Suurota Afriikaa: Tokkoon tokkoo suurota kanaa maal isinitti hima?

Maxxanfame

Suurota Afriikaanotaa Afriikaa keessatti torbee kana kaafaman:

Ijoolleen uffannaa mana amantii Kiristaanaa uffatanii
Ibsa waa'ee suuraa, Ijoolleen dhiiraa Kanaangaatti tajaajila Dilbataa Kaateediraalaa qulqulluu Aandiriiwu keessatti yeroo hirmaatan...
Paastariin bataskaanaa keessatti
Ibsa waa'ee suuraa, ... paastariin Beeneedik Indeebuu Koongootti yeroo bataskaanaatti tajaajila kennan.
Warroonni dhiiraa uffannaa mana amantii kirstaanaa uffatanii
Ibsa waa'ee suuraa, Bataskaanni Ortodoosii Giriik Kanaangaa keessatti bara 1970'mmaan keessa hundaa'e.
Dubartii fi dhiirri shubbisaa
Ibsa waa'ee suuraa, Shubbistoonni Jimaata sirna baniinsaa dorgommii Biyyootaa kubbaa miilaa Afrikaa umurii 23 gad Igtii fi Maalii giddutti godhamurratti shubbisa agrsiisan
Ilbiisota bifa garagaraa qaban
Ibsa waa'ee suuraa, Afriikaa kibbaatti ilbiisonni bifa garagaraa qabani mu'atan
Moodeelii Suudan Kibbaa
Ibsa waa'ee suuraa, Moodeeliin Suudan Kibbaa Nyakim Gatwech sirna badhaasa magaalaa Niiw Yoorkitti
Presentational white space
Dubartiin sirbaa
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Leegos, Naayijeeriyaatti Heelan Epeega 'opera' waltajiirra ofiisheetiin agarsiifte
Burqaa Viiktooriyaa
Ibsa waa'ee suuraa, Burqaan Viiktoorii Zimbaabwee sababa gogiinsaa yeroo dhihoo biyyattii mudateen hammi bishaan isaa hir'inna agarsiise
Roophii dhoqee keessatti
Ibsa waa'ee suuraa, Paarkii Biyyaaleessaa Lixa Zimbaabweetti Roophiin bishaan gogaa jiru keessatti dhoqeen cuuphamee sochii dadhabe
Loltoota
Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Moozaambiiki kunneen wirtuu leenjii loltummaa keessatti jaalaa isaanii mukarra jiru akka hin kufne yoo ol qaban
Dubartoonni hiriira bahanii
Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Keeniyaa magaalaa Naayiroobii jiraatan Koonfiransii Hawaasaa fi Guddinnaa Idil-Addunyaa dursanii hiriira bahanii

Maddi suuraalee AFP, EPA, Getty Images fi Reuters