Finfinneetti filannoon nagaan Xumuramuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise
Adeemsi kenniinsa sagalee filannoo waliigalaa 7ffaa nagaadhan xumuramuu isaa Qajeelcha Olaanaa Poolisii Finfinneetti Koomaand Poostiin Filannoo beeksiseera.
Akka ibsa poolisiitti, adeemsi sagalee kennuu hanga halkan keessaa sa'aatii 7:00tti raawwatamaa akka ture eeruun, buufataalee filannoo magaalaa Finfinnee keessatti argaman hundatti adeemsi sagalee kennuu rakkoo nageenyaa tokko malee xumurameera jedhe.
Haa ta'uu malee balaa tiraafikaatiin lubbuun namoota lamaa kan darbera jedhe.
Yeroo ammaa lakkoofsi sagalee filannoo itti fufee akka jiru Ibsi poolisii kun eerera.
Adeemsi hojii filannoo boodaa jiru haala naga-qabeessaa fi milkaa’ina qabuun akka itti fufuuf qophii taasisu itti fufuus ibse.