Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UN waa'ee 'El Niinoo cimaa' yemmuu akeekkachiisu biyyoonnimmoo dhiibaa qaqqabuu danda'uuf qophaa'aa jiru
Hammaachaa dhufuu El Niinoo hordofee addunyaan "naannoo balaa haala qilleensaa hammaataa" keessa seenuushee barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii /UN/ Antooniyoo Guteerez akeekkachiisaniiru.
Taatee haala qilleensaa uumamaa kan ta'e El Niinoo ilaalchisee ragaa waqtaawaa kan ifoomse Dhaabbanni Metiroloojii Addunyaa (WMO), El Niinoon bara kanaa waggoota 70 as mul'atee kan hinbeekne akkasumas hanga ji'a Guraandhalaa 2027 kan turu akka ta'e beeksiseera.
El Niinoon taatee haala qilleensaa kutaalee addunyaa garagaraa jijjiiruun iddoowwn tokko tokkotti gogiinsa iddoowwan biroottimmoo rooba cimaa bubbee makatefi lolaa qaqqabsiisuudha.
"El Niinoon ija keenya fulduratti akkaan guddachaa jira. Ragaan saayinsaawaa ifadha: addunyaan haalawwan kanaan dura mul'atanii hinbeekne keessa seenaa jirti, addunyaan hoo'aa jirti" jedhan Antooniyoo Guteerez.
Balaawwan akka du'aa, buqqaatiifi miidhama naannoo rakkinichaan walqabatee dhufuu danda'an gama hir'isuutiin tarkaanfilee fudhatamaa jiran ilaalchisees BBC'n angawoota mootummaafi saayintistota walin af-gaafii taasiseera.
Haaluma kanaan hojiileen akeekkachiisa dursaa gama laachuun akkasumas gargaarsa fayyaa dursanii gama dhiyeessuun hojjetaman fooyya'aniiru. Haa ta'u malee cimina El Niinoorraa kan ka'e keessattuu dhimmi kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta'anii yaaddessaa ta'eera.
Dhaabbanni Metiroloojii Addunyaa gama isaatiin raagawwan haalawwan qilleensaa hammaatoo El Niinoon walqabatanii uumamuu danda'an hawaasa bal'aa biraan gahuuf tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuusaa beeksiseera.
El Niinoon taatee haala qilleensaa ka'umsasaa Garba Paasifikii ta'efii jijjiiramuu kallattiifi sochii bubbeen walqabatee uumamudha. Taatichi bishaan hoo'aan gara kallattii bahaatti akka faca'ufi qilleensi hoo'aan gara atimoosferiitti akka gadhiifamu taasisa.
Haaluma kanaanis ji'oota muraasaa as tempireecharri bishaanii kutaalee Garba Paasifikii giddugaleessaafi bahaa dabaleera. Kunis mallattoo jabaachaa deemuu El Niinooti.
Kutaa Garba Paasfikii saayintistoonni dhiyeenyaan hordofanitti hoo'i bishaan irra keessa garbichaa torbeewwan muraasa darban keessa giddugaleessaan digiri seentigireedii lamaa olin dabaleera.
Lakkoofsi kun ji'oota itti aananitti gara digiri seentigireedii afuritti akka ol guddatu kan raagame yemmuu ta'u, kunis El Niinoon bara kanaa bara 1950 as El Niinoo isa cimaa akka ta'u isa taasisa.
Gogiinsa sababa hir'achuu roobaan mudatu
Dhiibban El Niinoon haala qilleensaa addunyaarratti qaqqabsiisu hanga bara 2027'tti akka fulla'u kan raagame yemmuu ta'u, taatichi haala roobaa ji'oota itti aananirratti jijjiirama akka fidus Dhaabbanni Metiroloojii Addunyaa hima.
Haaluma kanaan kutaaleen Eeshiyaa Kibba Bahaa, Giddugaleessa Ameerikaa fi kutaaleen kaabaa Ameerikaa Kibbaa haala kanaan dura tureen yeroo madaalamu haala qilleensaa gogaa keessummeessu. Kunis carraa balaawwan akka gogiinsaafi ibidda badhee mudachuuf qaban dabala.
Gogiinsaan cinatti El Niinoon daldala idil-addunyaarrattis yaaddoo uumera.
Haaluma kanaan rooba xiqqaa naannichatti eegamuun walqabatee lakkoofsi dooniiwwan guyyaa Kamisaa Bo'oo Paanaamaa keessa darban dhibbeentaa 10 oliin akka hir'atu taasifameera.
Waggaa waggaan dooniiwwan 14,000 bo'oo namtolchee daldala idil-addunyaa keessatti gahee ijoo qabu kana keessa kan darban yemmuu ta'u, Paanaamaaf immoo waggaatti galii doolaara biliyoona sadi kan argamsiisudha.
Gama biraatiin immoo Indooneezhiyaan ibidda badhee waqtii gogaa yeroo ammaa uumameefi lafa hektaara 107,000 gube to'achuuf tattaafchaa jirti.
