Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyoonni Afrikaa hanga ammaa maaliif Waancaa Addunyaa mo'achuu dhaban, fuulduratti hoo abdii qabuu?
"Osoo lubbuun koo baatee Waaqni gara jannataa ykn si'oolitti na hin ergin dura waantin arguu barbaadu Afrikaan Waancaa Addunyaa mo'achuudha, sababni isa dorgommii Afrikaan keessatti akkaan jaalannuudha waan taa'ef."
Sandeey Oliisee garee kubbaa miilaa Naayijeeriyaa dorgommii Olompikii bara 1960 Atilaantatti gaggeeffamerratti warqee inijifate keessaa tokkoodha. Gaheessi ganna 51 kun Afrikaan milkaa'ina sana Wancaa Addunyaa (FIFA World Cup) irratti akka galmeessitu abjuusaati.
"Osoon du'ee boolla hin lixin Afrikaan Waancaa Addunyaa injifattee arguun barbaada," jedha.
Waancaan Addunyaa bara 1930 erga eegalee as Afrikaa keessaa biyya tokko qofaatu tapha xumuraaf qaqqabe - waancaa Kaatar bara 2022 qopheessiterratti Morookoon xumuraaf darbuun Faransaayin injifatamtee waancaa dhabde.
Biraaziil waliin si'a sadi Waancaa Addunyaa kan injifate Peeleen, bara 1970 waan Afrikaa ilaallatu tokko dubbbatee ture. Afrikaan bara 2000tti Waancaa Addunyaa akka injifattu. Haa ta'u garuu raagni Peelee hanga ammaa hojiitti hin hiikamne.
Gaaffii guddaan jiru, Afrikaan Waancaa Addunyaa injifachuuf hanga yoomitti eeguu qabdi? kan jedhuudha.
Osoo Morookoon bara 2022tti xumuraaf hin gahin dura biyyoota Afrikaa keessaa sadi qofaatu nuusa xumuraaf qaqqabe- Kaameeruuun bara 1990, Seneegaal bara 2002, Gaanaa bara 2010tti.
Morookoon xumuraaf akka geessu kan ishee taasise mootiin biyyattii Mohammed VI kubbaa miilee irratti invest gochuusaaniti.
Akkadamii kubbaa miilafi giddu gala leenjii dolaara miliyeena 65 itti baasuun bara 2009tti baname. Gareen Leencota Atilaas [Morkookoo) Afrikaa keessatti garee cimaa qofa osoo hin taane Waancaa Addunyaarratti tapha xumuraaf illee akka gahu taasiseera.
Morookoon waggoote hedduuf kubbaa miilaa irratti hojjachuun garee cimaa ijaaruun akkamitti akka danda'amu fakkeenya gaarii taatee jirti.
Konfedereshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) gamasaan federeeshiniiwwan kubbaa miilaa biyyootaa akka jabaatu gochuuf badhaasa dorgommiiwwan irratti kennamu maallaqa isaa olkaasuu dabalatee dorgommiin Afrikaa keessatti kilaboota gidduutti taasifamu akka jabaatu gochuuf inuma dhama'a.
"Biyyi Afrikaa keessaa shaampiyoonaa addunyaa ta'uunshee waan hin oolledha," jedhan pirezidaantiin CAF Paatriis Motseeppee.
Waancaa Addunyaa bara 1998 irratti garee biyyaalessaa Kaameruun kan leenjisaniifi ergasii biyyoota Afrikaa shan kan leenjisan Kilaawud Le Rooy, dargaggoota irratti hojjachuun yeroo dheeraa keessatti bu'aa akka argamsiisu dubbatanii ture.
"Afrikaa keessatti garee biyyaalessaa kubbaa miilaa gahuumsa dhaabbataafi olaanaa ta'e akka qabaatu barbaadde, dargaggoota irratti hojjachuu qabda," jedhan.
