Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sa'uudiin waraana US-Iraan irratti hirmaachuu fi dhiisuu gidduutti danqamte
Saa'udii Arabiyaan sakaalama guddaa keessa jirti. Ameerikaa fi Israa'el Guraandhala 28 Iraan irratti waraana labsuun as Saa'udiin yeroo baayyee lolicha keessa harka galfachuu dhiisuun of eeggataa turte
Amma garuu karaa sadiin haleelamaa jirti, dubbiin ''daangaa darbe'' waan jette fakkaata.
Torbee kana Ameerikaa waliin tahuun milishaa Iraaq keessaa kan Iraaniin deeggaramu irratti haleellaa raawwateetti.
Saa'udiin haleellaa kana itti fufuu moo dubbii qabbbaneessuu wayya waan jedhu gidduutti sakaalamtee jirti.
Eenyutu, eenyuun haleelaa jira? Maaliif?
Waraana kana keessa gama lamatu jira. Kunis biyyoota Galoo-galaanaafi Baha Gidduugalaa ji'oota shaniif goolaa jira.
Gama tokkoon Rippaabliikini Islaamaa Iraan kan hidhattoota Huutii Yemen keessaa socho'an irraa deeggarsa argatu jira.
Gareen Iraaq keessatti socho'u kan Popular Mobilisation Forces jedhamu Saa'udii irratti haleellaa diroonii 30 raawwachuun, amma deebisee haleelamaa jira. Gareen kunis Iraaniin deeggarama.
Libaanoos keessa ammoo Hezboollaan jira. Humna jabaa qabaatus yeroo ammaa kana gad of qabeetu jira.
Gama kaaniin ammoo Ajajini Waraanaa Ameerikaa akkaan cimaa tahe jira, biyyoota Galoo Galaanaa keessaa Joordaan jirti, Israa'el michuu Ameerikaa taatus yeroo ammaa kana waraanicha irratti dammaqinaan hirmaachaa hin jirtu.
Iraan yeroo dhihoo as haleellaa diroonii fi misaa'elaa Jordaan, Kuweetii fi Bahireen irratti xiyyeeffachuun raawwachaa jirti.
Akkasumas, dooniiwwan daldalaa kamiyyuu dambii fi karaa haaraa Iraan Ulaa Hormuuz irratti baaste keessa miliquun darbuuf yaalan ni haleelti.
Lola kanatti dabaalamuun gareewwan hidhataa Iraaq keessaa fi gareen Huutii Yaman dhimma reef mul'ataa jiru dha.
Kunis, yoo waliigalteen nageenyaa waaraa Ameerikaa fi Iraan gidduutti hin taasifamin, naannichi ittuu lolaafi waraanaaf saaxilama.
Saa'udiin waraana kanatti guutummaatti sababii hin galleef qabdi.
Ilmi Mootii biyyattii Mohammed Bin Salmaan, biyyasaaf mul'ata ''Vision 2030'' jedhamu qabatee jira.
Kaayyoon isaa Sa'uud Arabiyaa galii boba'aa irratti hirkachuu keessaa baasuun, industiriiwwan ammayyaafi jajjaboo biyya keessaa ijaaruu dha.
Kunis barattoota yunivarsiitii eebbifamanii fi dargaggoota mana barumsaa sadarkaa lammataa xumuran kumaatamaan kan waggaa waggaatti gabaa hojii seenuu fedhaniif carraa hojii hiika qabu uumuuf kan akeekedha.
Galmi Vision 2030 tokko invastimantii alaa hawwachuu dha. Akkasumas, wiirtuuwwan odeeffannoo (data centres) fakkaatan kan haleellaaf salphaatti hin saaxilamne ijaaruunis karoora kana keessaa isa tokko dha.
Yoo Saawudiin waraana keessa galte karoorrii kuni hundi hojjechuu dhiisuu mala.
Dirooniifi misaayelli gama kibbaan Huutiirraa akkasumas kallattiin Iraan irraa dhukaafamuu danda'u ishee yaaddeessa.
Bara 2019 Saa'udiin Iraan waliin hariiroo gaarii hin taane otoo qabduu, hidhattoonni Iraaq keessaa socho'an bu'uuraalee boba'aa Abqaayiiq fi Kuraayis haleelan.
Haleellaan kuni erga raawwatee alergiin boba'aa Saa'udii guyyoota baayyeef danqame.
Kuni Riyaadiif bilbila hirribaa dammaqse ture. Bu'uuraaleen kuusaa boba'aa hangam akka saaxilamoo tahan hubatte.
Wiixata darbe milishaan Iraaq keessaa socho'u kuusaa boba'aa Abqaayiiq haleeluutu barame.
Lubbuun diinagdee Saa'udii boba'aa irratti hirkata.
Iraan haleellaa Ameerikaa fi Israa'el ji'a Guraandhalaa keessatti raawwataniif deebii kennuuf Ulaa Hormuuz cufte.
Ulaan kun karaa doonii akkaan murteessaa yoo ta'u, Iraanii fi biyyoota Galoogalaanaa gidduutti argama. Boba'aa fi gaaziin uumamaa addunyaa %20 keessa darba.
Sa'uud Arabiyaan boba'aa hamma dandeessu – guyyaatti kan baarmeela miiliyoona shan tahu – karaa ujummoo boba'aa bahaa-lixatti diriirfameen gara buufata al-ergii magaalaa Yanbu, qarqara Galaana Diimaatti geessaa jirti.
Achirraa boba'aan dooniiwwan fe'umsaan gara kibbaafi Galaana Arabaa keessa darbee gabaawwan Eeshiyaatti geeffamaa ture.
Jalqabarratti wanti hundi gaarii fakkaata ture.
Haa ta'u malee, Adoolessa 13, Saa'uud Arabiyaan buufata xiyyaaraa Sanaa,Yaman haleelte.
Haleellaan kun bulchiinsa Yaman kan Saa'uudii Arabiyaan deggaramuutiin raawwatamuutu ibsame.
Xiyyaarri Iraan akka hin qubanne ittisuuf akka raawwates beeksiseera.
Gareen hidhataa Huutii ammoo deebii kanaaf buufatawwan xiyyaaraa Sa'uud Arabiyaa naannoo Abha fi Jizan jiran irratti haleellaa raawwateera.
Saa'uud Arabiyaa ammatti irra jireessa kan yaaddessu garuu, Huutiin dooniiwwan Sa'uud Arabiyaa Galaana Diimaa keessatti haleeluu jalqabuusaati.
Kunis dooniiwwan ulaa dhiphaa Bab el-Mandeb, kibba Galaana Diimaa keessa darbaniif balaa guddaa dha.
Al-ergii boba'aa Sa'uud Arabiyaa gara gabaa Eeshiyaa deemus gufachiisa.
Sa'uud Arabiyaan waggoota torbaaf Huutii humnaan mo'achuuf haleellaa raawwachaa turte, garuu milkaa'uu hin dandeenye.
Waraanni Yaman guutuu keessatti raawwate gidiraa namoomaa hamaa ilmaan namaa argan keessaa tokko dha, dhiibbaansaa ammallee jira.
Bara 2022, Saa'uud Arabiyaan Huutii wajjin waliigaltee dhukaasa dhaabuu jabaa hin taane mallatteessitee ture.
Yeroo ammaa kana kaabaan milishaa Iraaqirraa, Kibbaan ammoo Huutii irraa haleellaan itti jabaateera.
Kaayyoo ''Vision 2030'' xaxaa kuni hundi mudata jedhamee hin yaadamne ture.