'Biyyittii xureessuudha':Tiraamp Badhaasa Noobeelii Nagaa dhabnaan Noorwey Qeeqe

Ibsa waa'ee viidiyoo, Tiraamp badhaasa Noobelii Nagaa dhabnaan Noorwey qeeqe
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Tiraamp, ammas badhaasa Noobelii Nagaa dhabnaan Noorweeyin akka malee qeeqe.

Murtiin bara kanaa "kan nama qaanessuufi salphinadha" jechuun mootummaa Noorwey qeeqe.

Badhaasni kun Jimaata darbe abbaa seeraa duraanii Mana Murtii Yakka Addunyaa (ICC) kan turan, Naavii Piilaay'f kenname.

Sa'aatii muraasa murtiin sun ifoomee booda, Trump walga'ii deeggartoota isaa irratti haasaa taasiseen, namni badhaafame sun nama iccitii wayiiti, takkaayyuu waa'ee nama kanaa dhageenye" jedhe.

"Kun biyya Noorwey irratti xurii yeroo dheeraaf hin haqamne dibuudha," jechuun Tiraamp dubbate. " Waan kana yoomiyyuu hin dagannu," jedhe.

Tiraamp yeroo dheeraaf badhaasa Nagaa Noobeelii argachuuf fedhii qabu ifatti ibsaa ture.

Bara 2025 keessas yeroo badhaasni kun hoggantuu mormitoota Veenezuweelaa Maariyaa Kooriinaa Maachaadoof kennametti qeeqa walfakkaataa dhiheessee ture.

Waggaa darbe, Muummichi Ministeeraa Noorwey Joonaas Gaar Stoor badhaasa kana mootummaa Noorwey osoo hin taane, koreen mootummaa irraa bilisa ta'e kan Noorwey keessatti hundaa'e akka murteessu Tiraampiif ibsee ture.

Tiraamp walga'ii deggertoota isaa magaalaa New York keessatti gaggeeffamerratti haasaa taasisuun, waraana saddeet dhaabeera.

Nagaan akka bu'u taasiseera. Akkasumas waraana lama dabalataa "xumuruuf yookaan injifachuuf jedha" jedhe. garuu ragaa kana deeggaru hin dhiheessine.

"Badhaasni Nagaa Noobeelii harka garee xiqqoo mootummaa dimokraasii mormanii fi diina qaroominaa ta'an harka seenuun fudhatama dhabeera'' jedhe.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Mo'attuu badhaasa Nobelii Nagaa
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Naavii Piilaay, hooggantuu Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) duraanii fi abbaa seeraa Mana Murtii Idil-addunyaa (ICJ) turte.

Hojii nageenyaa fi seera idil-addunyaa eegsisuu hojjetteef badhaasa Noobelii Nagaa Koreen Noobeelii ibseera.

Pirezidaantiin Koree Noobeelii Noorwey, Yørgen Watne Firaaydnes, hojii Piilaay yakka waraanaa, yakka namoomaa irratti raawwatamuu fi yakka sanyii duguuggii (genocide) raawwataman seeraan akka gaafataman gochuuf hojjette guddaadha'' jedhe.

Oduun badhaasichaa erga ifoomee booda, Piilaay kan amma umriinshee waggaa 85 tahe, Mana Murtii Haqaa magaalaa Nuremberg keessatti argamtu irraa yaada kennuun, "Kun qoosaa ta'uu qaba" jette.

"Yoo yeroo muraasa itti dabaluun harka naaf rukuttan, badhaasa kana Tiraamp waliin qooddadhaa ta'a," jechuun qoosaa dubbatte.

Bara darbe, Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Trump badhaasa Noobelii Nagaa dhabuu isaatiin mootummaa isaa keessaatti mufannaa isaa ifatti ibsee ture.

Yeroo sana Waayit Haawus Koreen Noobeelii "nageenya caalaa siyaasaa filateera" jechuun qeeqe ture.

Ji'a Amajjii keessa, hoggantuu mormitoota Veenezuweelaa Maariyaa Kooriinaa Maachaadoo badhaasa ishee Tiraampiif kennite.

Akka isheen jettetti, Tiraamp bilisummaa biyya isheef waan dhimmee hojjeteef beekkamtii kennuufiidha.

Tiraampis miidiyaa hawaasummaa irratti "kun mallattoo wal kabajuu bareedaa" jechuun ibse.

Haa ta'u malee, Koreen Noobeelii booda ibsa baaseen badhaasni Noobeelii nama biraaf kan darbee kennamu miti.

"Badhaasni Noobeelii yeroo mo'ataan isaa ifatti labsamu irraa eegalee haqamuu, qoodamuu yookaan nama biraatti darbuu hin danda'u. Murtiin kenname isa dhumaa fi yeroo hundaaf hojii irra ooludha," jechuun koreen ibse.