Yeroo muddamni cimetti Obasaanjoon gara Maqalee imaluun maal akeeka?

Madda suuraa, DWET
Pirezidaantiin duranii Naayijeeriyaafi dhimma Gaanfa Afrikaarratti bakka bu'aa Gamtaa Afrikaa kan ta'an Oliseegun Obasaanjoo Kamisa, Waxabajjii 11, gara Tigraayitti imaluun duta TPLF kan ta'an Dabratsiyoon Gabramikaa'el waliin mariyataniiru.
Imalli Obasaanjoon gara Maqaleetti taasisan kun yeroo mootummaa federaalaa Itoophiyaafi TPLF gidduu muddamni waraanaa yeroo kamuu caalaa dabalaa dhufetti.
Oliiseegun Obaasaanjoo Gamtaa Afrikaa bakka bu'uun Waliigaltee Piritooriyaa mootummaan Itoophiyaafi TPLF waliif mallatteessan nama jaarsummaan adda dureen gaggeessaniidha.
Kaayyoon daawwannaa Maqaleetti taasisuusanii haalli amma 'mootummaa federaalaafi TPLF gidduu jiru akka hin hammaanne' gochuuf akka ta'e Obasaanjoon miidiyaaletti dubbataniiru.
Yeroo kaaba Itoophiyaatti waraanni irra deebiin ka'uu mala jedhamee sodaatamaa jiru kanatti Obasaanjoon gara Tigraay deemuun TPLF waliin mariyachuunsaanii maal agarsiisa? Mootummaa federaalaafi TPLF gidduu waraanni deebi'ee akka hin kaane gochuu itti milkaa'uu danda'uu? jennee ogeessa seera idiladdunyaafi dippiloomaatii UN kan ta'an Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa dubbisneera.
Obasaanjoon gara Tigraay imaluunsaanii qaamni lamaanuu nagaan akka bu'u barbaaduu kan akeeku ta'uu ibsuun, "nagaa buusuuf garuu haala qaamni lamaan irra jirantu murteessa" jechuun garuummoo jalqabbiin taasifame abdii kan horu ta'uu ibsu.
Haala mootummaan federaalaafi TPLF keessa jiran gadi fageenyaan akka hin beekne kan himan Obbo Baayyisaan, Obasaanjoon hayyama qaamolee lamaanii malee gidduu seenuu akka hin dandeenye kaasu.
"Osoo qaamni lamaan walii hin galin kana keessa galuu hin danda'u ture Obasaanjoon; kana jechuun qaamni lamaaniyyuu akka nagaan bu'u barbaadaniiru jechuudha malee ofumasaatiin ka'ee hin dhaqu Obasaanjoon. Akka Obasaanjoon gidduu lixee wajjin haasa'uuf jarri lachuu waliigalaniiru," jedhu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama biraan ammoo Itti gaafatamaa Waajjira Kominikeeshinii Naannoo Tigraay kan ta'an Dr. Abrahaam Hagoos ibsa miidiyaalee naannichaaf kennaniin, mootummaa federaalaa waliin mariin akka gaggeeffamuuf Gamtaan Afrikaafi hawaasa dippilomaasii gaaffii dhiyeessaa akka turan dubbatan.
Obasaanjonis gara Tigraayi imaluunsaanii kanumaaf ta'uu kaasan.
"Mootummaan Tigraay gara bakka duraanitti erga deebi'ee booda [TPLF bulchiinsa yeroo Jeneraal Taaddasaa Warradaan hogganamu diiguun bulchiinsa haaraa erga hundeessee] Gamtaan Afrikaafi hawaasi idiladdunyaa akka waliin mariyattan goona gaaffin jedhu dhiyaataa ture.
"Gamtaa Afrikaa bakka bu'uun jilli pirezidaantii duraanii Naayijeeriyaa Oliseeguun Obasaanjoon hogganamu mootummaa Tigraay waliin haala waliigalaa dhimma yeroo irratti mariteera," jechuun ibsan Dr. Abrahaam.
Obasaanjoon dubbiin akka hin hammaannef guyyuma gara Maqaleetti imalan, barreeffamni dheeraan gorsaa MM Abiy kan ta'an Obbo Getaachoo Raddaafi Daayireektara Olaanaa Tika Itoophiyaa kan ta'an Reedwaan Husaaniin Aljazeera irratti barreessan baheen, TLPF guyyoota muraasa keessatti waraana labsuu akka danda'u ibsan.
Imala Obasaanjoofi himannaa cimaa qondaalonni olaanoon mootummaa federaalaa miidiyaa Aljazeera irratti TPLF irratti dhiyeessaniifi wantoota biroo deemaa jiran wal-bira qabuun gaafa ilaaltan muddamni kun garamitti qajeeluu danda'a? kan jedhuuf qaamni diinatti wal-farrajje hanga gaafa waliigalutti walitti duulufi maqaa wal-xureessuun waanuma jiru akka ta'e kaasu Obbo Baayyisaan.
"Qaamni lama gaafa wal-dhabu, qaama diina jettee keesse nagaadha jettee hin dubbattu. Inni gadheedha, anatu gaaridha jettee dubbachuutu sirra jira. Kun waanuma jiruudha," jechuun garuu "inni bu'uuraa Obasaanjoon lamaansaanirraa waadaa waan tokko osoo hin argatin keessa hin lixu," jedhu.
"Milkaa'uu dhiisuu danda'a, kanuma jalqabuun mataansaa garuu akka waan gaarittan ilaala."
Waliigalteen Piritooriyaa erga mallattaa'ee Kaaba Itoophiyaatti waraanni jiraachuu baatus, qaamoleen lamaan walitti deemanii mariyatanii rakkoo siyaasaa bu'uuraa ta'e furachuu akka hin dandeenye ka'aa ture.
Mootummaan federaalaafi TPLF yeroo garaa garaatti Waliigalteen Piritooriyaa akkaa hin milkoofne "situ danqe" jechuun wal-himataa turan.
Mootummaan gamasaan TPLF Ertiraa dabalatee humnoota "diina Itoophiyaa ta'an" waliin hojjataa jira jechuun himataa ture.
Keessumaa mootummaan federaalaa yeroo turtii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Jeneraal Taaddasaan hogganamu waggaa tokkoof dheeressuu hordofee tarkaanfiin TPLF bulchiinsa yeroo diiguun, mana maree waraana dure ture iddootti deebisuu fudhate muddama cimaa uume.












