Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan dhimma Abbayyaafi Galaana Diimaa irratti ejjennoo Masrii agarsiisuun Itoophiyaaf maali?
Pireezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing biyyi isaanii hariiroo dippiloomaasii Masrii wajjin itti eegalte waggaa 70ffaa sababeeffachuun torbee kana Kaayirootti imalanii ture.
Wiixataaa fi Kibxata darbe Hagayya 26 fi 27/2018 A.L.I daawwannaa Masriin booda biyyooti lameen ibsa waloo baasaniin ejjennoo jajjabaan mul'ateera.
Ibsi kuni dhimma Abbayyaa Masriin Itoophiyaa waliin ittiin waldhibduufi dhimma Galaana Diimaa yeroo dhihoo as ajandaa Finfinnee tahe kaaseera.
Dhimmooti lameen ibsa kanarratti bahan kan Masriin kanaan dura irra deddeebiin kaasaa turte dha.
Dhimmichi xiyyeeffannoo akka argatu kan godhe ilaalcha Masriin Abbayyaa fi Galaana Diimaa irratti qabdu ejjennoo Chaayinaas tahuun ibsa kana irratti bahuu dha.
''Ibsa kana keessatti jechooti faayidaarra oolan afaan Masrii dubbatu,'' jedhan gorsaan qabeenya bishaanii, laggeen daangaa ce'aniifi dippiloomaasii haayidiroo Faqahimad Nagaash.
Ogeeyyiin dippiloomaasii haayidiroo lama BBC'n dubbise akka jedhanitti ibsa miilanaa irratti ejjennoo Chaayinaan kanaan dura dhimma Abbayyaa irratti adeemsa walabaaa hordofaa turterraa adda jechuun hubachiisu.
Onkololeessa darbe ibsa waloo Gamtaa Awurooppaa fi Masriin baasan dhimma Abbayyaa irratti ejjennoon mul'ate gama Itoophiyaan mormii kaasee ture.
Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp Hidha Haaromsaa irratti yaadni kennaa ture Masriif akka loogu mul'iseera.
Ibsa miilanaan immoo biyyi jabduu lammataa addunyaa Chaayinaan gara ejjeennoo Masrii goruun maal agarsiisa? Itoophiyaaf hiika akkamii kenna?
Ibsi waloo Chaayinaafi Masrii maal jedha?
Ibsi waajira pireezidantii Masrii fi madda oduu Chaayinaa Shinuwaa irratti bahe qabxiilee 21 biyyoota lameen ilaallatu qabatee jira.
Ibsa kanarratti qabxiin sadaffaa irratti dhiyaate biyyooti lameen ''faayidaa bu'uuraafi yaaddoo ijoo'' ilaalchisuun waldeeggarsa hin raafamne akka qaban ibsa.
Chaayinaan dhimma bulchiinsa Taayiwaan akka qaamasheetti ilaaltu yoo kaastu Masriin ammoo dhimma Abbayyaa kaasteetti.
Ibsa kun ''Gamni Chaayinaa lagni Naayil sarara jireenyaa Masrii ijoo tahuusaatiin faayidaa murteessaa qabu akka hubatu mirkaneessa,'' jedha. ''Masriin wabii nyaataafi bishaanii akkasumas faayidaa misoomaa mirga eegsisuu,'' akka qabdu Chaayinaan ibsa kanaan beekamtii kenniteetti.
Dabalataanis biyyooti lameen ''biyyoota yaa'a Naayil hundarratti dhibbaa otoo hin uumiin seera idil addunyaa akka kabajan,'' waamicha dhiyeesseera.
Masriin gamasheen ''qajeelfama Chaayinaa tokko'' jedhuufi Taayiwaan ''bulchiinsa Chaayinaarraa hin foxxoqne,'' tahuusheef beekamtii akka kennitu beeksisteetti.
Kutaa dhimmi Galaana Diimaa ke'erratti ammoo Pireezidant Shii fi Pireezidant Al siisiin Gaanfa Afrikaa irratti ''tasgabbii jabeessuu, walabummaafi tokkummaa daangaa biyyoota naannichaa kabajuu,'' akka gaafatu beeksisaniiru.
