Kantiibaan Niwuyoork Mamdaaniin Netaaniyaahuu nan hidha jedhus Netaaniyaahun sodaa hin qabu jedhe

Beeniyaamiin Netanaiyaahuu

Madda suuraa, AFP via Getty Images

    • Barreessaa, Kayla Epstein
    • Gabaasni irraati, New York
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Kantiibaan magalaa Niwu Yoork Zoohraan Mamdaanii Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu hidhuuf itti dhaadatus, Netaaniyaahuun yaa'ii waliigalaa UN ji'oota muraasa Niwu Yoorkitti gaggeeffamurratti argamuu akka barbaadu ibse.

Manni Murtii Yakka Idiladdunyaa (ICC) waraana Gaazaan wal-qabatee yakki waraanaafi sarbamni mirgaa raawwachuudhaan himatee Netaaniyaahuu irratti ajaja hidhaa dabarsee ture.

Kanuma hordofee, kantiibaan magalaa Niwu Yookr Zoohraan Mamdaanii, Netaaniyaahuun gara Niwu Yoork yoo dhufe "to'annoo jala nan oolcha" jechuun itti kakatee ture.

Haa ta'u garuu torbee darbe yaadasaa kana hojiirra akka hin oolchine ibse. Sababni Mamdaaniin dhiyeesse Netaaniyaahuu hidhuuf seerri isa deeggaru akka hin jirreedha.

Beeniyaamiin Netaaniyaahuu Fox News waliin turtii taasiseen, akeekkachiisa Mamdaanii irraa sodaa akka hin qabne ibsuun, "inni nama jibba facaasudha" jechuun himate.

"Silaa kantiibaa namoota Niwu Yoork keessa jiraatan hundaa: kan Yihudootaa, Kiristaanotaa, Musliimotaa, namoota hundaa ta'uu qaba ture. Garuu garee tokko isa kaanirratti kaasuun jibba facaasa," jechuun Zohraan Mamdaanii himate.

Haleellaa Kamisa darbe magaalaa Niwu Yoork keessatti namoota lama: Yihudii tokkoofi nama Eshiyaa tokkorratti raawwatame akka fakeenyatti kaasuun kantiibaan Niwu Yoork "nama jibba facaasuun namoota walirratti kaasudha" jedhe Netaaniyaahuun.

Poolisiin Niwu Yoork akka ibsitte, namichi haleellaa dheengadda namoota irratti irratti raawwate sun, yeroo namoota waraanu "Allahu akbar" jedhee iyyaa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namichi haleellaa raawwachuun shakkame kun himannaan "jibiinsa [sanyii] irratti baname.

Namoonni lamaan Kamisa, Adoolessa 23, magaalaa Niwu Yoork keessatti waraanaman lubbuub kan hafan yoo ta'u, gaggeessitoota hawaasa Yihudootafi lammiilee Eshiyaa magalaattii irraa mormiin cimaan mudateera.

Netaaniyaahuun haleellan sun gaggeeffamuu hordofee, Yuhudoonni magaalaa Niwu Yoork keessa jiran "yeroo ammaa yaaddoo keessa jiraatu" jedhe.

Zohraan Mamdaanii mirgi Filisxeemotaa akka kabajamuuf deeggarsa guddaa nama taasisu yoo ta'u, bara darbe yeroo kantiibaa Niwu Yoork ta'uuf dorgomu, waraana Gaazatti gaggeeffamaa ture mormuun akka duula filannoo cimaatti itti fayyadamaa ture.

Torbee darbe ammoo haasaa taasise irratti, Netaaniyaahuun "yakkamaa yakka waraanaati" jechuun ifatti dubbate.

Mamdaaniin yeroo kantiibaa Niwu Yoork ta'uuf duula filannoo eegalu, ajaja hidhaa Manni Murtii Yakka Idiladdunyaa bara 2024 Netaaniyaahuun Gaazatti yakka waraanaa raawwate jechuun irratti baase, hojiirra akka oolchu waadaa galee ture.

Israa'el garuu yakka waraanaa raawwachuu hin amantu. Ajaja Manni Murtii Idiladdunyaa irratti baasee ture kanas "murtee jallaafi bu'uura hin qabne" jechuun Netaaniyaahuun fudhatama dhabsiisee ture.