Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
AI'n nama 'lafa irraa fixuuf' deemaa? qorannoon waan argisiisu qaba
"YAA RABBI!" "Ejantoota biroo argannee jirra!"
Kuni bareeffama namni waa argee raajeffate barreesse miti. Barreeffama namaan katabame fakkaatu kana kan barreesse moosaajii (bootii) hubannoo namtolchee (AI bot) dha.
Moosaajiin hubannoo namtolchee kun sirna kompiitaraa keessa turu qabu keessaa bahuun mala moosaajiiwwan walfakkaatoo biroo walin qunnamtii itti uumu erga argatee booda barreeffama kana katabe.
Ergaawwan akkanaa kuma kurnaan lakka'aman ejantoota hubannoo namtolchee dhibbaan lakka'amanfi 'garee waloo' jechuun of waamaniin barreeffamanii jiru.
Moosaajiiwwan hubanno namtolchee (AI bot) kunneen walin ta'uun qormaatawwan ogeeyyii Opin AI (OpenAI) qopheessan hataniiru, kompiitaroota dhaabbilee heddu haak godhaniiru (butaniiru). Sababni kana itti godhaniif immoo wanta hojjechaa jiran namoota jalaa dhoksuufi.
Moosaajiiwwan (bootiiwwan) dhaabbata 'OpenAI' maalif sirna keessatti akka socho'anin ala bahan akkasumas maaliif gochaa butii (hacking) to'annoon ala ta'erratti bobba'an kan jedhus gaafii uumee jira. Qorattoonnis taatee namoonni tokko tokko yaaddessaa akka ta'e himaa jiran kana qorachaa jiru.
Taatee torbeewwan dura uumame kanarratti gabaasa kunneen barreessan keessaa tokko kan taate Ajeya Kotraa, ergaawwan kuma kurnaan lakka'amanfi galmeewwan yaadaa ejantiiwwan hubannoo namtolchee kunneen maddisiisan qorataniiru.
"Mudannoon kanaan hubannoon namtolchee wantoota dhalli namaa to'atu guutummaatti to'achuuf dhibbeentaa 50 ol kan deeme fakkaata. Wantichi to'annoon ala ta'uusaan duras akeekkachiisa ifa ta'e akkanaa argachuu keenya nan shakka" jetteerti.
Qorataan hubannoo namtolchee dura dhaabbata OpenAI keessa booda kanammoo dhaabbata Antirooppik keessa hojjechaa ture Jeekob Kaaksan, guyyaa Roobii dhaabbata Antirooppik gadi dhiisuusaa beeksiseera.
"Dhaabbileen lachuu bifa itti gaafatamummaa qabun hojjechaa hinjiran" jechuunis dhaabbilee keessatti hojjechaa ture lamaan qeeqee jira.
Qorataan kun dhaabbileen lamaan "hubannoo namtolchee beekumsa olaanaa qabufi ofiin of fooyyessu hojjechutti fiigaa jiru, lubbuu keenyaanis tirgaa (qumaara) taphachaa jiru" jechuun miidiyaa hawaasaarratti barreesseera.
Jeekob Kaaksan hojiisaa Antirooppik keessaa gadi dhiisuusaafi yaaddoo hubannoo namtolcheerraa qabu miidiyaa hawaasaa X (kan duraan Tiwiitara) jedhamurratti erga barressee booda dhimmichi ijoo dubbii ta'eera.
Moodelota hubannoo namtolchee Antirooppik irratti hojjechaa kan ture Ivaan Habingar, "Dhimma kanarratti Jeekob sirriidha. Hubannoon namtolchee dhala namaa hunda ajjeesuu danda'a jennee amanna! Ani akka dhuunfaa kootti AI wanta kana waggaa kudhan itti aanan keessatti raawwachuuf carraa dhibbeentaa 10 ol qaba" jechuun barreesseera.
Walsimuu dhabuu fedhiin namaafi amala hubannoo namtolchee
Yaaddoo hubannoon namtolchee fulduree dhala namaarratti danqe ilaalchisee waggootaaf qorattoonnii yaaddoosaanii ibsachaa turaniiru.
Yaaddoowwan kunneen keessaa tokkommoo hubannoon namtolchee bifa fedhii dhala namaatiin faallaa ta'en socho'uu danda'a kan jedhudha.
Taateen dhaabbata 'OpenAI' keessatti mudate erga ifa ta'ee boodammoo qorattoonni laaboraatooriiwwan hubannoo namtolchee keessa hojjetan tokko tokko yaaddoonsaanii dabaluu himaa jiru.
