Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana US fi Israa'el Iraan irratti banan: Lola tokkicha gareen lachuu injifanne jedhan
Waraanni US fi Israa'eel Iraan irratti banan marsaan kuni xumuramuun Waashington irraa dhagahame.
Kibxata darbe waliigaltee dhukaasa dhaabuu torbeewwaniif tureen booda ministirri haajaa alaa US Maarkoo Ruubiyoon, opireeshiniin Ameerikaan 'Epic Fury' Jettee moggaasuun adeemsisaa turte qiyyaafannaa isaa milkeessuun akka xumurame ibsan.
Amma gaaffiin guddaan eenyutu injifate? Kan jedhudha.
Deebiin gaaffii kanaa qaama kamtu seenaa lolichaa himaa jira kan jedhurratti hundaa'a.
Iraan keessatti miidiyaan biyyattii akka gabaasutti, waraanni kuni Iraan humna guddaa dachee kanaa dura dhaabbattee injifachuu qabatamaan kan mul'isedha jechuun gabaasa.
Waashingtoniis oduu injifannootu Pirezedaant Tiraampii fi deeggartootasaarraa himama. Injifanneerra galma keenya milkeessineerra kan jedhu.
Dubbii gama lamaaniin Kanaan addatti garuu amma mariin lola caalaa filannoo ta'aa dhufeera.
Akka gabaasa Aksiyoos,Rooyitarsii fi miidiyaalee Ameerikaatti waayit haawus haaldureewwan 14 Iraan keessetti waliigaluuf akka dhihaattetu himama.
Sanadni waliigaltee kuni haaldureewan marii sagantaa nukilaraa Iraan, ulaa hormuuzii fi sodaa qaxanaa sanaa waliigalaa kan ofkeessatti hammatedha.
Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan, biyyattiin wixinee haalduree marii kanaa xiinxalaa akka jirtuu fi karaa jaarsota warra Paakistaaniin deebii akka kennitu himan.
Ta'ulleen xinxaltoonni siyaasaa Olaanoon Iraan haalduree kana dursanii kufaa godhaniiru.
"Ameerikaanonni lola kana keessaa homaa argachaa hin jiran kisaaraa malee" jedhan dubbi himaan komishinii nageenya biyyaalessaa fi imaammata alaa ergaa X irratti barreessaniin.
Gabaasaaleen akka mul'isanitti, waliigalteen kuni Iraan Ulaa hormuuz guutumatti banuuf mirkana guutuu akka kennitu gaafata.
Gama kaaniin ammoo US qoqqobbiiwwan Iraan irra kaa'aman adadaan kaasuu, qaabeenya Iraan jalaa qabame gadhiisuu,akkasumas yeroon waliigaltee erga xumurameen booda gabbisa Yuraaaniyeemii akka itti fuftu gargaara.
Qabxiiwwan kana garuu kanneen Iraan keessa jiran laaleffamuu fi harka kennuudha jedhanii ibsu. Sababni isaan kana jedhaniif ammoo ifa.
US duula 'Epic Fury' kan dhaabde bu'aa fiduu waan dadhabeefi kan jedhu. Iraan Ameerikaa haaloo bahachuuf yeroo buufatawwan Ameerikaa biyyoota baha giddugaleessaa keessa jiran haleelte biyyi haleellaa kanaaf deebii kenne hin jiru.
Irra guddaa ammoo sirni Rippaabliika Islaamaa Haleellaa kana dandamatee itti fufeera. Garuu yeroo waraanaa kanatti gaggeessaa olaanaan biyyattii, qondaalotni olaanoo fi namootni beekamoon hedduun ajjeefamaniiru.
Sirni siyaasaa fi waraanaa garuu hataattamaan bakka ofbuusaa dandamatee itti fufeera.
Waraanni jalqabuudhaan duratti angaa'onnii fi xinxaaltonni warra lixaa haleellaa waraanaa cimaadhaan angaa'onni olaanoon iraan yoo ajjeefaman, mormiin mootummaa biyyattii irratti dhoohee sirnichi nikufa jechaa turan. Kuni garuu osoo hin taane hafe.
Osoo waraanni hin jalqabiin ji'ootaan dura mormiin uummataa mootummaa raasaa ture lolli eegallan battala daandii irraa dhabame.
