Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy Ahimad Yaa'ii BRICS irratti hirmachuuf Indiyaa jira
Yeroo haalli nageenyaa Galaana Diimaa fi Yaman keessatti daran hammachaa jirutti Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Abiy Ahimad Pirezidaantii Iraan waliin marii gaggeessuu ibse.
Abiy Ahimad, walga'ii hoggantoota BRICS 18ffaa irratti hirmaachuuf Indiyaa Jimaataa, Fulbaana 11, 2026 magaalaa Niiwu Deelihii galeera.
Yaa'iin BRICS 18ffaa Fulbaana 12 fi 13, 2026, Niiwu Deelihii keessatti gaggeeffamaa jira. Indiyaan bara kana BRICS kan keessummeessitu yoo ta'u, Muummichi Ministeeraa Naarendiraa Moodii hoggantoota biyyoota miseensa BRICS ta'an simachaa jira.
Itoophiyaan miseensa haaraa garee kanaa keessaa tokko kan taatee, miseensummaa ishee Amajjii 1, 2024 irraa eegalte.
Yaa'ii BRICS cinaatti MM Abiy har'a Pirezidaantii Iraan Masuud Pezeeshkiyaan waliin marii gaggeesseera jechuun fuula Feesbukiisaa irratti maxxanse.
Akka hogganaan Itoophiyaa jedhutti, mariin isaanii haala Galaana Diimaa fi nageenya bal'aa naannichaa, akkasumas barbaachisummaa marii fi tasgabbii naannoo irratti xiyyeeffate.
Marii kun yeroo haalli nageenyaa Galaana Diimaa fi Yaman keessatti daran hammachaa jirutti dhufe. Gareen Huutii, kan Iraaniin deeggaraman, Yaman keessatti tarkaanfii waraanaa saffisaa fudhachuun naannoo qarqara Galaanaa Diimaa irratti to'annoo isaa babal'isaa jira.
Tarkaanfiin kun daandii doonii daldala idil-addunyaa irratti baay'ee barbaachisaa ta'e, ulaa Baab El Mendeb jedhamu, irratti yaaddoo nageenyaa guddaa uumeera.
Ulaan Baab El Mendeb Galaana Diimaa fi Galaan Arabiyaa, Jibuutii fi Ertiraa gidduutti argama.
Karaan kun daldala Eeshiyaa, Baha Giddugaleessaa, Afrikaa fi Awurooppaa walqunnamsiisuuf murteessaa dha. Kanaaf jeequmsi naannoo kanaa biyyoota Gaanfa Afrikaa, daldala naannoo fi geejjiba galaanaa addunyaa irratti dhiibbaa qabaachuu danda'a.
MM Abiy Kora BRICS kan acinaatti ministira muummee Maleezhiyaa Aniwaar Ibiuraahim waliinis wal arganii akka waliin miriyana fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirraati bsaniiru.
Mariin aanga'oota lameenis dhimmoota investimentii, Turiizimii, michumma annisuu haara'uu babal'isuufi imala gara COP32tti taasifamurratti haala tumsa cimsuun danda'amurratti kan xiyyeeffate ture.
Dabalataansi haala muuxannoo milkaa'ina misooma Paarkiiwwan Industirii fudhachuun danda'amurrattis mariyataniiru.
Ebla, 2026 irraa kaasee Iraan ulaa murteessaa kana cufuu akka dandeessu dhaadachaa turte.
Iraan Bitootessa 4, 2026 Iraan Ulaa Hormuuz cufuu ibsite. Kunis bob'aan Galoo-galaana Parshiyaa keessaa akka hin baane godheera.
Ji'a itti aanu ulaa Galoo-galaana Edeniifi Galaana Diimaa gidduu kan argamu Ulaa Baab El Mendeb sochii daldalaa naannichaa danquuf dhaadatte.
''Baab El Mendeb ulaawwan galaanaa tarsimawaa jedhaman keessaati. Iraan ammoo dandeettiifi fedhii ulaa kana danquu qabdi,'' jechuun hogganaan waraana mootummaa Iraanitti dhiyeenya qaban dubbachuu maddi oduu Iraan Taasniim gabaasee ture.
Ulaan Baab El Mendeb cufamnaan dhiyeesiin boba'aaa harka 12 tahu ni raafama jechuudha.
Akka odeeffannoon boba'aa Ameerikaa agarsiisutti taanaan biyyoota Baha Gidduugaleessaa fi Eeshiyaa irraa bob'aan gara Lixaa adeemu baarmelli miiliyoona shan tahu ulaa kana keessa darba.
Kana malees gaasiin dhangala'aa addunyaa %8 tahu sararuma kana keessa waan darbuuf dhiyeessii aannisaa addunyaa keessatti iddoo guddaa qaba jechuu dha.
Kanaaf, jeequmsi Yaman keessatti hammaachuun daldala addunyaa fi nageenya biyyoota Gaanfa Afrikaa irratti dhiibbaa qabaachuu danda'a.
BRICS jalqaba Biraaziil, Raashiyaa, Indiyaa fi Chaayinaan kan hundaa'e yoo ta'u, Afrikaa Kibbaa bara 2011 keessa itti makamte. Bara 2024 keessa Itoophiyaa, Iraan, Masrii fi UAE'n miseensa ta'an; Indooneezhiyaan immoo bara 2025 keessa itti dabalame.
Itoophiyaaf miseensummaan BRICS daldalaa fi invastimantii babal'isuuf, gabaa haaraa argachuuf, tumsa dinagdee fi faayinaansii cimsuuf, akkasumas sagalee biyyoota Afrikaa fi biyyoota galii gadi aanaa ykn giddu galeessaa Global South jedhaman keessatti murtiiwwan addunyaa irratti caalaatti dhageessisuuf carraa uuma.
BRICS keessatti Baankii Misoomaa Haaraa (New Development Bank) jiraachuunis biyyoota miseensa ta'an keessatti pirojektoota misoomaa fi bu'uuraalee misoomaa deeggaruuf faayidaa qaba.