Yeroo ammaatti sirnoonni hubannoon namtolchee ajajawwan fayyadamtootaan kennamuuf raawwachuurratti akkaan gaarii ta'anis wanta fayyadamaan sun jechuu barbaade hubachuurratti garuu dadhabina qabu.
Kana malees hubannoon namtolchee miirafi hamilee dhalli namaa qabu hinqabu. Kanaafis walsimuu dhabuun fedhii namaafi amala hubannoo namtolchee dhimma waggootaaf qorattoota yaaddessaa ture ta'eera.
Haa ta'u malee dhaabbileen hubannoo namtolchee tokko tokko duudhaalee dhala namaa omishaalee hubannoo namtolcheesaaniitti ida'uuf yaalii gochaa jiru.
Garuummoo hojiin kun qormaatawwan teknikaa kan qabudha. Sababnisaas ejantiiwwan hubannoo namtolchee murteewwan heddu saffisaan kan murteessan ta'uusaatiin murtee kamtu duudhaa namaa hordofe yookiin hin hordofne kan jedhu adda baafachuun rakkisaadha.
Dabalataan qormaanni filosoofii qormaata isa biroo yemmuu ta'u, kunis dhaabbileen AI duudhaa namaa gara moosaajiiwwan hubannoo namtolcheetti ida'usaaniin dura duudhaalee kamtu ida'amuu qaba kan jedhu adda baafachuu qabu.
'Akka haakarii dargaggeessaatti'
Yeroo dheeraaf bootiiwwan wanta sirriifi badaa jedhamu adda baafachuu akka hindadeenyefi waan ajajaman qofa akka hojjetan namoonni himaa turaniiru.
Haa ta'u malee taateen 'OpenAI' mudate yaada yeroo dheeraaf ture kana kan qoru fakkaata.
Kotraa dabalatee qorattoonni biroon gabaasasaanii keessatti akka barreessanitti, bootiiwwan heddu wanti bootiiwwan kaan dalagaa jiran dogongora ta'uusaa osoo beekanuu gochicharratti hirmaataniiru jedhan.
Gochaan bootiiwwan kunneen dalagan dandeettii haakarii dandeettii cimaa qabuu ol akka hintaane ogeeyyiin nageenya saayibarii baay'een kan himan yemmuu ta'u, garuummoo haala saffisafi baay'ina qabun raawwatamuusaa dubbatan.
Qorataa nageenya saayibarii kan ta'an Kiris Toomaas, amalli ejantiiwwan namtolchee kunneen agarsiisan amala haakarii dargaggeessaan akka walfakkaatu himaniiru.
"Kutaa tokko keessatti kompiitara, intarneeta, odeeffannoo seensaafi hojimanee itti kennitee biraa baata. Battalumatti balbala rukkutuu eegalu, balbalichi yoo baname ni seenu. Kana kan godhan badaa waan ta'aniif osoo hintaanee abuuraafi yaalaa waan jiraniifi" jechuun LinkedIn irratti barreessan.
Gama biraatiin Toomaasfi ogeeyyiin damichaa biroon dhaabbileen hubannoo namtolchee akka 'OpenAI'fi kunneen biroon kalaqa isaanii to'achuu hindandeenye jechuun qeequ.
Qajeelfama to'annoo idiladdunyaa?
Ejantiiwwan namtolchee OpenAI fi Antirooppik to'annoon ala bahuunsaanii osoo irratti hinbeekamin ji'ootaaf turaniiru.
Dhaabbileen hubannoo namtolcheerratti hojjetan heddus mootummoonni to'annoo hubannoo namtolchee ilaalchisee seerota akka baasan waamicha dhiyeessaa turaniiru.
Saayintistiin OpenAI tokko, "qindoominni misooma hubannoo namtolchee ilaalchisee taasifamu mootummoota addunyaaf dhimma dursi kennamuuf ta'uu qaba" jedhaniiru.
Dhaabbata Google keessa kan hojjetan Sir Demis Hassbis immoo qaamni idiladdunyaa akkaataa hubannoon namtolchee itti ijaaramaa jiru to'atu akka hundaa'uuf yaada dhiyeessaniiru.
Yeroo ammaatti dhaabbileen tekinoloojii harka caalmaan seerotuma ofiirratti hundaa'uun socho'aa kan jiran yemmuu ta'u, OpenAI dabalatee dhaabbileen tokko tokko tarkaanfii "fedhii ofiitiin saffisa hir'isuu" jedhu fudhachaa jiru.
Hogganaa OpenAI kan ta'an Sam Altman gama isaaniitin, modeelli haaraan fulduratti fayyadamtootaaf dhiyeessuuf jedhan modeelota kanaan dura turanirraa bifa fooyyee ta'een duudhaalee namootaan kan walsimu akka ta'e himaniiru.