Dhibeewwan hundarra balaafamoo 7 addunyaa teenyarratti mul'atan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Rippablika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti namootni dhibee Iboolaatiin qabaman kuma tokkoo caaluu kan gabaafame yoo ta'u, namoonni 246 dhibee kanaan du'uun isaanii beekameera.

Ji'a darbe, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) tamsa'ina dhibee Iboola kan vaayirasii Iboolaa gosa Bundibugyo jedhamuun dhufe kana, DRC fi Yugaandaa keessatti yaaddoo fayyaa hawaasaa ariifachiisaa jechuun yoo labsu; sadarkaa addunyaatti weerara (global pandemic) irra hin geenye jedhe.

Akka Giddugalli Ittisaa fi To'annoo Dhibeewwanii Afrikaa (Africa CDC) gabaasetti, weerarri Iboolaa DRC keessaa miilana mul'ate kun weerara isa 17ffaa yoo ta'u, seenaa keessatti weerara guddaa 2ffaa ta'ee galmaayeera.

Har'a, weerarri dhibee kanaa lubbuu namootaaf sodaachisaa kan jiru yoo ta'u, tajaajila fayyaa cimsuu fi tatamsa'ina dabalataa ittisuuf deegarsi dabalataa ni barbaachisa.

Dhibeen Iboolaa dhibeewwan reetii nama ajjeesuutiin sadarkaa olaanaarra jiran keessayi. Namoota dhibee kanaan qabaman keessaa 50% kan ta'an ni du'u.

Garuu, dhibeewwan baay'ee balaafamoo ta'anii fi daddarbaa turan akkasumas ammas yaaddoo ta'an kan biroon ni jiru. Kanneen akka taayifoyidii (typhoid fever) dabalatee jechuu dha.

Dhukkuboonni 7 kun seenaa dhibeewwan addunyaa keessatti baay'ee balaafamoo jedhamaniifi namoota hedduu fixuun beekaman jiru, kaan isaanii to'atamaa dhufanii jiru.

Dhibee Koronaa (COVID-19)

COVID-19 fi SARS dhukkuboota sirna hargansuu vaayirasoota maatii kooronaavaayirasii tokko irraa dhufaniin ka'an yoo ta'an, garaagarummaan isaanii guddaan garuu dandeettii tamsa'uu fi dhiibbaa addunyaa irratti geessisaniin qofaadha.

COVID-19 (kan SARS-CoV-2'tiin dhufu) saffisa tatamsa'ina isaatii fi fiixee addunyaa mara dhaqqabuu isaatiin seenaa addunyaa keessatti dhukkuboota namoota baay'ee fixan keessaa isa tokko jedhamee ilaalama.

Dhibeen kun weerara addunyaalessaa (global pandemic) guddaa kan uume yoo ta'u, namoota miiliyoona 7.1 ol kallattiin akka ajjeese mirkanaa'eera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) garuu duuti kallattii fi al-kallattiin hordofsiise walumaagalatti hanga nama miiliyoona 15 gahuu akka danda'u tilmaama.

Gam-biraatiin, SARS (kan SARS-CoV-1 tiin dhufu) namoota qabaman ajjeesuun (reeshoo du'aa) baay'ee olaanaa qaba ture; yoo ta'eyyuu namoota muraasa qofa waan qabeef dafee to'annoo jala ooleera.

Dhibeen SARS bara 2003 kan ka'e yoo ta'u biyyoota 20 ol keessatti tamsa'ee ture, garuu bara 2004 tti guutummaatti to'atameera; kanaanis namoota 8,098 qofatU qabame, akkasumas du'a namoota 774 qofatu dhibee kanaan du'e.

Walumaagalatti, COVID-19 dandeettii tamsa'uu fi du'a olaanaa fiduu qabuun addunyaarratti dhibee baay'ee balaafamaa ta'ee ibsama.

Dhibeen SARS namoota qabamanirratti hammaataa ta'us, bal'inaan hin tamsaane. Weerara addunyaa (pandemic) guddaa osoo hin ta'in dursee to'atame

HIV/Eedsii

HIV/Eedsiin addunyaa irratti dhukkuboota baay'ee hamoo ta'an keessaa isa tokkodha; vaayirasii HIV kan sirna ittisa qaamaa miidhuu fi qaamni dhukkuboota biroo akka hin qolanne dadhabsiisuun dhibee dhufu.