Dabaluunis, "bulchiinsaa fi nageenya Galaana Diimaa irratti itti gaafatamummaan guddaan kan biyyoota ollaa qarqara galaanichaa ta'uu fi fedhiin biyyoota kanaa guutummaatti kabajamuu qaba," jechuun ibsaniiru.
"Bilisummaa imala galaanaa fi daldala idil-addunyaa mirkaneessuuf," tumsi biyyoota naannoo kana gidduu jiru jabaachuu akka qabus eeraniiru.
Ibsa waloo Beejingii fi Kaayiroo kana irratti, "nageenyi Galaana Diimaa kan ilaallatu biyyoota qaama bishaanichaa daangessan qofa" jedhu, ejjennoo Masriin kanaan dura Eritiraa fi Jibuutii waliin tahuun qabatte dha.
Masriin biyyoota biroo waliin tahuun baasaa jirtuun, fedhiin Galaana Diimaa irratti qabdu maal akka tahe waan ibsite hin qabdu. Haa ta'u malee, ejjennoon kun kan mul'achaa jiru yeroo mootummaan Itoophiyaa Galaana Diimaa irratti buufata galaanaa argachuuf fedhii ifa tahe agarsiisaa jirutti dha.
Ministirri Hajaa Alaa Chaayinaa Waang Yii, Amajjii darbe gara Finfinneetti, Ministira Muummee Abiy Ahmed waliin yeroo walarguun booda ibsa bahe keessatti, dhimmi buufata galaanaa argachuu ka'ee ture.
Ibsa kana keessatti, Chaayinaan dhimma ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaa irratti qabxiin kaaste waan dimshaashaati jedhamuu danda'a.
Dhimmooti loojistikii, kanneen akka buufata galaanaa argachuu, "walabummaa fi tokkummaa daangaa biyyoota waan ilaallatuu" akkasumas "Chaartara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi seera idil-addunyaa ... kabajuurratti hundaa'uu" akka qabu ibsite.
Itoophiyaan gama isheetiin, "Taayiwaan qaama mootummaa Chaayinaa irraa adda baafamuu hin dandeenye" jechuun, qajeelfama "Chaayinaa tokko" jedhuuf kutannoo qabdu ibsa waloo kana keessatti mirkaneessitee turte.
Jechooti ibsa kanaa maal akeeku?
Gorsaan dhimma dippiloomaasii haayidiroo Faqahmad akka jedhanitti, Masriin "keessumaa biyyoota jajjaboo waliin yeroo waliigaltee raawwattu, dhimma Naayilii fi qooda bishaanii bishaan kana irratti qaba jettu kaasuunshee hin oolu,'' jedhu.
Onkololeessa darbe bara 2018 A.L.I. korri jalqabaa Gamtaa Awurooppaa fi Masrii gaggeeffamuun booda ibsi bahe, dhimma Abbayyaa irratti ejjennoo wal fakkaataa mul'iseera.
Gamtaan Awurooppaa "dhimma hidha Itoophiyaa dabalatee," Masriif "deeggarsa wabii bishaanii" akka kennu beeksisee ture.
Ibsi kun jecha "miidhaa kamiyyuu geessisuu dhiisuu" jedhu qabatee kan ture yoo tahu yeroo sana embaasiin Itoophiyaa Biraasals jiru mormeera.
Embaasichi ibsa Gamtaan Awurooppaa Masrii waliin baase, Kaayiroon laga Abbayyaa irratti "mirga gita bittaa fi qofaa to'achuu kan akeeku dha," jechuun qeeqeera.
Marii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irratti walittiqabaan koree teeknikaa Geediyoon Asfaaw, "kun ibsa waloo baramaa hoggantoonni biyyaa yeroo wal argan baasani dha," jedhu.
Haa ta'u malee, ''ibsa kana irratti qabxiileen barreeffaman jechootaa fi qajeelfamoota gama Masriin irra deddeebiin eeraman" tahuus ibsaniiru.
Geediyoon , jechoota ibsa kana keessatti eeraman keessaa "miidhaa guddaa geessisuu dhiisuu" isa jedhu hin fudhatan.
"Ibsa 'miidhaa guddaa geessisuu dhiisuu' jedhu keessaa 'guddaa' jedhu baasanii, guutummaatti 'miidhaa geessisuu dhiisuu' qajeelfamni jedhu, waliigalteewwan ykan qajeelfamoota idil-addunyaa kamiyyuu keessa hin jiru," jechuun dubbataniiru.
