Suuraalee addeessa guutuu Bitootessaa agarsiisan

Addeecha guutuu simbira waliin
Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa addeecha guutuu simbira walakkaa teessee waliin Iskuut Cheegeen kaafame
Maxxanfame

Ogeeyyiin Suuraa kaasan Yorkshiire fi Linkoolnshiire guutuu samii alkanii keessatti addeecha guutuu Bitootessaa ulfinashee waliin kaasuudhaaf kaameeraasaanii leenjiisaa bahan.

Addeechis guyyaa Kibxataa akkuma biiftuun lixxeen ifaa turte. Akka Godaambaa Mootootaa Giriinwiichtti, addeecha guutuudhaan ''addeecha ho'aa'' jechuun moggaaseen.

Addeechi ittii aanuu guutuun kan addeecha diim-adii jedhamu Ebla 6 irratti eegala.

Addeecha samii gubbaa irratti
Ibsa waa'ee suuraa, Fiyoonaa C addeecha hoo'aa dhiheenya Lixa Yoorkishireetti kaafte
Gaaddideessuu addeechaa
Ibsa waa'ee suuraa, Gaaddiideessuu addeechaa calaqqee ifa addeechaa cabbiirraa ka'uun umamee

Akkasumas Andii Istoonsi addeecha geengoo gaaddiddeessuu addeechaa (Lunar halo) jedhamu suuraa kaase.

Giingoon kunis calaqqee ifa addeechaa samii gubbaa keessatiin umamee erga cabbii irraa qubateen booda kan ummaeedha.

Addeecha guutuu
Addeecha diimtuu samiirratti
Ibsa waa'ee suuraa, Addeechii samii Kaaba Yoorkshire -Todwick irraa kaafame kunis, algan Kibxataa battaluma biiftuun lixxeetti baayyee iftuu turte
Addeecha guutuu halluu keelloo
Ibsa waa'ee suuraa, Addeechaa keelloo guutuu samii Scarborough irrratti kaafamte Ameerikaanoonni, addeechaa ho'aa jedhuun