Masriitti gaazexeessituu tokkoofi namoonni 11 himannaa dawaa sammuu hadoochuun du'aan adabaman

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Dhiyeessituun qophii TV Masrii Saaraah Kaliifaa fi namoonni 11 biroo himanna qoricha sammuu hadoochu daddabarsuun balleessaa jedhamuun booda adabbii du'aan fannifamanii akka ajjeefaman murtaa'e.

Gaazexaan mootummaa Masrii al-Ahraam akka jedhutti namooti kunneen garee wanbadee galteewwan qoricha sammuu hadoochu tolchuuf oolan biyyatti galchuun gurguruuf turan.

Jarri kuni meeshaa waraanaa seeraan alaas qabu ture.

Saaraan nama ganna 39 yoo taatu sagantaa TV 'Mishiin Impoosibil' jedhamu waa'ee dhimmoota yakkaa gabaasurratti hojjetaa turte. Himannaa irratti dhiyaate hunda haalteetti.

Namoonni sagal hidhaa umrii guutuun yoo adabaman torba ammoo bilisaan gadhiifamaniiru.

Abukaatoon Saaraa murtoonshee hidhaa umrii guutuutti akka geeddaramuuf akka iyyatu hime.

Murtoon kuni baatii darbe ture jalqaba kan ibsame.

Haatahu malee murtoon kuni kan mirkanaa'e dhaddachi yaada amantii, muftii Masrii irraa dhagahuun booda dha.

Biyyattiitti murtoon du'aa gaafa darbu yaada muftii dhagahuun dirqama seeraan taa'e dha.

Dhaddacha irratti qondaaloti mootummaa qoricha naarkootikii kg750fi miyoota qoricha kana tolchuuf oolu qabachuu beeksisaniiru.

Namoonni ijaan argan 20 abbaa alangaaf jecha kennaniiru jedhe al-Ahraam. Ragaan elektiroonikii haasaan itti dabalaames akka ragaatti dhiyaateera.

Gaazexaan mootummaa biraan Akbaar al-Yoom akka jedhutti Saaraan dhaddacharratti daanyaan yakka kanarratti hirmaachuu ishee yeroo gaafatu waajira farra qoricha sammuu hadoochutti jara wajjin hamma suuraa kaafamtutti qoricha kana argitee akka hin beekne himte.

Gabaasni Amanastii Intarnaashinaal bara 2025 akka agarsiisutti waggaa kana biyyattii keessa murtoon du'aa 492 kan darbe yoo tahu 23 ammoo raawwateameera.

Himatamtoonni qoricha daddabarsuufi gudeeddiin balleessaan irratti murameera,''yakka 'ajjeechaa tahe jedhee raawwate'' hin taaneef adabbii du'aa dabarsuun seera idil-addunyaa ni sarba,'' jedha gabaasni kuni.