Falmii dorgommicharratti bakka bu'ummaa argachuuf godhamu
Bara 1950 fi 1960oota dura biyyoonni Afrikaa hedduun sababa gita bittaa jala turaniif Waancaa Addunyaarratti bakka bu'ummaa argachuuf ni rakkatu ture.
Dorgommii Waancaa Addunyaa bara 1934tti gaggeeffamerratti Afrikaa keessaa ka hirmaate Masirii qofa.
Waancaa Addunyaa 1970tti gaggeeffameef biyyoonni lama yoo dhiyaatan, 1994tti biyyoota sadi yoo ta'a, bara 1998 irraa kaasee garuu Afrikaa irraa biyyoota shantu hirmtaa.
Bara 2010 dorgommii Waancaa Addunyaa Afrikaan Kibbaa qopheessite irratti ardii Afrikaa irraa biyyoota jahatu bakka bu'e. Dorgommii bara kana Kanaadaa, USfi Morookoon waliin ta'anii qopheessaa jiran irratti biyyoonni 48 kan hirmaatan yoo ta'u, Afrikaa irraa yeroo jalqabaaf biyyoota sagaltu hirmaata.
Dursaan garee kubbaa miilaa Afrikaa Kibbaa Roonwen Wiiliyaam dorgommiin bara kana Afrikaadhaaf adda akka ta'u dubbate.
"Wantoonni baay'een fooyya'anii jiru. Biyyoonni heddu wal-tajjii guddaa akkasiirratti dorgomuuf carraa argachuunsaanii waan guddaadha," jechuun lakkoofsi biyyoota ardii Afrikaa bakka bu'anii Waancaa Addunyaarratti hirmaatanii dabaluutti gammachuu akka qabu BBCtti dubbate.
Taphattoota dandeettii qabaniifi biyyoota Awurooppaaf taphatan hawwataa deemuu
Dur taphattoonni Afrikaa ciccimoon hidda dhaloota Afrikaa qaban biyyoota Awurooppaaf taphataa turan. Amma garuu Afrikaan taphattoota kana hawwataa jira.
Taphattoonni amma biyyasaaniif taphachuutti deebi'an hedduunsaanii akadamii biyyoota Awurooppaa keessatti kan baratan ta'uunsaanii fayidaa tokko.
Morookoon akadamii ijaarun dargaggoota irratti hojjachuu cinaatti taphattoota hidda hidda biyyattii qabaniifi biyyoota garaa garaaf taphataa turan kanneen akka karra eegaa Yaasiin Booonoo (Kanaadaa irraa), Ashiraaf Hakiimifi Biraahiim Diyaaz (Ispeen) gadi dhiisanii Leencota Atilaasitti akka makaman gochuu gochuu dandeessetti.
Biyyoonni akka DR Koongoofi Keep Vardee fa'aas taphattoota isaanii diyaaspooraa ta'an irra jireessa fayyadamuun erga bara 1974 as yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaaf hirmaachaa jiru.
Taphattoota garee biyyaalessaa DR Koongotiif hiriiran 26 keessaa 11 kanneen biyyoota Awurooppaa keessatti dhalataniidha.
Amantaa dabalataa dhufe
Keessumaa erga Morookoon waancaa Kaatar qopheessite irratti gahuumsi isheen qopheessite taphattoota Afrikaa hedduuf hamilee guddaa ta'e.
"Waanti Morookon hojjatte, nuti Afrikaanonni fagaannee deemuu akka dandeenyu nutti agarsiise," jedha karra eegaa warra Bafaanaa Bafaanaa kan ta'e Wiiliyaam.
Waancaa Addunyaa Afrikaan mo'achuu akka dandeessullee amantaa keessa akka kaa'e hima taphataan Afrikaa Kibbaa kun.
"Waanti Afrikaan Waancaa Addunyaa darberratti agarsiifte gareewwan Afrikaatiif kaka'uumsa guddaa ta'e," jedha.