Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qaroomina torba Iraan addunyaaf gumaachite
''Impaayarri Parshiyaa(Iraan ammaa) yaadota amma biyyoota lixaa keessatti fayyadamnu iddoo irraa maddeedha,'' jedhu waa'ee Iraan kan qo'ataniifi barsiisan Piroofeesar Joosee Kaatilaas
''Qaroomni Awurooppaa hundi Giriikitti akka jalqabeefi madda yaada hundaa akka tahetti ilaalla,'' jedha piroofeesariin afaan Parshiyaa, Yunivarsiitii Aliikaantee kuni.
Haa tahu malee amantii Islaamaa fudhachuun dura Iraan keessatti yaadota qaroomaa garagaraatu burqaa ture.
Fakkeenyaaf, akkaataa hawaasni Awurooppaa siyaasaafi bulchiinsaan of gurmeessaa ture, Impaayara Parshiyaa keessatti caasaan akkasii dhaloota Kiristoosiin dura (550-330 BC) akka ture ragaaleen qorannoon argaman adda addaa ni agarsiisu.
Gama amantiidhaan yoo ilaalle Islaama, Judaayizimiifi amantiin Kiriistaanaa yeroo Zoraastiraan bara 3,500 dura Zoraastiraanisimii hundeessee jiru ture.
''Amantichi waa'ee malaayikootaafi ergamtootaa ni barsiisa,'' jedhu piroofeesarichi. Dabaluunis yaadni ''jannataa fi jahaannabaas,'' ture jedhu.
Mootiin Impaayara Parshiyaa dhimmi tokko dhugaafi soba jedhee akka ifaafi dukkaanaa murteessuuf rakkachaa ture.
Keewwata kana keessatti Parshiyaan amantii Islaamaa duraafi booda akkasumas akkatti qaroomni durii biyya kanaa jireenya guyyuu ammayyaa qare ilaalla.
Surree
Baroota 5,000 dura dhiiroti aadaa garagaraa kofoo ykn huccuu surree fakkaatu uffataa akka turan qorannoowwan yeroo garagaraa geggeeffaman ni agarsiisu.
Yeroo kanatti warri Roomaa miila qullaa fi qaama isaanii irratti kafana bicuu akka keewwatan himamus wayyaan qixaa'ee hojjetame yoom tolfamuu akka jalqabe waan beekamu hin jiru.
Haa tahu malee, tikfattoonni Siiyitiyaan jedhamaniifi uummata ganamaa Iraan tahan akkasumas qarqara Awurooppaafi Eeshiyaatti beekaman kofoo tolchanitti beekama.
''Waggoota 600f surreen mallattoo loltoota alaa kanneen akka Siiyitiyaan, Pasrhiyaafi Amaazoonitti,'' jetti qorattuun aadaa durii Ariyaan Meeyar.
Akka ogeeyyiin seenaa jedhanitti bara sana loltoonni dubartii akkuma warra dhiiraa kofiyyaafi waan akka surree keewwatan farda gulufaa akka turan ragaaleen hambaalee durii irratti argaman ni akeeku.
Haala kanaan warri Parshiyaa uffata har'a keewwannuuf gumaachan jechuun danda'ama.
Mirga dhala namaa
Yeroo dameen aadaafi seenaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii UNESCO Fulbaana 2025 walgahe dhimma sirna waggaa 2,500 lakkoofsise beekamtiif dhiyeesse.
Sanadni Saayippiras Siliindar jedhamuufi kan seerota Bulchhinsa Saayippiras qabate yoo tahu kunis ''ragaa mirga dhala namaa barreefamaan,'' wabii kennu akka tahe barreessitoonni baayyeen waliigalu.
Mootiin yeroosii Cyprus the Great jedhamu namoota gabrummaan qabamanii turan gadhiisuun gara magaalaa isaanitti akka deebi'aniif eeyyameefi ture.
Kana malees aadaafi amantii saboota biroo akka kabajaa tures ni himama.
Barreefamni suphee irratti katabame kuni chaartara mirga dhala namaa jalqabaa akka tahetti ilaalamu, Yihudootni bulchiinsa Baabiloon jalatti kufan gara Yerusaalemitti akka deebi'aniif mootiin akka eeyyamuuf sababa akka tahes ni himama.
