Dubartiin Iraan badhaafamtuu Noobelii Nagaa taate mana hidhaatii baafamtee hospitaala seente

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Mirga dhala namaaf qabsaa'uun kan beekamtu lammiin Iraan Naargis Mohammad dhibamtee fayyummaanshee yaaddoo keessa waan galeef mana hidhaatii baatee hospitaala seenuun akka wal'aanamtu eeyyamameeraaf.

Faawundeeshiniin maatii isheetiin gaggeeffamu Dilbata akka ibsetti aanga'oonni Iraan ''hidhaan Naargis Mohammad adda cituun mirga wabii cimaa ta'een akka baatu eeyyamaniiru,'' jedhe.

Dubartiin kun waggaa kana keessa yeroo lama dhibee onnee akkaan rifaasisaa ta'eef saaxilamteetti.

Sababa kanatti maatiin ishee mana hidhaatti du'uu dandeessi yaaddoo jedhu ibsaa turan.

Dubartiin umrii waggaa 54 kun Iraan keessatti dhiittaa mirga namoomaa fi hacuuccaa dubartoota irratti raawwatamu dura dhaabbachuun waan falmiteef Badhaasa Noobelii Nageenyaa bara 2023 injifatteetti.

Gaafii maatiin ishee irra deddeebiin waa'ee fayyummaasheerratti dhiheessan booda ''yeroo ammaa Naargis Mohammad mana hidhaarraa gara hospitaala Tehraan geeffamuun garee ogeeyyii fayyaa isheen wal'aanamaa jirti,'' jedhe Foowundeeshiniin Naargis Mohammad.

Dubartiin bakka itti hidhamtee turte, kaaba Iraan, Zanjan keessatti hospitaala argamutti guyyoota 10f yaalamaa turteetti.

Paaris kan jiru abbaan manaa Naargis Mohammad ''haalli fayyaashee waliigalaa haala gaarii keessa hin jiru,'' jechuun fayyummaasheef akka yaadda'u ibse.

Quuqamtuun mirga namoomaa kun yeroo mana hidhaa turtetti ulfaatinasheerraa kiilo giraama 20 kan ta'u hir'ateera.

Abukaatoon ishee Chirinne Ardakani Naargis Mohammad mana hidhaatti sadarkaa dubbachuu dadhabuu fi eenyummaasheellee adda baasuun wallaalamuu ga'uu ibsite.

Naargis Mohammad bara 2021 ''mootummaarratti piroppogaandaa gaggeessite'' jedhamuun akkasumas ''nageenya biyyaalessaa biyyattii yaaddoo keessa galchuun'' himatamtee hidhaan waggaa 13 itti murtaa'e.

Isheen garuu himannaa kana halateetti.

Muddee 2024 dhibamtee haalli fayyaashee yaaddoo keessa waan galeef mana hidhaa dararaan itti hammaatu Evin keessaa yeroof gadhiifamtee turte.

Muddee darbe ammoo ''ergaa dubbii kakaasu'' dabarsite jedhamuun mana hidhaatti deebifamte.

Maatiin ishee akka jedhanitti Naargis Mohammad wayita qabamtu reebicha hamaa irratti raawwatameen guddoo miidhamtee hospitaalatti wal'aanamaa turte.

Abukaatoon ishee akka jettutti dubartiin kun jalqaba Guraandhala darbee ''walga'uun shira raawwachuu fi gocha piroppogaandaan'' himatamuun Manni Murtii Warraaqsaa hidhataa dabalataa waggaa torbaa fi walakkaa itti murteesseera.

Naargis Mohammad ji'a darbe dhibee onneen qabamtee kuftee argamuu obboleessi ishee Hamidreza jedhamu nama ishee waliin hidhamerraa dhagahuu ibseera.

Faawundeeshinii Naargis Mohammad dubartiin kun yeroof mana hidhaatii gadhiifamuunshee ga'aa akka hin taanee fi ''wal'aansa itti fufiinsa qabu argachuu akka qabdu,'' gaafateera.

''Mana hidhaatti deebitee adabbii ishee, waggaa 18, ishee hafu xumuruu akka hin qabne mirkaneeffachuu qabna,'' jedhe ibsi faawundeeshinichaa.

Dhalli namaa sababa nagaa fi mirga namaaf qabsaa'eef haala kanaan dararamuu hin qabu jedhe.