Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidantiin Ertiraa ji'oota keessatti yeroo lammataaf gara Kaayiroo imale
Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii daawwannaa guyyaa sadii turuuf gara magaalaa guddoo Masirii, Kaayiroo deemeera.
Waggoota dhiyoo as keessa michummaan Masirii waliin qabu cimaa kan dhufe pirezidantiin Ertiraa, daawwannaa hojiif gara Kaayiroo yeroo deemu bara kana keessa kun marsaa lammaffaadha.
Isaayyaas Afawarqii gara Masirii kan deeme Dilbata Waxabajji 7, 2026 yoo ta'u, Pirezidantii Masirii Abdul Fettaah Al Siisii waliin hariiroo biyyoota lamaanii, nageenya naannawichaa, dhimmoota Gaanfa Afrikaa fi Baha Giddugaleessaa ilaallaturratti akka mariyatan ibsameera.
Waa'ere daawwannaa pirezidant Isaayyaas ilaalchisuuun fuula X irratti kan barreesse ministirri beeksisaa biyyattii, mariin hoggantoota biyyoota lamaanii jijjiiramawwan bal'aa Gaanfa Afrikaa,nageneya Galaana Diimaa, akkasumas Baha Giddugaleessaa keessatti mul'achaa jira jedhanirratti akka fuulleffatu ibseera.
Jila pirezidantii Ertiraa gara Masiriitti imale kana keessatti ministirri dhimma alaa biyyattiis ni jira.
Pirezidant Isaayyaas Pnkoloolessa darbe daawwannaa hojii guyyoota shanii Kaayirootti wayita taasisetti, pirezidantiin Masirii Al Siisiin, "Walabummaa fi tokkummaa daangaa Ertiraa eeguuf gargaarsa gochuuf murannoo" kan qabu ta'uu dubbatee ture.
Itoophiyaa waliin sababa Hidhaa Guddicha Haaromsaan waggootaaf atakaaroo keessa kan jirtu Masiriin, Somaaliyaa dabalatee bara darbe Ertiraa waliin wal tumsuuf tokkummaa uummachuun isaanii ni yaadatama.
Masirii, Ertiraa fi Somaaliyaan bara darbe Onkoloolessa keessa tokkummaa kan uummatan erga Itoophiyaan Somaaliilaand waliin waliigaltee wal hubannoo wal mallatteessaniin booda ture.
Caamsaa keessa ministiroonni dhimma alaa Masirii fi Eritiraa wal arganii dhimmoota Galaana diimaa fi naannawaa irratti mariyataniiru.
Ministirri dhimma alaa Masirii Baadir Abdillaatii fi ministirri geejjibaa Masirii Leetenaant Jeneraaln Kamaal Alwaaziir, A L I Caamsaa 8, 2018 gara Asmaraa deemuun pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii waliin marii taasisanii ture.;
Marii isaanii kanaan booda ministirri dhimma alaa Masirii Baadir Abdullaatii, "dhimmi bulchiinsaafi nageenyaa Galaana diimaa adda durummaan kan ilaallatu biyyoota Galaanichaan wal daangessanidha," jedhee ture.
Fedhii ulaa galaanaa Itoophiyaan agarsiisaa jirtu hordofee yaaddoo keessa jiraachuun kan himattu Ertiraan gama pirezidant Al Siisii irraa deeggarsa akka argattu kan mirkaneeffatte yoo ta'u, ministirri dhimma alaa Masirii wayita Asmaraa turetti pirezidantiin biyyattii kanuma akka mirkaneesseef ibseera.
Daawwannaan pirezidant Isaayyaas ammaa kun kan dhaga'ame, naannicha keessatti Galaana Diimaa waliin wal qabsiisee muddamni jiru wayita hammaatee jiruttidha.
Itoophiyaan ajandaa fedhii ulaa galaanaashee erga ifa gootee booda Masiriin "bifa marsuu fakkaatuun" socho'aa jirti jechuun Itoophiyaan karaa dubbi-himaa ministeera dhimma alaasheetiin himannaa dhageessifteetti.
Dubbi-himaan ministeera dhimma alaa Itoophiyaa kana kan jedhe sochii geejjibaa fi walitti dhiyeenya ulaa galaanaa Galaana diimaarratti taasifamu ilaalchisee Masirii fi Ertiraan waliigaltee erga mallatteessanii boodadha.
Dubbi-himaa ministeera dhimma alaa kan ta'e Ambaasaaddar Nabiyaat dhimmi Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu ajandaa dursi kennamuuf ta'uu erga kaastee jalqabee gama Masiriin "muddamni, wantonni tutuqqaa fakkaatan mul'achaa" jiraachuu dubbateera.
Dubbi-himaan kun Itoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa argachuu qabdu karaa dippilomaasiin cimsitee akka itti fuftu dubbateera.
Ajandaan ulaa galaanaa Itoophiyaa ka'uu hordofee Masiriin biyyoota ollaa Itoophiyaa jiran waliin hariiroo qabdu cimsachuurra darbitee biyyoota tokko tokko keessa sochii humna waraanaashee bobbaasuu taasisaa jirti.
Haaluma wal fakkaatuun Raayyaan ittisa Biyyaa Itoophiyaa karaa sochii "Tsidoo" jedhamuu yaaddoo " birmadummaa Itoophiyaarratti aggaamamuu" yoo jiraate tarkaanfii fudhatamuu danda'u hawaasa dippilomaasii biyyattii keessa jiran beeksisuu isaa dubbateera.
Daarektarri Hariiroo alaa fi tumsa loltummaa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa "'lafarratti qabatamaan agarsiifna' jedhanii sochiin taakkuu tokko jiraannaan" tarkaanfii akka jiraatu qaamolee kanneen akeekkachiiseera.
Daarektara Hariiroo alaa fi tumsa loltummaa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa meejer Jenerfaal Tashoomee Gammachuu maqaa "Tsimdoo" jedhuun aanga'oota TPLF fi Ertiraa gidduutti sochii taasifamu jedhame yeroo dubbatu , " farra birmadummaa" jechuun dubbateera.
Qolee isaa waanjoo Fari'ooniif " qaamoolee Itoophiyaa kennate" fi " walitti garee naannicha keessa jiruun" kan uumamedha jedhe itti dabaluun.
"Dhimmi yaada kanaan wal qabatu bor [tarkaanfii] guddaa kan fudhachiisu kaanaan hayyama eenyuuyyu gaafachuu barbaachisuu baatullee, michoonni keenya, namoonni nu waliin hojjetan alaa yaada kana akka hubatan gochuun barbaachisaadha," jechuun ibseera.
Meejer Jeneraal Teshoomee, Ministeerri dhimma alaas dhimma kanarratti hojii wal fakkaatu raawwatu amantaa jedhu akka qabus dabaluun ibseera.