Biyyoonni Awurooppaa maaliif kuufama warqee isaanii US fi Kaanadaa keessaa baasaa jiru?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Baankiin giddugaleessaa Nezerlaands torban kana kuufama warqee guddaa toonii hedduu Ameerikaa Kaabaa keessaa baasuu mirkaneesseera. Sababni kenne ammoo yoo rakkoon guddaan mudate ''qophii gaarii qabaachuuf '' tarkaanfii fudhatame ta'uu ibse.

Nezerlaands waliigalatti warqee toonii 313 Ameerikaa fi Kaanaadaa keessaa qabdu keessaa toonii 86 gara Landanitti dabarsitee jirti. Baankichi kun kan raawwatame ''waldhabdee siyaasaa addunyaa irratti dabalaa dhufe ilaalcha keessa galchuun'' akka ta'e ibsuun, warqeen US keessaa socho'aa jiru ''yoo rakkoon mudate saffisaan itti fayyadamuuf'' jedheera.

Garuu tarkaanfiin kun gaaffii hedduu kaaseera. Mootummaan Nezerlaands maaliif kana godhe? Rakkoon dinagdee hamaan yeroo dhiyootti ni mudata jedhamee eegamaa jiraa?

Isaan kun sababoonni ta'uu dhiisuu danda'u. Haa ta'u malee tarkaanfiin kun kan fudhatame haala tasgabbaa'aa fi tilmaama hin qabne addunyaa irratti mul'achaa jirurraa kan ka'e ta'uun isaa ifaadha. Waldhabdeen daldalaa fi waraanni biyyoonni of eeggannoo akka godhanii fi warqee isaanii manatti dhihoo akka qabaatan taasisaa jira.

Jalqaba bara kanaa Faransaay kuufama warqee Ameerikaa irraa gara biyyaatti deebisaa akka jirtu beeksiftee turte. Gama biraatiin baankiin giddu galeessaa Jarmanii waggoota hanga bara 2016tti warqee toonii 216 ol kuufama biyya alaa irraa gara biyyaatti deebiseera. Kana keessaa tooniin 111 Niiw Yoork irraa, tooniin 105 ammoo Paaris irraa baafame.

Tarkaanfiin akkanaa kanaan dura yeroo addunyaan tasgabbii dhabdu fayidaarra ooleera.

''Bara waraana ololaa baankonni giddugaleessaa Awurooppaa tokko tokko kuufama warqee isaanii keessaa gar tokko gara Niiw Yoorkitti jijjiiran,'' jedhan xiinxaltoonni Goldman Sachs Lina Thomas fi Dan Struyven.

Mana Maree Warqee Iidila Addunyaa keessatti ogeessa tarsiimoo gabaa olaanaa kan ta'e Jooseef Kaavaatoonii BBCtti akka himetti, waraanni fi waldhabdeen daldalaa ''murteewwan kana irratti dhiibbaa kan geessisan ta'us, sababoota ijoo miti'' jedha.

Qaala'iinsi jireenyaa, dhala, fi bakka warqeen saffisaan daldalamu keessatti argamuun murtee warqee bakka tokko irraa gara bakka biraatti ceesisuuf gahee akka qabus himeera.

''Balaa hamaan ykn badiisni yeroo dhiyootti waan dhufu natti hin fakkaatu,'' jedha Kaavaatoonii. "Garuu biyyoonni akkaataa kuufama isaanii itti bulchan, akkaataa itti guddisan, akkasumas qabeenya kana irraa akkamitti akka bu'aa guddaa argatan irratti cimanii hojjechaa jiru."

Akka baankiin giddu galeessaa Nezerlaands jedhutti warqeen bara kana Amajjii hanga Hagayya gidduutti Ameerikaa fi Kaanaadaa irraa gara Awurooppaatti dabarfamee ture amma kuufama warqee Bank of England keessatti kuufamee jira.