HIV'n erga adduyaarraa tamsa'uu eegalee kaasee, namoonni miiliyoona hedduutti lakkaawwaman addunyaa guutuutti qabamaniiru.

Jalqaba tamsa'uu eegalee hanga ammaa namoonni miiliyoona 44.1 ol ta'an dhukkubbii HIV/AIDS kanaan walqabatuun akka du'an tilmaamama.

Akkasumas, tilmaama galmeewwan gabaasawwan tokko tokkootiin, ga'eessota Eedsiin qabaman keessaa gara 51% fi ijoollee keessaa immoo 59% kan ta'an du'aniiru.

Bara 2024 tti, addunyaa irratti namoonni tilmaamaan miiliyoona 40.8 ta'an HIV waliin jiraachaa kan turan yoo ta'u, waggaadhuma sana keessa qofa namoonni haaraan miiliyoona 1.3 ol ta'an vaayirasichaan qabamaniiru.

Ragaan jiru akka agarsiisutti, haawwanii fi shamarran keessattuu, biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadiitti kanneen haaraa qabaman keessaa 63% ta'u.

Walumaagalatti, HIV/AIDS dhukkuba dhangala'aa qaamaa kan akka dhiigaa, isparmii, harma haadhaatiin daddarbuu fi dhibee hamaadha. Qorichoonni dhibee kana to'atan erga oomishamanillee ammas qormaata fayyaa addunyaa guddaa ta'ee itti fufeera.

Utaalloo/Infiluweenzaa

Weerarri influweenzaa bara 1918 (H1N1 jedhamuunis kan beekamu) addunyaa guutuutti namoota miiliyoona 50 hanga 100 gidduu akka fixe tilmaamama.

Seenaa ilmaan namaa keessatti weerara dhibee hamaa addunyaa teenyaa nama baay'ee fixe keessaa tokko yoo ta'u, ardiiwwan hedduu keessatti saffisaan tamsa'uun hawaasa irratti miidhaa guddaa geessiseera.

Dhukkubni dhahina sombaa (pneumonia) waggaa waggaan tilmaamaan ijoollee keessaa 10% fi namoota gurguddoo keessaa dhibbantaa 30% irratti miidhaa geessisa.

Dhukkubni kun waggaa waggaan namoota miiliyoona shanii ol kan qabu yoo ta'u, tilmaamaan namoota kuma dhibba shan ajjeesa.

Weerarri dhibee kanaa Waraana Addunyaa 1ffaa caalaayyuu dhiibbaa guddaa kan uume yoo ta'u, baatii muraasa keessatti namoota baay'ee fixeera.

Saffisni inni itti daddarbuu fi wayita sanatti qorichi argamuu dhabuun dhibee kana baay'ee balaafamaa kan taasise yoo ta'u, balaa fayyaa hawaasaa isa guddaa addunyaa irratti yaadannoo uumee darbe ture.

Golfaa

Du'a Gurraacha (The Black Death) seenaa addunyaa keessatti weerara dhibee namoota baay'ee fixe keessaa tokkoodha.

Dhibeen kun bara 1347 fi 1351 gidduutti kan uumame yoo ta'u, namoonni tilmaamaan miiliyoona 75 ta'an akka du'an tilmaamama, tilmaamni tokko tokko baay'ina kana hanga miiliyoona 200tti ol kaasa.

Maddootni garagaraa akka agarsiisanitti, yeroo sanatti baay'inni uummata addunyaa miiliyoona 450 keessaa tilmaamaan uummatni Awurooppaa walakkaatti siqu guutummaatti harca'eera.

Dhibeen kun daldaltoota fi imaltoota buufatawwan doonii Siisilii keessaan gara Awurooppaa cehaniin saffisaan tamsa'e.

Golfaan baakteriyaa bubonic plague jedhamuun kan dhufu yoo ta'u, sababa mallattoon gurraachi nafa namoota dhibee kanaan qabamanii irratti mul'atuuf maqaan "Du'a Gurraacha" jedhu kennameef.

