Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haalota ajaa'ibaa biyyoonni adda addaa Bara Haaraa itti simatan
Roobi gannaa darbee, bacaqiin qooree booqaan birraa yeroo bari'u Itoophiyaan bara haaraa kabajji. Itoophiyaan Fulbaana 1 bara haaraa guyyaa itti eegaltuudha.
Bara haaraa kanatti Itoophiyaanonni akkaataadhuma humnasaanitti nyaataa dhugaatii qopheessanii ollaa firri wal-waamee bara haaraa simata.
Baga ganna bacaqii baatanii booqaa birraa agartan jedhees hawwii qabu waliif ibsa. Itoophiyaafi biyyaanni sirna lakkoofsa baraa Juuliyaan hordofan muraasni Fulbaana 1 bara haaraa kabajatu.
Biyyoonni kaan hoo akkamiin bara haaraa kabaju?
Biyyoonni lixaa hedduunsaanii erga Itoophiyaan bara haaraa simattee ji'oota afur booda Amajjii 1 bara haaraa kabaju.
Biyyoonni Eshiyaa tokko tokko ammoo kanarraa bifa adda ta'een bara haaraasaanii kabajatu.
Iraan fakkeenya yoo fudhanne, bara lakkoofsa Hijiraa irraatti hundaa'uun yeroo hundumaa Bitootessa keessa kabajji.
Chaayinaanis akkasuma bara haaraa kan mataashee kan qabdu yoo ta'e, sirna lakkoofsa baraa Luunaar jedhamu hordofti.
Bara haaraa Chaayinaa kan adda taasisu ammoo ji'i itti kabajamu waggaa afur afuriin kan jijjiiramu yoo ta'u Bitootessa keessa kabajji.
Chaayinaanis akkasuma bara haaraa kan mataashee kan qabdu yoo ta'e, sirna lakkoofsa baraa Luunaar jedhamu hordofti.
Bara haaraa Chaayinaa kan adda taasisu ammoo ji'i itti kabajamu waggaa afur afuriin kan jijjiiramu yoo ta'u Bitootessa keessa kabajji.
Dhukaasuu
Biyyi Eshiyaa biraa bara haaraa ji'a Bitootessaa keessa kabajju ammoo Kooriyaa Kaabati.
Piyoong Yaang faallaa biyyoota lixaa dhaabbachuun kan beekamtu yoo taatu, sirna lakkoofsa bataa kan mataashee Soolaar jedhamu qabdi.
Biyyi Hindi ammoo bara haraashee ji'a Eblaa keessa kabajji.
Biyya Baha Giddugaleessaa kan taate Israa'el ammoo bara haaraa kan kabajju ji'a Onkoloolessaa keessa yoo ta'u lakkoofsa baraa kan warra Hibruu hordofti.
Barri haaraa Israa'el kun afaan warra Hibruun Roosh Hashanaa jedhamuun beekama.
Biyyoota addunyaa heddu keessatti barri haaraan yeroo kabajamu richiitii dhukaasuun baramaa dhufeera.
Keessumaa ammoo halkan walakkaa dhukaafama.
Sahaanii cabsuu
Deenmaarkitti garuu barri haaraan yeroo kabajamu waan addaa godhamu tokko jira. Innis sahaanii cabsuudha.
Lammiileen Deenmaark bara haaraa yeroo simatan halkan walakkaa booda, balbala manasaanii duratti sahaanii cabsuun barri haaraan bara milkii akka ta'uuf hawwu.
Deenmaarkitti namoonni bara haaraa yeroo simatan sahaanii kan cabsan balbala mansaanii dura qofaa osoo hin taane, ollaa, mana firaa ykn hiriyaa deemuun balbalasaanii duratti sahaanii cabsuun baramaadha. Kunnis barri haaran kun bara milkii akka ta'uuf hawwii qaban agarsiisudhaaf kan godhamuudha.
Missira nyaachuu
Biraazilitti ammoo barri haaraan yeroo kabajamu misira nyaachuun baramaadha. Kunis barri haaran bara milkiifi badhaadhinaa akka ta'u milkii ilaalutti fakkeeffama.
Ispeenitti ammoo barri haaraan seenuuf yeroo jedhu halkan walakkaa irraa kaasee ija wayinii nyaachuun kabaju.
Halkan walakkaa erga ta'ee kaasee garaa garummaa sa'aatii tokkoon ija wayinii tokko afaan kaa'atu.
Iji wayinii tokko garaa garummaa sa'aatii tokko tokkoon nyaatan bara haaratti waan gaarii fida jedhanii amanu.
'Kubbaa' buusuu
Ameerikaa, Niiw Yoorkittimmo akkitti Bara Haaraa kabajan addadha.
Kubbaa guddaa ulfaatu utubaa sibilaarra fannisu. Barri moofaa xumuramuuf daqiiqaan tokko yeroo hafu sakandii tokko tokkoon suuta gadi bu'uu eegala.
Namoonni bira dhaatanis sakandii kana waliin lakkaa'aa waliin kabaja.
Yeroo halkan qixxee gahu richiitiin dhukaafama. Kunis, barri haaraa seenuu labsuufi.
Kubbaa gadi buusuun kuni adeemsa Bara Haaraa labsuu godhameeti ilaalama.
Uffata bineensaa uffachuu
Romaaniyaatti ammoo uffata bifa bineensa beer jedhamuu uffachuun shubbisuufi hafuura hamaa ofirraa ifataa kabajuun baramaadha.
Biyyoonni akka Jaappaanifi Kooriyaa Kibbaa ammoo baraa bilbila guddaa sagalee dhageessisu bilbiluun kabaju.
Bilbila harkaa akka isinitti hin fakkaanne, kan bataskaana fa'aatti sirni sagadaa ittiin gaggeeffamuudha.
Jaappaanitti si'a 108 kan bilbilamu yoo ta'u, yeroo ayyaana waggaa simatan mandara hundumaa keessaa sagaleen bilbilaa dhagahamuun baramaadha.