Cufamuu ulaa boba'aa Galaana Diimaa: Balaa tokko miidhaa hedduu

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Iraan gara Galaana Diimaatti babal'achuun gabaa boba'aa addunyaatti balaa biraa dabaleera. Tarkaanfiin hidhattoota Huutii taatee ulaa boba'aa duraanuu amansiisaa hin taane hudhu ta'ee dhufeera.
Wal haleellaan US fi Iraan bifa haaraan erga qabatee as muddamni haaraan Baha Jiddugaleessaatti dhalateera. Hidhattoonni Huutii Iraaniin deggaraman Wixata dooniiwwan Sa'udi Arabiyaa Ulaa Baab el Mandab keessa cehanitti akka karaa cufan beeksisan. Ulaan kun seensa kibbaa gara Galaana Diimaati.
Tarkaanfiin kun geejjiba boba'aa addunyaa kan durumaa danqamuu Ulaa Hormuziin qoramee jiru balaarra kan buuseera. Karri kun ulaa galaanaa Galoogalaanaa keessaa murteessaa dha.
Buufatni al-ergii Sa'udi Arabiyaa gama ulaa lixaa Yaanbuu jedhamuu fi Ulaa Baab el-Mandabirratti bu'uureffamuun gama Eeshiyaa geejjibsiisuuf utubaa ta'e ulaa murteessaa Hormuzitti aanee mootummaan Sa'udi Arabiyaa boba'aa jikitaa itti ergatu dha.
Mootummaan Sa'udii ulaa lixaa kanaan qofa Bitootessaa kaasee guyyaatti boba'aa barmeela miliyoona 5 ergeera. Kun hamma boba'aa waraanaan dura turee dachaa dha. Tilmaamaan afur shanaffaan dooniiwwanii Baab el-Mandab keessa darbu jedha ragaan dhaabbata xiinxalaa Kpler ni agarsiisa .
Garuu ulaan duraan Sa'udiin itti milkoofte kun amma balaaf saaxilameera.
Uggurri Huutii irra deebiin ulaan geejjiba boba'aa addunyaa fala biraa akka barbaachisu akeekera.
Dooniiwwan boba'aa jikitaa Sa'udi Arabiyaa baatan ulaa Baab el - Mandab dhiisuun ofirra naannawanii gara bo'oo Siwiiz imaluun Galaana Mediteraaniyaaniirraan Afrikaarra naannawuun Eeshiyaa gahuuf dirqamanii jiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qormaanni loojistiksii as qofatti hin dhaabbatu. Dooniiwwan jikitaa boba'aa baatan sababa ugggura kanaa boba'aa baatanii hin darban. Jalqaba boba'aa fe'an keessaa muraasa isaa ujummoo boba'aa kan bo'oo gara kibbaatti argamutti gadi lakkisuu qabu; sana booda boba'aa sana dhiyeenya magaalaa Aleksaandariyaatti deebisanii dooniitti fe'uun imala isaanii itti fufu.
Waliigalatti Ulaa Baab el-Mandab irraa cituun kun dooniiwwanitti yoo xiqqaate imala dabalataa torban afurii itti dabala.
Kunis yeroo imalaa isaanii idilee dachaa lamaan kan caalu yoo ta'u, baasii kiraa doonii fi inshuraansiis garmalee ol kaasa.
Uggurri dhiyeessii jikitaa boba'aa irratti uumame kun damee boba'aa qulqulleessuu addunyaa kan sirna dhiyeessii boba'aa addunyaarratti madaa guddaa ta'e irrattis miidhaa dabalataa fidee dhufeera.
Oomishni boba'aa Eeshiyaa yeroo jeequmsa Baha Jiddugaleessa kanaa garmalee gad-bu'ee kan ture yoo ta'u, dhukaasa dhaabuu yeroo gabaabaa US fi Iraan gidduutti Waxabajjii 17, 2026 mallatteeffame hordofee, dhiyeessiin boba'aa Galoo Galaana Faarsi ol ka'uusaatiin dhiyoo kana bayyanachuu eegalee ture.
Saffisni boba'aa qulqulleessuu dhaabbilee Chaayinaa boba'aa qulqulleessan Waxabajjii kanaa kan bara darbee yeroo wal fakkaataan yoo madaalamu baay'ee gad aanaafi sadarkaa wayita weerara vaayirasii Koronaa Bitootessa 2020tti gadi bu'eera.
Biyyyi boba'aa baay'inaan gara biyya keessa galchuun addunyaarraa tokkoffaa taate Chaayinaan, dhiyeessii ishee tasgabbeessuu fi gatii boba'aa garmalee ol ka'u to'achuuf jikitaa boba'aa alaa galchituu fi boba'aa qulqulleessuun gara alaatti ergitus baay'ee hir'isteetti.
Waraanni guddaan kun sektera boba'aa qulqulleessuus danqeera.
Miidhaan diroonii Yukireen buufata boba'aa Raashiyaa irratti dhiyoo kana walitti fufiinsaan geessiste, hojii boba'aa qulqulleessuu garmalee daangesseera; kunis Moskoon boba'aa gara alaatti akka hin ergine ishee dirqamsiiseera, kunis madaala dhiyeessii gabaa addunyaa miidhe.
Danqaan dandeettii boba'aa qulqulleessuu uumame kun, dhiibbaan boba'aa qulqullaa'e irratti gahu kan boba'aa hin qulqullaa'in caalaa baay'ee guddaa akka ta'u taasiseera.
Waraanni Iraan erga eegalee as, gatiin naafxaa Awurooppaafi beenzilaa Ameerikaa 65% dabaleera, gatiin ka'umsaa boba'aa Jikitaa Bireent immoo 30% dabale.
Bu'aan boba'aa naafxaa qulqulleessuu irraa argamus gara sadarkaa seenaa keessatti dhagahamee hin beekneen akka malee ol ka'eera, kunis dhabamuu madaallii dhiyeessii boba'aa hin qulqullaa'inii fi boba'aa qulqullaa'e gidduu jiru agarsiisa.

Madda suuraa, gETTY IMAGE
Fedhii hir'atee fi yaaddoo haaraa sirna boba'aa addunyaa
Gatiin boba'aa garmalee ol ka'uun kun adeemsa fayyadama hawaasaa irratti dhiibbaa geessisaa jira.
Akka gabaasa International Energy Agency (IEA) tti, fedhiin boba'aa addunyaa kurmaana lammaffaa bara 2026 keessaa kan waggaa tokko duraa guyyaatti barmeela miliyoona 99.1 turerraa 5%niin gadi bu'eera.
Guddina dinagdee addunyaa irratti yaaddoo kan uume biraa immoo kuusaan boba'aa addunyaa walitti fufiinsaan dhumachaa deemuudha. Kuusaan boba'aa addunyaa yeroo rakkinaaf qusatame duraan miidhaa addunyaa mudate gargaaraa ture, garuu ji'oota hedduuf sababa jeequmsa kanaan qoramee dhumachaa jira. Kun immoo addunyaan daddabala miidhaaf akka saaxilamtu taasisa (shock absorbers xiqqaa qabdi).
Balaa haaraan Galaana Diimaatti uumame kun rakkoo sochii doonii danquu qofarratti hin miidhu. Ulaa boba'aa Giddu-galeessa Bahaa tokkicha hafe, kan ugguramuu Ulaa Hormuuz furaa ture dabalataan miidheera, kunis dandeettii bayyanachuu gabaa addunyaa laaffiseera.

















