Dhukaasa Waashingitan booda sodaa fi jeequmsa ture suuraan

Gabaastonni Waayit Haawus hafeerraa irbaataa Tiramap irratti argamerratti yeroo dhukaasni banametti namoonni teessuma jala yeroo dhokatanitti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gabaastonni Waayit Haawus hafeerraa irbaataa Tiramap irratti argamerratti yeroo dhukaasni banametti namoonni teessuma jala yeroo dhokatanitti
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Yeroo sagantaan irbaataa gaazexeessitoonni Waayit Hawus gaggeeffamaa turetti dhukaasni wayita hidhataa tokkoon banametti Pirezidant Doonaald Tiraampiifi aanga'oota olaanoo dabalatee namoonni irbaata kanarra turan hatattamaan bakka sana gadhiisanii akka deeman taasifamaniiru.

Hafeerraan irbaataa kun kan qophaa'e Hoteela Hilten magaalaa Waashgiteen keessatti argamutti ture.

Ameerikaatti namoonni siyaasaa olaaniifi maqaa guddaa qaban, dippilomaatonni, akkasumas gaazexeessitoonni galma Hoteela Hilten Waashingiteen jirutti argamanii ture.

Akkuma dhukaasni dhaga'ameen teessumaafi minjaala jala dhokachuuf dirqamaniiru.

Namni dhukaasa kana banuun shakkame kun Kool Tomaas Aleen kan jedhu yoo ta'u, jiraataa Kaalifoorniyaa umuriin isaa waggaa 31 ta'edha jechuun miidiyaaleen Ameerikaa gabaasaniiru.

Wixata mana murtiitti dhiyaatee himanni akka irratti banamus ibsameera.

Miseensi tikaafi nageenyaa Ameerikaa tokko miidhamee hospitaalatti wallaanamaa jiraachuu aanga'oonni biyyattii dubbataniiru.

Taateen halkan sana irbaatarratti ture suuraan maal fakkaata?

Miseensonni tikaafi nageenyaa Tiraamp akka hatattamaan waltajjiirraa bu'u yeroo godhan, loltoonni kaan ammoo naannoo sana caqasaa/hordofaa turan.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni tikaafi nageenyaa Tiraamp akka hatattamaan waltajjiirraa bu'u yeroo godhan, loltoonni kaan ammoo naannoo sana caqasaa/hordofaa turan.
Miseensonni nageenyaa qawwee qiyyaafatanii mul'atu

Madda suuraa, Getty Images

 Ministirri fayyaa Roobert F Kenedii galma sana keessaa akka ba'u yeroo taasismaa jirutti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri fayyaa Roobert F Kenedii galma sana keessaa akka ba'u yeroo taasismaa jirutti
Miseensota tikaafi nageenyaa meeshaa qiyyaafatanii yeroo socho'aa jiranitti

Madda suuraa, Getty Images

Gargaartota dhiyoo Tiraamp keessaa tokko kan ta'e Isteefen Miiler fi haati warraasaa Kaatii gara bakka nageenya amansiisaa qabutti geeffaman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gargaartota dhiyoo Tiraamp keessaa tokko kan ta'e Isteefen Miiler fi haati warraasaa Kaatii gara bakka nageenya amansiisaa qabutti geeffaman
Af-yaa'iin mana maree Ameerikaa Maayik Joonsan miseensota tikaafi nageenyaan galma sana keessaa akka ba'an taasifameera.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Af-yaa'iin mana maree Ameerikaa Maayik Joonsan miseensota tikaafi nageenyaan galma sana keessaa akka ba'an taasifameera.
Kophee dubartiifi faayaa lafa jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kophee dubartiifi faayaa lafa jiru
 Namni dhukaasa kana banuun shakkame suurri isaa Tiraampiin qoodameera

Madda suuraa, @realDonaldTrump/ Truth Social

Ibsa waa'ee suuraa, Suura ajaja Tiraampiin Waayit Haawus qooderratti namni mudhii ol qullaa ta'e harkisaa duubatti hidhamee lafarra ciisee mul'ata. Duuba isaan ammoo miseensonni tikaafi nageenyaa ni mul'atu.
Bakka dhukaasni itti baname Hoteela Hilten Waashingiten jirutti konkolaataan poolisii dhaabbataa yeroo jiru ni mul'ata

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Bakka dhukaasni itti baname Hoteela Hilten Waashingiten jirutti konkolaataan poolisii dhaabbataa yeroo jiru ni mul'ata
Tiraamp erga suura shakkamaa kanaa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti qoodee booda osoo baayyee hin turiin, Waayit Haawus, kutaa itti gaazexeessitootaaf ibsa kennan keessatti gaaffii gaazexeessitootarraa dhiyaateef deebii kenneera.

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp erga suura shakkamaa kanaa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti qoodee booda osoo baayyee hin turiin, Waayit Haawus, kutaa itti gaazexeessitootaaf ibsa kennan keessatti gaaffii gaazexeessitootarraa dhiyaateef deebii kenneera.
Gabaastonni Waayit Haawus baayyeen uffata irbaataa hafeerraa kanarratti argamuuf uffataniin ibsa gaazexeessitootaa Tiraamp kennurratti argamaniiru

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gabaastonni Waayit Haawus baayyeen uffata irbaataa hafeerraa kanarratti argamuuf uffataniin ibsa gaazexeessitootaa Tiraamp kennurratti argamaniiru
Melaaniyaa Tiraamp Kaarolaayin Leviit, Piit Hegiseet, Maarkoo Ruubiyoo fi aanga'oota biroo cinaa dhaabattee mul'atti.

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Melaaniyaa Tiraamp Kaarolaayin Leviit, Piit Hegiseet, Maarkoo Ruubiyoo fi aanga'oota biroo cinaa dhaabattee mul'atti. Tiraamp haadha warraasaa Melaaniyaatti taateen Hoteela Hilten kun "rifaasisaa" akka ture himeera.
Keessummoonni galma sana gadhiisanii erga ba'anii booda hafeerraan irbaataa addaan cite itti fufa waan jedhameef bitaa itti galee ala dhaabbachaa yeroo jiran mul'atu

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Keessummoonni galma sana gadhiisanii erga ba'anii booda hafeerraan irbaataa addaan cite itti fufa waan jedhameef bitaa itti galee ala dhaabbachaa yeroo jiran mul'atu