Yaada kana kan qooddatan gorsaan dippilomaasii haayidiroo Faqahmadis, "seerri idil-addunyaa 'miidhaa kamiyyuu geessisuu dhiisuu'' jedhu hin jiru jedhu.
''Miidhaa guddaa geessisuu dhiisuu'' jechuun of eeggannoo gochuu jechuu dha," jechuun yaada walfakkaataa kaasaniiru.
Faqahmad, jechoonni "Abbayyaan sarara jireenyaa Masriiti'' jedhan, akkasumas faayidaa bishaanii irratti "mirga seeraan eegsisuu" jedhan, afaan Masriin fayyadamtu dha jedhaniiru.
Ejjennoon Chaayinaa kuni haaraa dha?
Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa erga xumuramee waggaa tokko guutuuf jiru Finfinnee fi Kaayiroo gidduutti madda wal-dhabdee fi muddamaa tahuun itti fufeera. Ijaarsi hidhaa fi bishaan itti guutuun yoo xumuramullee, bulchiinsi bishaanichaa dhimma Masriin ammallee komii itti kaastu ta'ee jira.
Masriin bulchiinsi bishaan kanaan Sudaan irratti "dhiibbaa geessisa,'' jetti. Yeroo hongeen dheeraan mudatu, akkaataa bishaan kuni yaa'u irratti waliigalteen akka taasifamu barbaaddi. Akkasumas, bishaan Abbayyaa ilaalchisee waliigaltee dirqisiisaa akka mallatteeffamu irra deddeebiin gaafatti.
Itoophiyaan himannaa Masrii kana kufaa gochuun, galtee laga Abbayyaa harka guddaa gumaachitu irraa fayyadamuuf mirga akka qabdu ibsiti.
Muddamni Itoophiyaa fi Masrii waggootaaf adeemaa jiru kana keessatti, Chaayinaan ejjennoo 'walabaa' qabaattee turuu, ogeessooti dippiloomaasii haayidiroo lamaan kunneen ni yaadachiisu.
Faqahmad, yeroo dhimmi Hidha Haaromsaa Guddichaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti ka'e, ejjennoo Chaayinaan yeroos qabatte akka fakkeenyaatti kaasu.
Dhuma bara 2013 A.L.I. yeroo Manni Maree Nageenyaa dhimma Hidhaa Abbayyaa ilaalchisee kora taa'etti, Chaayinaan Gamtaan Afrikaa dhimma kana akka furu deeggarsa ishee ibsuudhaan, ejjennoo walabaa qabattee ture.
Yeroo sana bakka bu'aan Chaayinaa kan turan Shiing Jun, biyyisaanii 'Masrii, Itoophiyaa fi Sudaan yaaddoo seeraa Hidha Haaromsaa Guddicha irratti qaban guutummaan guutuutti akka hubattu' dubbatan.
Dabaluunis 'Chaayinaan, tattaaffii waloon Hidhi Haaromsaa Guddichi xumuramuun pirojektii misoomaa injifannoo biyyoota sadeenii, wal-amantaa fi tumsaan hundi isaanii irraa fayyadamu danda'an akka tahe amanti,' jedhan.
Haasaan Chaayinaa yeroo sana Mana Maree Nageenyaa keessatti taasifte, bara 2015 A.L.I. ibsa qajeeltoo biyyoonni sadan dhimma Hidha Haaromsaa irratti mallatteessanifillee dinqisiifannaa kan agarsiise ture.
Haa ta'u malee, ejjennoon Chaayinaan Masrii waliin miilana baafte, gama kanaan, 'jechootaa fi qajeeltoowwan waliigaltee qajeelfamaa irratti kaa'ame hin hordofu,' jechuun Geediyoon dubbatu.
Jijjiirraan ejjennoo kuni Itoophiyaaf maali?
Akka Faqahmad ibsanitti, ejjennoon kun gama Chaayinaan mul'achuun 'gara Masriitti goraa akka jirtu agarsiistuu tahuu danda'a. ''Chaayinaan biyyoota Baha Giddugaleessaa waliin hariiroo cimaa qabaachuu barbaaddi,'' jechuun yaada kennu.
