Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartiin ajjeechaa haadhasheef abbaa irratti ragaa baate boqotte
Seenaan dubartii tanaa baay'ee nama ajaa'iba.
Deenise Kooskoo jedhamti. Bara 2009tti, haati ishee ajjeefamuu booda, ajjeechaa ishee irratti abbaa ishee irratti ragaa baate.
Dilbata darbe miidhaan cimaan irra ga'uun hospitaala geeffamte; boodarra hospitaala Roomaa keessatti du'aan boqotte.
Of ajjeeste jedhamee amanama. Kan nama gaddisiisu, Kooskoon yeroo duute umurii haati ishee yeroo ajjeefamte keessa turte — waggaa 35 — qofa turte.
Namoonni ishee itti dhiyeenyaan beekan, yeroo murtiin abbaa ishee irratti gaggeeffametti ija jabinaan ragaa kennuu ishee yaadatu.
Garuu, waggoota itti aanan keessatti jireenyi ishee rakkoo fi dhiphina guddaan guutamee ture.
Kooskoon, akkuma haadha ishee, waggoota hedduuf eegumsa mootummaa jalatti, maqaa fi eenyummaa haaraa fayyadamuun jiraatte.
Haa ta'u malee, akka Firaansiskaa Riispoolii, itti aantuun prezidaantii dhaabbata maafiyaa mormu Liberaa jedhamuu, jettutti, Kooskoon haala salphaatti miidhamuu dandessu keessa turte.
Waggoota dhiyoo asitti, abbaa ishee Kaarloo Kooskoo, kan mana hidhaa jiru, waliin deebi'anii wal qunnamtii uumanii turan.
Sababni isaas, abbaa ishee waan hamaa ishee fi haadha ishee irratti hojjete qabaatus, jireenya ishee keessatti "qaawwaa guddaan" akka jiru itti dhaga'amaa ture.
Hiriyyoonni ishee akka jedhanitti, Kooskoon waggoota dheeraaf rakkoo fayyaa sammuu fi araada wajjin qabsoo gochaa turte.
Seenaaterri fi abukaatoon farra maafiyaa kan yeroo murtii irratti Kooskoo bakka bu'aa ture, Enzaa Raandoon, duuti ishee "biyya guutuuf madaa gadi fagoo" ta'uu ibsite.
Akkasumas, duuti ishee maafiyaan namoota ajjeesuu qofa osoo hin taane, "jireenyaa fi onnee namoota lubbuun hafanii keessatti bineensa dhugaa uumuu" akka danda'u ragaa ta'uu dubbate.
Riispooliinis, haalli kun namoonni maatii maafiyaa irraa addaan bahanii jireenya haaraa jalqaban deeggarsa yeroo gabaabaa qofa osoo hin taane, jireenya isaanii guutuu deeggarsa barbaaduu akka danda'an agarsiisa jette.
Sababni isaas, gareewwan yakkaan gurmaa'an Xaaliyaanii keessatti, keessumaa maafiyaan 'Ndrangheta jedhamu, maatii walitti dhiyeenyaan hidhatan irratti hundaa'anii socho'u.
Maafiyaan 'Ndrangheta jedhamu kanaatti haadha Kooskoo, ajjeese.
Maatiin haadha ishee fi maatiin abbaa ishee lamaan isaanii iyyuu karaa adda addaatiin maafiyaa waliin walitti hidhata qabu turan.
Haati ishee akkamitti ajjeefamte?
Haati ishee Liyaa Gaaroofaloo jedhamtu turte. Ajjeefamuunshee booda mallattoo diddaa maafiyaa cimaa taate.
Liyaan maatii gareewwan yakkaan gurmaa'aanii waliin walitti hidhata qabu keessatti guddatte.
Yeroo ijoollummaa isheetti hojiiwwan maatiinshee raawwataman arguu fi keessa seenuu dirqamte.
Liyaan yeroo dargaggummaa ishee keessa Kaarloo Kooskoo waliin hariiroo jalqabde. Umuriin waggaa 17'tti Deenise deesse. Abbaan warrashee Kaarloon maafiyaa 'Ndrangheta waliin walitti hidhata qabu ture.
Gareen isaa Miilaan keessatti daldala qorichaa sammuu nama hadoochu, meeshaa waraanaa, meeshaalee sobaa fi yakka biroo keessatti hirmaataa ture.