''Haala warqee kana fayyadamuu qabnu gonkumaa hin geenyu jennee eegna, garuu dandamachuu keenyaa fi qophii balaa tasaa cimsuu qabna,'' jedha itti gaafatamaan baankii giddugaleessaa Nezerlaands Olaf Sleipen.

Landan giddugala daldala warqee addunyaa irratti adda duree ta'uu ishee irraa kan ka'e filannoo caalaatti barbaadamaa ta'ee ilaalama. Yeroo rakkootti warqee dafanii bitachuu ykn gurguruun yoo isin barbaachise, Landan bakka filatamaa waan ta'eef, Bank of England bakka warqee itti kuusan baay'ee jaallatamu taasiseera.

Bank of England kuusaa warqee addunyaa irratti guddaa guddaa jedhamn keessaa isa tokko. Dhaabbanni waggoota 300 dura giddugala Landanitti hundaa'e kun lafa jalatti warqee kuma 400 ol gatii paawundii biiliyoona 200 ol baasu qaba.

Akka qorannoo Manni Maree Warqee Idila Addunyaa gaggeesseetti, Bank of England bakka warqee itti kuusan baay'ee jaallatamu ta'ee osoo jiruu, baankonni giddugaleessaa addunyaa biyyoota adda addaa keessatti bakka sibiilli gatii guddaa qabu kana itti kuusan hundeessuuf yaalaa jiru.

Akka qorattoonni Goldman Sachs Lina Thomas fi Dan Struyven jedhanitti, "Biyyoonni kuufama warqee isaanii eessatti kuusuu qabu" jechuun hoggantoota qabeenya kuufamaaf gaaffii barbaachisaa ta'aa dhufeera.

Warqee akkamiin geejibu?

Addunyaa ammayyaa keessatti qabeenya bakka tokko irraa gara bakka biraatti karaaleen itti ceesisan hedduudha. Nezerlaands warqee Niiw Yoorkii qabdu gara toonii 59 gurgurtee, kuufama warqee dabalataa Landanitti bitte. Kanaan kan kaʼes, warqee hamma sanaa galaana Atlaantiik qaxxaamuree geejjibsiisuun isa hin barbaachisu ture.

Haa ta'u malee warqeen toonii 27 ol Ameerikaa fi Kaanaadaa irraa gara magaalaa Nezerlaands Zeist "geejjibaa" ture. Warqeen hammi walfakkaataan Zeist irraa gara Landanittis ergamaa ture.

Warqeen kun akkamitti akka geejjibame beekuun rakkisaadha, sababiin isaas dhaabbileen warqee biyya tokko irraa gara biyya biraatti geessan akkaataa itti hojjetan odeeffannoo guddaa waan hin kennineef.

Haa ta'u malee, akkuma fiilmii "The Italian Job" jedhu keessatti mul'atu, balaa saamichaa kamiyyuu ittisuuf nageenyaafi qophiin sadarkaa olaanaa ta'e akka itti fayyadamame tilmaamuun ni danda'ama.

Akka ogeessi Mana Maree Warqee Idila Addunyaa Jooseef Kaavaatoonii jedhutti, kuufama warqee bakka tokko irraa gara bakka biraatti sochoosuuf karaaleen beekamoo ta'an keessaa tokko warqee bakka tokkotti gurguranii bakka biraatti bitachuudha.

"Fakkeenyaaf, warqeen sun Landan keessa yoo jiraatee fi Niiw Yoorkitti akka kuufamu yoo barbaadame, isa Landan jiru gurguree guyyuma sanatti Niiw Yoorkitti bitachuu nan danda'a. Haala kana keessatti jijjiiramni abbummaa ni jira, warqee sana qaamaan geejjibsiisuun hin barbaachisu," jedha.

Dhaabbileen addaa warqee biyyaa gara biyyaatti geejjiban muraasni qofti jiru. Brinks Global Services isaan keessaa tokko yoo ta'u, dhaabbatichi yeroo dhiyoo asitti warqee sochoosuuf gaaffiin baankota giddugaleessaa irraa ''dabalaa dhufe'' BBC'tti himeera.