Hariiroo kana milkeessuuf ammoo "Masriin haala naa mijeessiti" amantii jedhu qabaachuu dandeessi,' jechuun tilmaama isaanii dhiyeessu.
Kunis tattaaffii Chaayinaan dhimma Taayiwaan irratti deeggarsa argachuuf gootu keessaa tokko ta'uu akka danda'u eeru. Masriin waggaa 70 dura biyya Koministii Chaayinaaf beekamtii kennuun biyya Arabaa jalqabaa waan taateef, dhimma oolmaa deebisuu tahuus mala jedhu.
Hidha Haaromsaa Guddichaa irratti qaamota garagaraa waliin marii kan taasisan Injiinar Geediyoon, ibsi akkanaa Masriif 'loogu' Itoophiyaaf 'waan haaraa miti' jedhu. ''Ibsa biyyoota biroo fi xalayaawwan isaanii keessattis, kanaan dura akkuma argine, dhimmoota xiqqoo gara tokkootti jallatan, keessumaa gara Masriitti jallatan argineerra; hubanneerra,'' jedhu.
Ejjennoo bulchiinsi Pirezidaantii Ameerikaa Donaald Tiraamp dhimma Abbayyaa irratti mul'ises akka fakkeenyaatti eeru. Pirezidaantichi Amajjii darbe xalayaa Pirezidaantii Masrii Abdulfattaah al-Sisiif barreessan keessatti, ''biyyi kamiyyuu qabeenya qaalii Naayil qofaatti to'achuu fi adeemsa sana keessatti ollaa miidhuu hin qabu,'' jedhan.
Akkasumas, 'faayidaa lagni Naayil Masrii fi uummata isheef qabu akka hubatan' eeruun, sababa bishaanichaan wal-dhabdee Kaayiroon Finfinnee waliin keessa seente araarsuuf, biyyi isaanii qophii ta'uu beeksisanii turan.
Ibsa Chaayinaa miilanaa kan eeruun Geediyoon, ''sadarkaa idil-addunyaatti, ejjennoon biyyoonni gurguddoon fudhatan dhiibbaa qabaata. Tattaaffii biyyoota laga Abbayyaa qooddatan gidduutti waliigaltee uumuuf taasifamu keessatti dhiibbaa hin qabaatu jechuun hin danda'amu,'' jedhaniiru.
Haa ta'u malee, ''Chaayinaas taate Ameerikaan, akkasumas biyyoonni gurguddoon biroo, hariiroon isaan biyya keenya waliin qabanis waan salphaatti ilaalamu miti,'' jechuun adeemsa keessa 'wantoonni sirreeffamaa deemuu' akka danda'an amantaa isaanii ibsaniiru.
Gorsaan haayidroo-poolotiksii Faqahmadis akkasuma, 'Duraan Gamtaan Awurooppaas ejjennoo 'walabaa' qaba ture; yeroo dhiyoo as garuu ibsa Masriif 'loogu' yeroo baasu mul'ataa jira jedhan.
'Biyyoonni kun sooreeyyii, biyyoota humna qabani dha. Dippilomaasii fi siyaasa idil-addunyaa keessattis dhiibbaa guddaa uumuu danda'u. Tarii dhiibbaa ykn dirqama tokko tokko fiduu danda'u,' jechuun ibsaniiru.
Haa tahu malee, Faqahmad Chaayinaan biyyoota laga Naayil keessaa tokko waan hin taaneef, 'tarii dhiibbaa al-kallattii uumuu dandeessi malee, qaama murteessituu miti.'' Kanaafis, 'waa'ee itti fayyadama bishaanichaa irratti dhiibbaa qabaachuu dandeessi; garuu dhiibbaa murteessaa hin qabaattu,' jedhu.
''Hojiin dippilomaasii ciminaan' yoo hojjetame, Itoophiyaan haala teessuma lafaa fi baay'ina uummataa qabdu irraa kan ka'e 'biyya barbaadamtu,''' tahuu ishee eeru.
''Chaayinaa tahe Ameerikaa, akkasumas Awurooppaan Itoophiyaa waliin hojjechuu barbaadu. Itoophiyaan biyya guddoo dha. Baha Afrikaa fi Gaanfa Afrikaa kana keessatti dhiibbaa guddaa uumuu biyya dandeessu dha,'' jedhaniiru.