Manaafi naannoo miidhagsuu
Joonii Toomsan kitaabasaa akkatti biyyooti Galoo-galaanaa addunyaa geeddaran 5 Ways the Gulf Has Changed the Modern World jedhuun ibseen ''mana miidhagsanii ka'anii bashannanaaf kireessuun,'' biyyoota kunneenitti akka jalqabe hima.
Warri Masriifi Baabiloon abaaboo biqilchuufi lafa lalisaa bareechachuu jalqabanillee mana ofii abaaboodhaan miidhagsuu kan jalqabe warra Parshiyaa dha jedhan Jooniin.
Yeroo iddoo tokko haala akkasiin miidhagsan hawaasa hundaaf banaa dha.
''Lafti lalisaa Pasrhiyaa'' hambaalee seenaa UNESCON'n galmeesse keessaati.
Warri Giriikii Paariideezaa ykn Afaan Ingiliiziin Paaraadaayiz jedhu afaan Iraan lafa lalisaa mootii kan jedhamurraa fudhatame.
Poostaa
Akka Jooniin jedhutti warri Masriifi Siriyaa mala ittiin ergaa dabarfatan qabaatanillee warri Parshiyaa tajaajila poostaa addunyaaf beeksisan.
Kunis bara mootii Daariyoos jedhamuu 521 AD jalqabe.
Ogeessonni seenaa akka jedhanitti ergaa warri geessan fardaan gulufaa iddoo galma isaanii fagoo (km2,000 ol) hamma Turkiitti karaa irratti boqochaa guyyootaaf adeemu ture.
Imalli fardaan taasifamu kuni mala salphaa fi si'ataa ittiin ergaa ergatani ture.
Impaayarri kuni cancala ergaa dabarsitootaa wal harkaa fudhan waan fayyadamuuf ergaa tokko iddoo galmasaa geessisuuf guyyaa sagalii hanga torbaa fudhata ture.
Malli ergaa poostaa daddabarsuu bara ammayyaa kanattillee faayidaarra oolaa jira.
Qorannoo dawaa
Bara 1913tti namni abbaa qorannoo fayyaa ammayyaa Wiiliyaam Oslaar jedhamu Yunivarsiitii Yeelitti ''fayyadama qoricha ammayyaa,'' irratt haasaa taasise.
Hakiimni Kaanaadaa haasaa taasise keessaa seenaan Ibin Siinaa Afaan Ingiliziin Aviiseenaa jedhamu qalbii namoota baayyee qabate.
Ibin Sinaan nama Impaayara Parshiyaa Uzbeekistaan ammaa keessatti dhalate yoo tahu saayinsii fi teeknolojii warra Giriikii, Roomaa, Hindii, Parshiyaafi aadaa qorichaa Islaamaa fayyadamun qoricha ofiin kalaqe.
Qorannoon nama kanaa hamma jaarraa 17ttii Awurooppaa Yunivarsiitii Paaduwaa keessatti kennamaa ture.
Herreega
Nama abbaa herreegaa jedhamuun waamamu Al- hawaarizmii jedhamuu dhaggeessetta taha.
Hojii ogeeyyii herreegaa Parshiyaan biyyooti Awurooppaa sirna lakkoofsaa Arabaa tuqaafi qoodduu qabu kan amma itti fayyadamnu bira gahan.
Al-Hawaarizmiin bara 780tti Parshiyaa irraa gara Baagidaada deemuun dhaabbata Mana Beekumsaa jedhamu hundeesse.
Ogeessi herreegaa biraa Umar Kayaam jedhamu bara 1048 Iraan iddoo Nishaapur dhalate.
Raafuu
Raafuu(qoosxaa) addunyaa maratti nyaatamu waggaa 2,000 dura warra Parshiyaatu madaqsee biqilchuu jalqabe.
Ergasii jaarraa 6ffaa keessa warri Chaayinaa gosa raafuu kanaa akka nyaachaa turaniifi jaarraa 11ffaa keessa Araboota barsiisan ragaan Yunivarsiitii Wiskoonsan Maadisan ni ibsa.
''Jaarraa 14ffaa keessa raafuu kana nyaachuun Awurooppaafi Ameerikaa waliin gahe.''
Jechi Afaan Ingiliizii 'spinach' jedhu jedha Arabaa ''Isbaanaah'' ykn ''Isfaanaah'' hundee jechaa Parshiyaa ''Espeenaa'' jedhamurraa dhufe.