Suuraalee Afriikaa keessaa: Fulbaana 8 - 14, 2017

Maxxanfame

Filannoo suuraalee babbareedoo Afriikaa fi lammiilee Afriikaa ardiiwwan biroo keessaa dabalatee, kan torban kanaa

Ijoollee keelloo qabatte, Fichee, Salaalee, Oromiyaa

Itiyoophiyaatti barri haaraa, 2010, gaafa Wiixataa kabajamee oleera. Yeroo birraan bari'u, keelloonis walumaan lafa guuta. Ijoolleen kunis Oromiyaa, Shawaa Kaabaa, Ficheetti keelloo guuranii, maatiif geessaa jiru.

Daldalaa kaalsii gurguru

Daldalaan karaarraa, magaalaa daldalaa Naayijeeriyaa Leegoositti, gaafa Roobii.

Kinshaasaa, Rippabliika Demookraatawaa Koongootti, imalaan tokko dhaabatee, warri kaan ta'aniiru, Fulbaana 12, 2017

Imalaan geejjiba keessaa, Rippabliika Demookraatawaa Koongootti, gaafa Kibxataa.

Shamarree shaashii hidhachaa jirtu.

Kaaba-baha Naayijeeriyaa, araddaa Michikaatti, shamarreen kun mana barnootaarraa galaa turte, gaafa Kibxataa.

Pireezidantiin Zimbaabwee Robart Mugaabee, haadha warraa isaanii waliin baniinsa paarlaamaatti argamuuf, konkolaataa Rols Rooyis jedhamuun dhufan.

Zimbaabwee, Haraareetti, Pireezidant Robart Mugaabee, baniinsa paarlaamaa irratti argamuuf geejjiba adda ta'e filateera...

Miseensonni Eegumsa Pireezidaantii hanga isaan gahanitti Paarlaamaa alatti eegaa turan.

... akkasumas miseensonni Waardiyyaa Pireezidaantii hanga isaan gahanitti eegaa turan.

Taphataan gidduu lammii Giinii, kilaba Lipziigiif taphatu, tapha Hambargar wajjiin taphatan irratti erga goolii galchee booda gammachuu isaa taphattoota biroo waliin ennaa ibsatu.

Gaafa Jimaataa ammoo, taphataan gidduu lammii Giinii, kilaba Lipziigiif taphatu, tapha Hambargar wajjiin taphatan irratti erga goolii galchee booda gammachuu isaa akkasitti ibsate.

Laaybeeriyaa, Monrooviyaatti deeggartoonni paartii mormaa Libertii Paartii, ayyaana dhaaba isaanii rifeensa namtolchee magariisaa keewwachuuniifi qaama isaanii haalluu adii dibachuun kabajatan.

Laaybeeriyaa, Monrooviyaatti deeggartoonni mormitootaa Paartii Libartii, ayyaana dhaaba isaanii rifeensa namtolchee magariisaa keewwachuuniifi qaama isaanii haalluu adii dibachuun kabajatan.

Agarsiisa idil-addunyaa Harareetti, hirmaattoota heedduu keessaa, shubbisaa aadaa Maalaawii: Fulbaana 09, 2017.

Sambata Duraa ammoo, agarsiisa idil-addunyaa Harareetti, shubbisaa aadaa Maalaawii daa'imni miira burjaajiitiin ilaalte...

Agarsiisa idil-addunyaa Harareetti, hirmaattoota heedduu keessaa, shubbisaa aadaa Maalaawii: Fulbaana 09, 2017.

... shubbisaan biraa ammoo iddoodhuma walfakkaataatti simannaa ho'aa tahe argate.

Dhangaa qurxummii, Festivaala Giril, Koot divuwaaar, Abijaanitti taasifamuuf qophaa'aa jiru.

Guyyaadhuma sana gara galgalaa, nyaata qopheessaan Festivaala Giril, Koot divuwaaar, Abijaanitti taasifamuuf dhangaa qopheessaa jira.

Madda suuraalee: BBC, AFP, EPA, Getty Images fi Reuters