Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Kaabinoonni Netaaniyaahuu Filisxeemonni Gaazaati akka buqqa'an ammas yaada dhiyeessan'
Kaabinoonni mootummaa Israa'el lama leellistummaan beekaman Filisxeemoonni Gaazaa keessaa akka buqqa'aniif yaada dhiyeessan.
Miseensonni kaabinee Beeniyaamiin Netaaniyaahuu kunneen yaada kana kan dhiyeessan yeroo Israa'elitti filannoon gaggeeffamuuf ji'a tokko kan hin caalle hafetti yoo ta'u, filannoo dura deeggarsa uummataa argachuuf akka ta'e ibsa gabaasi Rooyitars.
Ministeeronni lamaan mootummaa Israa'el keessatti aangoo guddaa qaban yoo ta'u, yaadi isaan dhiyeessan tattaaffii bulchiinsi Tiraamp waraana Gaazaa karaa dippilomaasii xumurruf gochaa jiru moggaatti kan godheefi Filisxeemota biratti yaaddoo duraanuu ture deebisee kan hammeessu ta'uu ibsa gabaasi Rooyitars kun.
Yeroo heddu waraanni Gaazaa dhaabachuu hin qabu jechuun kan mormuufi waa'ee Filisxeemotaa dubbii falmisiisaa dubbachuun kan beekamu Ministiirri Nageenyaa Israa'el Itaamaar Been Giviir, yaada dhiyeesse keessatti Filisxeemonni yeroo waggaa torbaa keessatti Gaazaa keessaa buqqa'uu akka qaban ibsa.
Itaamaar Been Giviir kana kan dubbate Kamisa halkan ibsa miidiyaaf kenneen yoo ta'u, Filisxeemonni "fedhiidhaan Gaazaa keessaa akka godaanan" jechuun dubbate.
Onkoloolessa dhufu filannoo Israa'elitti gaggeeffamuun, mootummaan sana booda hundaa'u waajjira sadarkaa ministeeratti Filisxeemonni Gaazaa keessaa akka godaanan hogganu [haala mijeessu] akka hundaa'ufis yaada dhiyeessee jira.
"Abjuu nagaan ni bu'a jedhu dhiisnee godaansa [Filisxeemonni Gaazaa gadhiisanii godaanuu] irratti amma hojjachuu qabna. Isaan [Filisxeemonni] ulaa lafa jalaa qotuurra yeroon itti [godaanuuf] 'shaanxaa' isaanii qopheeffatan amma," jedhe qondaalli Israa'el kun.
Paartiin Been Giviir Jewish Power jedhamu ibsa baaseen, Filisxeemonni Gaazaa irraa buqqa'an Turkii, Itoophiyaafi DR Koongoo qubsiifamuu danda'u jedha akka gabaasa madda oduu Rooyitars kanatti.
Hamaas garuu yaada qondaalota Israa'el kana mormuun, Filisxeemonni Gaazaa dhiisanii eessayyuu akka hin deemne beeksie.
Erga Onkoloolessa 2023 Hamaas Israa'el irratti haleellaa banee as Israa'el Ji'a ittaanu filannoo gaggeessuuf jetti.
Waraanni Gaazaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu jaarsummaa UStiin Onkoloolessa 2025 mallattaa'ee as Gaazatti walitti dhukaasuun dhaabbatus, haleellaa Israa'el Gaazatti gaggeessitu dhaabuu hin dandeenye ykn ammoo nagaa waaraa fiduu hin dandeenye.
Yaaddaa "Naqbaa" ykn buqqaatii haaraa uumame
Waa'ee Filisxeemota Gaazaa keessaa buqqisanii bakka biraa geessuu ilaalchisee Ministiirri Nageenyaa Israa'ek Been Givir dubbachuu dura Ministiirri Ittisaa biyyattii Israa'el Kaatz yaaduma wal-fakkaatu dubbachuusaanii Rooyitars gabaase.
Israa'el Kaatz konfiransii karaa onlaayinii gaazexaan biyyattii Yedioth Ahronoth jedhamu qopheesserratti argamuun Roobii darbe haasaa taasisaniin Filisxeemonni Gazadhaa yoo godaanan malee nagaan akka hin dhufne dubbachuusaanitu gabaafame.
"Karaa galaanarraa, lafarraafo qilleensarraan isaan [Filisxeemonni] akka godaanan gochuuf qophii guutuu qabna," jedhan.
Waajjirri Ministiira Muummee Israa'el haasaa qondaalota biyyattii kana ilaalchisee homaa hin jenne.
Seenaa biyyattii keessatti mootummaa leellistoota ta'aniin kan ijaarame bulchiinsi Beeniyaamiin Netaaniyaahuu filannoo Onkoloolessa dhufu gaggeeffamuun mo'amuu danda'a jedhamaa jira.
Xinxaaltonni akka jedhanitti haleellaan Hamaas bara 2023 Israa'el irratti bane, beekamtii Netaaniyaahuu heddu gadi buusera. Netaaniyaahuun filannoo dhufu kan mo'atu yoo ta'e, carraan Filisxeemota Gaadhaa akka godaanan gochuu jiraachuu mala jedhamee sodaatama.
Kuni ammoo erga bara 1948 yeroo Israa'el hundooftu Filisxeemonni kuma dhibbaan lakkaa'aman itti buqqanii as, "Naqbaa" ykb balaa hamaa Filisxeemota mudachuu danda'u kan biraa ta'a jedhamee sodaatama.
Doonaald Tiraamp bara 2025 keessa Gaazaa deebisanii ijaaruuf Filisxeemota bakka biraa qubsiisuun barbaachisaadha jedhee dubbachuusaa booda, Ministiirri Ittisaa Israa'el, Kaatz garee Filisxeemonni fedhiin bakka biraatti godaanuu barbaadan to'atu hundeessanii ture.
Tiraamp yaadicha dhiyeessuu hordofee mormii biyyoota Arabaa michuu US ta'aniifi hawaasa idiladdunyaarraa isa mudateen boodarra yaada Filisxeemota Gaazadhaa bakka biraatti akka godaanan gochuu dhiisee ture.
Boodarra Tiraamp yaada Filisxeemota Gaazadhaa akka godaanan gochuu dhiisee ture.
Miseensonni kaabinee Beeniyaamiin Netaaniyaahuu kanneen akka Been Giviir fa'aa Filisxeemonni Gaazaa keessaa bakka biraatti akka godaanan yaada dhiyeessuunsaanii, Filisxeemonni Gaazaa jiraatan akka yaaddotti kan ilaalan akkuma jiran, kanneen duula filannoof itti fayyadamuufi jedhanii dubbicha laaffisanis jiru.