"Mirkanaa'uu dhabuun ji'oopoolitikaa fi dinagdee dabalaa dhufuun, akkasumas barbaachisummaan warqee akka qabeenya kuufamaa murteessaa ta'etti guddachaa dhufuun, adeemsa kana cimsaa waan jiru fakkaata," jedha itti aanaan pirezidaantii Brinks Nader Antar.

Baankonni giddu galeessaa keessumaa waggoota dhiyoo asitti waa'ee kuufama warqee dubbataa turan, sababiin isaas warqee baay'ee bitaa turaniiru. Haa ta'u malee warqee biyya keessaa kuusuun qaala'aa akka ta'e xiinxaltoonni Goldman Sachs Lina Thomas fi Dan Struyven himan.

"Kuusaan biyya keessaa nageenya, bu'uuraalee qajeelfamaa fi uwwisa inshuraansiitif baasii guddaa barbaada. Baasiin kun keessumaa baankota giddugaleessaa xixiqqoodhaaf ba'aa ta'uu danda'a," jedhan.

Akka Mana Maree Warqee Addunyaa jedhutti waggoota afran darbanitti baankonni giddugaleessaa waggaatti giddu galeessaan toonii 1,000 warqee bitaa kan turan yoo ta'u, waggoota 10 darbanitti giddu galeessaan toonii 500 kan bitatan ta'uu ibsameera.

Erga rakkoo maallaqaa addunyaa mudatee as adeemsi kun kan mul'ate yoo ta'u, bara dhufu bittaa warqee daran akka dabalu eegama.

Warqeen waggoota dhiyoo asitti xiyyeeffannoo guddaa keessa kan ture yoo ta'u, gatiin isaa yeroo hunda sadarkaa olaanaa haaraa kan rukutu yoo ta'u, warqeen awunsii tokko baatii Guraandhalaa keessa doolaara 5,000 ol gurgurameera.

Gatiin warqee saffisaan ol ka'uuf sababoonni hedduun osoo jiranii, sababni guddaan warqeen sammuu namootaa keessatti akka "bakka nageenyaatti" ilaalamuufi. Yeroo sababa waraana daldalaa fi waldhabdee waraanaatiin tasgabbii dhabuu maallaqaa fi ji'oopoolitikaa invastaroota maallaqa isaanii gara warqeetti sochoosuu filatu.

Qaala'iinsi jireenyaa fi dhalli fedhii warqee irrattis dhiibbaa qaba. Warqeen qabeenya daangaa qabuu fi bara durii kaasee gatii guddaa argachaa ture. Kanaaf qaala'iinsa jireenyaa dandamachuun filannoo invastimantii gaarii akka ta'u amanama.

Akka baankii invastimantii Chaarlis Shuwaab jedhutti, "Waggoota 50 darban keessatti gatiin warqee safartuu qaala'iinsa jireenyaa bal'inaan itti fayyadamu Indeeksii Gatii Fayyadamtootaa (CPI) caalaa saffisaan dabaleera."

Gatiin warqee jalqaba bara kanaa sadarkaa olaanaa irra ture irraa xiqqoo gadi bu'us, ammallee seenaa warqee keessatti sadarkaa baayyee ol'aanaa irra jira.

Akka qorattoonni Goldman Sachs jedhanitti, gatiin warqee awunsii tokkoo dhuma bara 2026tti doolaara 4,900 akka gahu eegama.Kun ammoo gatii ji'a Hagayyaa keessa ture irraa doolaara 300 ol ta'a.

Akka Toomaasii fi Istiruyven jedhanitti, fedhiin warqee cimaan baankota giddugaleessaa qaban sababa ijoo gatiin warqee saffisaan dabaluuf sababa guddaa ta'e keessaa isa tokkodha.