Tiraamp waliigalteen waraana Iraanitti xumura gochuu mallattaa'uu jala gaheera jedhe
Dooaald Tiraamp waraana US-Iraanitti xumura gochuuf mariin gaggeeffamaa ture xumura jala gaheera jedhe.
Iraan ammoo "waliigalteen xumure homtuu hin jiru" jechuun dubbiin Tiraamp dhara ta'uu ibsite.
Tiraamp waliigaltichi xumuramaa jiraachuu kan dubbate haleellaa Iraanirratti halkan edaa gaggeessuuf ture haqamuu erga beekisee booda.
Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baagehi ibsa kennaniin, Tiraamp waanuma itti fakkaate dubbataa akka jiru ibsuun "waanti xumurame tokkollee hin jiru" jedhan.
Tiraamp USfi Iraan waliigalteerra gahuu jala gahaniiru jedhee dubbachuu erga eegalee bubbuleera. Haa ta'u garuu akka Tiraamp jedhe hanga yoonaa waliigalteen ifatti labsame hin jiru.
Biyyoonni lachuu Ebla darbe dhukaasa dhaabuuf waliigalanis, darbanii darbanii wal-haleeluu hin dhiisne.