Suuraan: Addunyaan dhalachuu Iyyasuus kabajaa jirti

Maxxanfame

Kutaalee addunyaa gara garaa keessatti kanneen amantii Kiristaanaa hordofan ayyaana amantichaa isa guddicha, dhalachuu Iyyasuus kabajataa jiru. Ayyaanichi manneen amantaa warra Lixaatiin Mudde 25 kan warra Bahaatiin ammootuu Amajjii 7 kabajama. Tajaajiloonni fi taateewwan ayyaanichaa kan bara kanaa sababa weerara Koronaavaayirasiif jecha namootni irratti hirmaachaa jiran daran xiqqaateera. Walirraa fagaachuu fi maaskii uffachuun dirqama.

Pope Francis leads a Christmas Eve Mass at St Peter's Basilica in the Vatican. Photo: 24 December 2020
Ibsa waa'ee suuraa, Poop Firaansis jala bultii kabaja ayyaana dhalachuu Iyyasuus irratti yoo tajaajilan - Vaatikaan keessatti
Poop Firaansis jala bultii ayyaana dhalachuu Iyyasuus
Ibsa waa'ee suuraa, Waqtiin ayyaana dhalachuu Iyyasuus kan itti gaddan osoo hin taane kan itti jajjabaatanii jedhan Poop Firaansis
Jala bultii dhalachuu Iyyasuus Vaatikaan
Ibsa waa'ee suuraa, Sagantaan jala bultii baratamaan waldaa keessatti halkan qixxee taasifamuu sababa uggura labsameef dursee raawwate. Nama 100 ta'utu irratti argamee - duraan kumootaan kan lakkaa'amutu argama ture.
Indiyaatti karra mana amantaa guddicha magaalaa Deelhii jiru fuula duratti daa'imman ifaa qabsiisaan
Ibsa waa'ee suuraa, Indiyaatti karra mana amantaa guddicha magaalaa Deelhii jiru fuula duratti daa'imman ifaa qabsiisaan
Paakistaan Karaachiitti dubartoonni kunneen maaskii uffatanii sirna kadhannaa irratti hirmaachaa jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Paakistaan Karaachiitti dubartoonni kunneen maaskii uffatanii sirna kadhannaa irratti hirmaachaa jiru
UKtti jiraattonni Noorzamptonshaayar ollaa isaanii faaya kiriismasiin bareechaniiru
Ibsa waa'ee suuraa, UKtti jiraattonni Noorzamptonshaayar ollaa isaanii faaya kiriismasiin bareechaniiru
Iraaq magaalaa Baagdaad keessatti namoonni abiddatti naanna'anii jala bultii ayyaanichaa kabajaa turan
Ibsa waa'ee suuraa, Iraaq magaalaa Baagdaad keessatti namoonni abiddatti naanna'anii jala bultii ayyaanichaa kabajaa turan
Ispeen Saantiyaagootti ammoo jiddugalli kunuunsa jaarrolee haala kanaan ayyaanicha kabajatan
Ibsa waa'ee suuraa, Ispeen Saantiyaagootti ammoo jiddugalli kunuunsa jaarrolee haala kanaan ayyaanicha kabajatan

Suuraaleen hundi mirga abbummaa qabu.