Qaamoleen nageenyaa too'annoo cimsan, kanneen hiriira bahuuf Yaalan hidhuudhaa hanga tarkaanfii ajjeechaa fudhachuutti gahan.
Battala kanatti ammoo miidiyaan biyyattii qaamolee hiriira mootummaa deeggaruuf bahame agarsiisaa turan.
Dubbi himaan paarlaamaa Iraanii fi kanneen marii kana dursan keesaa tokko Mohaammad Bager Galibaaf, "haalli amma jiru kuni yoo itti fufe Ameerikaaf mijataa akka hin taane nibeekna. Nuti garuu ammayyuu hin eegalle" jechuun barreessan.
Gaggeesitoota Iraaniif waraana kanarraa hafuun mataansaa akka injifannootti ilaalama. Keessumaa Iraan haaloo bahannaaf buufatawwan US qaxanaa sana keessa jiranii fi bu'uuraalee misoonaa Israa'eel irratti balaa geesisuun injifannoo guddaatti fudhatan.
Sababa kanaafi Teehiraan waraanni marsaa biraa yoo itti fufe sodaa hin qabu jettee kan dhaadattu. Angaa'onni biyyattii lola keessatti gama dinagdee fi waraanaatiin diinotashee caalaa dandamannaa qabdi jedhanii amanu.
Kana malees Ulaa Hormuuz cufuudhaan Iraan Dinagdee Addunyaa hammam kokkee qabuu akka dandeesse agarsiisteetti jedhu.
Ulaan Hormuuz cufamuun sochiin dooniwwanii danqamee baasiin inshuraanii dabaluudhaan daldala addunyaa irratti dhiibbaa guddaa uume.
Iraan amma Ulaa hormuuz yoo bantu akka callistee waan cufame tokko bantuutti osoo hin taane, akka irree waliigaltee haalduree ishii bu'uureffate irratti waliigaluuf gargaaruutti ilaalti.
Kuni qaxanaa sanaaf balaa hamaa qaba. Iraan lola Kanaan booda daranuu cimtee bahuu dandeessi. Keessumaa biyyoota buufata Ameerikaa biyyasaanii keessatti ijaarsisanii fi kanneen yeroo lolaa sanatti Israa'eelii fi Ameerikaaf waan adda addaa dhiheessaa turaniif yaaddoo taatee asbahuu dandeessi.
Kana jechuun garuu Iraan waraana kana keessaa waan barbaaddu hunda argatteetti jechuu miti. Biyyattii balaa hamaa keessumemessite. Hoggantoota olaanooshee dhabde. Bu'uuraaleen misoomaashee barbadaa'aniiru.
Kana malees dhiibbaa dinagdee guddaa jalatti waan kufteef kuni ammoo adeemee lammiileen biyyattii mootummaa irratti mormii akka kaasan karaa banuu danda'a.
Gama kaaniin Israa'eelii fi Ameerikaan waraana kana irraa Iraan keessa lixanii waan barbaadan gochuu akka danda'an mirkaneeffataniiru. Kuni ammoo olaantummaa meeshaa waraanaa fi basaasaa isaaniirraa madda.
Garuu waraanni waan dirree lolaa keessatti ta'e qofaan hin murtaa'u. kanaaf waan gahe qofa osoo hin taane akkaataan mariin araaraa kuni ittiin dhumus murteessaadha.
Yoo waliigaltee Kanaan Ameerikaan akka Iraan gabbisa Nukilaraa akka dhaabdu irratti waliigalteerra geessiste qabatamaadhaan injifannoo kan himachuu danda'u Ameerikaadha.
Garuu Yoo Iraan waliigaltee gabbisa Nukilaraa hin dhaabsifnee fi dhiibbaa qaxanaa sana keessatti qabdu itti fufsiisuun waliigalticha xumurte garuu injifannoo kan labsatu Iraan taha.
Ammatti gareen lamaanuu injifanneerra jechuun lammiilee isaaniitti himaa jiru. Injifataan dhugaa garuu akkaataa waliigalteen kuni ittiin goolabameen kan beekamu ta'a. kuni garuu yoo gareen lamaanuu hanga waliigalteerra gahanitti mariitti cichanii fiixa baasan qofa.