Liyaan garuu jireenya maafiyaa irraa fagaachuu fi intala isheef jireenya adda ta'e uumuu barbaadde. Kanaaf Kaarloo irraa adda baatee, mootummaaf ragaa kennuu jalqabde.
Ishee fi Deniseen eegumsa mootummaa jala kaa'aman.
Eegumsa mootummaa jalatti jireenyii Liyaaf baay'ee ulfaataa ture. Maatii fi hiriyyoota ishee irraa fagaachuu, hojii fi jireenya idilee dhabuu fi yeroo dheeraaf bakka dhokataa keessa jiraachuun ishee dhiphise.
Bara 2009 keessa, eegumsa mootummaa irraa yeroo muraasaaf addaan baatee gara Calabriyaatti deebite.
Sadaasa 24, 2009, Kaarloon gara Miilaanii akka dhuftu gaafate. Kaayyoon isaa akka waan waa'ee fuuldura intalasaa fi deeggarsa maallaqaa ishee waliin mari'achuuf ta'etti dhiyaate.
Liyaan intala ishee waliin guyyaa sana Miilaan keessatti dabarsite. Galgala garuu Kaarloon Deenise irraa adda baasee gara firootaa akka deemtu godhe.
Achii booda Liyaan hin mul'anne.
Haatii eessa akka jirtu yeroo gaafattu Kaarloon, Leyaan isaan dhiistee jireenya haaraa jalqabuuf gara Awustiraaliyaa deemuu itti himaa ture. Garuu isheen hin amanne.
Akkuma isheen shakkite dhugaan gara biraa ture.
Abbaan ishee, Kaarloo Kooskoo, Leyaa gowwoomsee gara walga'ii tokkootti waame. Achitti morma hudhee ajjeese. Sana booda reeffa ishee cicciree, dhumarratti gube.
Waggaa hedduu booda, namni ajjeechaashee keessatti hirmaate tokko dhugaa dubbachuu jalqabnaan, poolisiin lafee namaa muraasa fi dirata mormaa tokko argachuu danda'e. Kooskoon diratii kan haadha ishee ta'uu mirkaneessite.
Bara 2013 yeroo sirni awwaalchaa haadha gaggeeffametti, Kooskoon waa'ee haadha ishee ija jabinaan dubbatte.
Liyaan, "haqa nama hundaaf" argamsiisuuf lubbuu fi jireenya ishee balaa keessa galchuu filachuu ishee ibsite.
Yeroo murtii abbaa ishee irratti gaggeeffamettis, Kooskoon fuula isaa dura baatee ragaa kennuu hin dandeenye; iskiriinii tokko duuba taa'uun dubbatte.
Garuu ergaa ishee ifa ture.
"Ragduu haqaa ta'uu kootti boona", jette. Akkasumas murtii ulfaataa abbaa ishee irratti ragaa kennuu fudhachuun ishee, jireenya haaraa jalqabuu barbaaddeef "bilisummaa keessoo" akka isheen kennu ibsite.
Abbaan ishee Kaarloo Kooskoo fi namoonni sadii biroo ajjeechaa Liyaaf hidhaan umurii guutuu itti murtaa'eera.
Amma, waggoota hedduu booda, duuti Deenise Kooskoo gaaffii haaraa kaasaa jira.
Of ajjeesuu isheef kaka'umsi jiraachuu fi dhiisuu isaa adda baasuuf abbootiin alangaa qorannoo bananiiru. Bilbilli ishees qorannoo dabalataaf qabameera.
Namoonni ishee jaallatan, hiriyyoonni fi warri maafiyaa morman, Jimaata galgala Miilaan keessatti yaadannoo isheef walitti qabamani turan.
Bakki isaan itti walitti qabamanis, bakka haati ishee Leyaa Garofaloo itti butamte irraa fagoo miti.
Luwiijii Siyootii, pirezidaantii Libeeraa, jireenyi Deenise "ija jabinaa fi dhiphinaa gidduu" ture jetti.
Akka isheen ibsitutti, jireenya ishee keessatti wantoonni lamaan — ija jabinaa fi dhiphinni — yeroo dheeraaf wal madaalaa turan.
"Har'a, madaallii laafaa ta'e cabee jira," jechuun barreessite.