Indooneezhiyaa keessa jiraataa Seentiraal Kalimaantan kan ta'e Daarwin Roomii, "ji'a tokkoo oliif" ibidda badhee arguusaa hima.
"Aarrisaa baay'ee furdateera. Yemmuu gara alaatti gadi baanu ija keessa nu guba. Fooliin aara kanaas baay'ee cimaadha" jechuunis himeera.
Angawoonni biyyattii gama isaaniitiin rooba ibidda kana dhaamsuuf gargaaru roobsuuf xayyaarota wantoota duumessi rooba akka omishu taasisan biifan bobbaasuusaanii himaniiru.
Kana malees mootummaan biyyattii leecalloo ibidda badhee to'achuuf gargaaraan dhiyeessuuf waadaa kan seene yemmuu ta'u, namoota ibiddicha lafa qulqulleessuuf itti fayyadamuun shakkamafi kurnaan lakka'aman to'achuusaas beeksiseera.
Yaaddoo rooba cimaa bubbee makatefi sigigaa lafaa
Chaayinaan bara kana keessa roobawwan ciccimoo bubbee makatan torba akka ishee mudatan eegaa kan jirtu yemmuu ta'u, kunis bu'aa El Niinoo cimaa ta'uu akka hin oolle himama.
Ji'a Adoolessaa darbe keessa qofa biyyattiin roobawwan ciccimoo bubbee makataan sadi keessummeessieerti. Roobawwan kunneen du'a namoota kurnaan lakka'amaniif sababa turan.
Ji'a Hagayyaa kana keessammoo roobni bubbee makatefi maqaan 'Taayifun Doolfin' jedhamu moggaafameef jiraattonni biyyattii miliyoona tokkoo ol ta'an qe'eesaanii dhiisanii akka baqatan taasiseera.
Haala walfakkaatuun haalli qilleensaa jiidhaan kutaalee kibba Afrikaa, kibba Biraazil fi kibba US'tti kan eegamu yemmuu ta'u, naannolee kunneeniitti yaaddoon balaa lolaa dabaleera.
"Rakkooleefi miidhaawwan sababa gogiinsaafi lolaan mudatan argaa jirra. Hanguma El Niinoon cimaa deemummoo rakkooleen kun hammaachaa akka deeman eegama" jechuun Barreessituu Olaantuun Dhaabbata Metiroloojii Addunyaa Pirofeesar Seleestee Saawuloo himaniiru.
Gama biraatiin jabaachuu El Niinoof jijjiiramni qilleensaa addunyaa mudate sababa ta'uu akka hin oolle saayintistoonni tokko tokko himu. Haa ta'u malee yaadni kun qabatamaan kan mirkanaa'e miti.
Biyyi daangaan qarqara galaanaashee kutaa baha Garba Paasifik daangessu Peerunis miidhaa El Niinoon qaqqabuu dada'uuf saaxilamtuudha.
Kutaaleen biyyattii tokko tokko hammeentaa roobaa yeroo biraatii ol ta'e kan argatan yemmuu ta'u, kunis balaa lolaa tasaafi sigigaan lafaa magaalota biyyattii tokko tokko keessatti akka uumaman taasiseera.
Dhaabbata biyyoonni haala qilleensaa cimaaf akka qophaa'an gargaaru 'Piraaktikaal Akshin' (Practical Action) keessatti dursaa garee dandamannaa haala qilleensaa kan ta'an Miguyeel Aresteguyi, haalli El Niinoo bara kanaa isaan yaaddessuu dubbatu.
"Akkaan yaaddofnee jirra. Garuummoo yaadoon kun kan nu rifaasisu osoo hintaanee qophaa'ummaaf kan oolu ta'uu qaba" jedhan.
Waggoota darban keessa dhaabbanni Piraaktikaal Akshin hawaasni hammeentaa ol ka'iinsa bishaan laggeenii, yaaddoo lolaafi raaga haala qilleensaa ilaalchisee odeeffannoo akka argatan gochuun dabalataan sirna akeekkachiisa duraa akka argataniif hojjechaa turuusaa himaniiru.
Dhuma ji'a darbeettimmoo Yunaayitid Isteetis deeggarsa fayyaa taasisuuf dooniishee USNS Komfort jedhamtu gara qarqara galaanaa Peeruutti ergiteerti.
El Niinoon taatee kophaasaatti of danda'ee uumamu akka hintaane kan himan Aresteguyiin, rakkooleen miidhaan El Niinoo akka hammaatu taasisan jiraachuu dubbatu.
Haaluma kanaan rakkooleen akka "manneen naannolee lolaafi sigigaaf saaxilamanitti argaman, bo'oowwan bishaanii miidhamanfi sirni fayyaa dadhabaa ta'e" rakkoolee sirreefamuuf yeroo barbaadan akka ta'an himaniiru.