Boorana Bahaatti namichi haadha fuudhuuf daa'imman ishee lama ajjeese duuti itti murtaa'e

Madda suuraa, Qaj. Poolisii Boorana Bahaa
Boorana Bahaatti himatamaan dubartii tokko waliin hariiroo jaalalaa keessa ture ishee fuudhuuf jecha ijoollee ishee lama abbaa gara biraa irraa dhalatan ajjeese murtii du'aan adabame.
Taateen kun Godina Boorana Bahaa aanaa Walaabuu Lixaa ganda Odaa Missiraa jedhamutti gaafa guyyaa 8/1/ 2018 raawwate.
Himatamaan Suufiyaan Adam jedhamu dubartii haadha ijoollee lamaa taate Daraartuu jedhamtu waliin hariiroo jaalala keessa turan.
Obbo Adam, Daraartuu fuudhuu barbaadee maatiin ishee akka isaaf kennanniif gaaffii dhiyeessee ture jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Haqaa Boorana Bahaa Obbo Qaallichaa Kanaa.
Isheenis isatti heerumuuf eeyyamamtuu turte. Haati Daraartuu garuu 'lakki hin fuutu, siif hin kenninu' jedhanii akka didanii ture Obbo Qaallichaan BBCtti himan.
Daraartuun abbaa manaa adda addaa lama irraa kana dura ijoollee lama godhattee turte.
Isaan irraa erga adda baatee ammoo harmee ishee bira jiraachaa turte. Osooma haadha waliin jiraattuuti kan Obbo Suufiyaan waliin jaalala keessa galte.
Erga maatiin ishee eeyyamamoo tahuu didanii Obbo Suufiyaan ofumaan Daraartuu waliin haasahuun jaalala isaanii itti fufanii ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Harmeen ishee waan eeyyamamoo tahuu didaniif ammoo 'maal akkan godhu ni argita' jechuun itti dhaadataa ture'' jedhan Obbo Qaallichaan.
Suufiyaan ishee fuudhuuf ulaagaa tokko lafa kaa'e. 'Ijoolleekee waliin sin fuudhu waan taheef bakkatti godhi' jechaanii ture jedhan Obbo Qaallichaan.
''Irra deddeebiin 'ijoolleekee bakkatti godhi' jechaanii ture.''
Ijoolleen ishee tokko daa'ima waggaa shanii tokko ammoo waggaa lama akka hin caalle himan.
Lameenuu [Suufiyaanii fi daraartuun] waliigalanii yeroo haati Daraartuu manaa baatu Suufiyaan achi deeme.
Mana haadha ishee keessatti Suufiyaan daa'ima tokko albeedhaan qalee ajjeese. Isheen ammoo daa'ima tokko ofumaan qaltee ajjeeste'' jedhan.
Eeruu poolisii bira gaheen guyyuma sana lamaan isaanii to'annoo jala akka oolfaman kan himan Abbaan Alangaa kun erga mana hidhaa galtee haati daa'imman ajjeefaman kanneenii akka waan sammuun dhukkubuu taate jedhan.
''Akka maraachuu waan taateef akka qoratamtuu fi yaalamtuuf hospitaala Phaawuloositti ergamteetti jedhan.
Manni Murtii Godina Boorana Bahaa galmee qoratee tibbana murtii du'aan Suufiyaan Adam akka adabamu murteesseera.
Haati daa'imman ajjeefamanii ammoo qorannoon ishee akka xumuramuufi dhibee sammuu qabaachuu adda baasuuf ammatti murteen akka irratti hin darbine himan.



















