaasaa) fi gorsaa dinagdee paartii biyya bulchuu Ertiraa Hagoos Gabrehiywoot waldekidaanidha.
Miniseerri maallaqaa Ameerikaa ibsa bara 2021 baaseen, qoqqobichi, "qaamolee naannicha keessatti namoota kuma dhibbaan lakkaa'aman goolama keessa galochan irratti kan xiyyeeffate akka ta'e" beeksiseera.
Barreeffama sanarratti, "humnoonni Ertiraa walitti bu'iinsa sana keessatti Itoophiyaatti dhumaatii, saamichaafi miidhaa saalaan walqabatu keessatti itti gaafatamoodha," jedheera.
Humna ittisaa Ertiraa irra qoqqobbiin kan kaa'ameef "saamicha, miidhaa saala-qunnamtii waliin walqabatan, ajjeechaa namoota nagaafi gargaarsa namoomaa gufachiisuu" waliin walqabatanii himannaa dhiyaatan ta'uun ibsameera.
Paartiin tokkichi Ertiraa keessa jiru pirezidant Isaayyaas hoggannu qoqqobbiin kan irra kaa'ameef "humna ittisaa kanaaf kallattiin ajajawwan dabarsuun" ta'uun eerameera.
Itti gaaftaamaan tikaafi nageenya biyyaalessaa Ertiraa Birgaader Jeneraal Abirahaa Kaasaa Nemaariyaam itti gaafatamummaa guddaa qabuun, "gaaga'ama kaaba Itoophiyaa keessatti kallattiin ykn karaa kallattiin alaa" gahee qaba tureen qoqqobbiin kun akka irra kaa'ame ministeerri maallaqaa Ameerikaa eereera.
Gorsaan dinagdee paartii biyya bulchuu Ertiraa, akkasumas hoji-gaggeessaan Red Sea Trading Corporation Hagos Gabrehiywoot Waldekidaan irra qoqqoobbiin kan kaa'ameef "galtee maallaqaa fi deeggarsa tekinikaa" paartichaaf kenname waliin kan walqabate ta'uun isaa ibsameera.
Dabalataan, qabeenya paartii biyya bulchii kan ta'e Hidirii Tiras, akkasumas Red Sea Trading Corporation qoqqobbii keessatti hammatamaniiru.
Hagayya 2021 ministeerri maallaqaa Ameerikaa ibsa baaseen itaamaajor shuumiin waraana Ertiraa Jeneraal Filiphoos Waldeyohaannis "ajjeechaa jumlaa, saamichaa fi miidhaa saal-qunnamtii waliin walqabatan dabalatee sarbama mirgoota namoomaa waliin walqabatee" qoqqobbiin akka irra kaa'ame beeksiseera.
Jeneraal Filiphoos Waldeyohaannis qabeenyaafi maallaqa Ameerikaa keessaa qaburra, akkasumas faayidaawwan gara garaarra qoqqobiin kaa'amuun isaa ni yaadatama.
Qoqqobbii UN Ertiraarra kaa'e
Mudde 23, 2009 Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) yaada murtee (Resolution 1907) dabarseen Ertiraan Somaaliyaatti Al-Shabaabiin deeggaruudhaan himatamee qoqqobbiin irra kaa'ameera.
Yaada mootummaan Itoophiyaa dhiyeesse Gamtaa Awurooppaa, Gamtaa Afrikaa, akkasumas IGAD deeggaruu isaanii hordofee Manni-maree Nageenyaa (UNSC) yaada murtee kana mirkaneesseera.
Yeroo sanatti UN'tti bakka bu'aa Ertiraa kan ture Ambaasaaddar Araayyaa Dastaa murtee, " sobaafi qaanessaa mootummoota Ameerikaafi Itoophiyaatiin qophaa'edha" jechuun balaaleffatee ture.
Waggootaaf Somaaliyaafi Ertiraatti qorannoon erga gaggeeffamee booda Asmaraan hidhattoota Al-Shabaaabiif deeggarsa dhiyeessuushee ragaan amansiisaa hin argamne. Qoqqobbii UN irra kaa'e kun waggoota sagala booda bara 2018 ka'eera.