Infekshiniin dhibee kanaa hoosiftoota xixiqqoo fi tafkii waliin kan walqabatu yoo ta'u, ilmaan namaatiif baay'ee hamaa ta'uun isaa ibsameera.

Ismoolpooks

Ismoolpooks jaarraa 20ffaa keessa qofa tilmaamaan namoota miiliyoona 300, akkasumas barkumee itti aanu keessatti ammoo namoota miiliyoonaa dhibbaan lakkawaaman akka ajjeese tilmaamama.

Dhukkubni kun vaayirasii vaariyoolaa vaayiras jedhamuun kan dhufu yoo ta'u, baay'ee daddarbuu fi namoota qabaman keessaa hanga 30% kan ajjeesuu danda'udha.

Ismoolpooks seenaa ilmaan namaa keessatti dhukkuboota baay'ee namoota fixan keessaa isa tokko ture, garuu oduun gammachiisaan dhibeen kun bara 1980 tti addunyaa irratti guutummaatti dhabamsiifamuu isaati.

Weerarri dhibee kanaa inni dhumaa bara 1977 tti Somaaliyaa keessatti mul'ate.

Kunis duula talaallii addunyaa babal'aa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin durfameen godhameen yoo ta'u, kunis weerara isaa ittisuu fi dhumarratti dhibicha addunyaarraa guutuutti dhabamsiisuuf gargaareera.

Talaalliin ismoolpooks ijoollummaatti dursanii ittisuuf kennama. Dhibeen kun jaarraa 20ffaa keessa osoo hin dhabamsiifamin dura, seenaa ilmaan namaa keessatti dhukkuboota baay'ee nama fixankeessaa isa tokko ture.

Dhibee daranyoo sombaa (TB)

Dhibeen daranyoo sombaa (TB) seenaa ilmaan namaa keessatti namoota biiliyoona 1 ol akka ajjeese tilmaamama.

Dhukkubni kun baakteriyaa Mycobacterium tuberculosis jedhamuun kan dhufu yoo ta'u, dursa somba irratti kan miidhaa geessisuu fi yeroo namni dhibee kana qabu qufa'u, haxxiffatu ykn dubbatu qilleensaan daddarba.

TB'n dhukkuba bara duriiti, waggoota kudhanan hedduuf kan tureedha; sababni baay'inni du'aa itti ol ka'eefis kanumaafi.

Ragaan dhibee kanaas reeffa namootaa Masrii kan waggoota 2400 dura tursiifaman (mummified) keessatti argameera.

Kunis dhukkubni kun waggoota kumaatamaaf kan ture ta'uu fi qorichi ammayyaas yeroo jirutti addunyaa guutuutti hawaasa miidhaa jira.

Yeroo ammaa kana TB'n qorichoota baakteriyaa balleessan (antibiotics) addaa ta'aniin yaalamuu kan danda'u yoo ta'eyyuu, dhibeewwan daddarboo addunyaa irratti namoota baay'ee fixan keessaa ammas isa tokko ta'ee jira.

Dhibicha dafanii adda baasuu, yaala yeroo isaa eeggate argachuu, fi iddoowwan namoonni itti heddummatanii fi qulqullina hin qabne irraa fagaachuun tamsa'ina isaa hir'isuuf furmaata.

Dhibee busaa

Dhibeen busaa jaarraawwan hedduuf ilmaan namaaf yaaddoo yeroo dheeraa ta'ee kan dhufe.

Ilmaan namaa lafa kanarra jiraatanii darban keessaa walakkaa isaanii kan fixe dhibee busaati jedhamee himama. Arbeessuus fakkaatus namoonni dhibee kanaan du'an caalaa namoonni carra dhibee kanaan qabamuu qaban baay'ee olaanaa waan ta'eef dhugaatti dhiyoo dha.

Dhukkubni kun maxxantuu Plaasmoodiyeem jedhamuun kan dhufu yoo ta'u, bookee busaa Anofilasiin daddarba.

Dhibichi hanga bara 1897tti sababni isaa baramutti gadi fageenyaan adda hin baafamne ture.

Sababni isaa inni sirriin beekamuu dura du'a namoota hedduuf sababa ture.

Hanga har'aatti busaan keessattuu Afrikaa keessatti, iddoo ijoolleen baay'inaan ittiin miidhamtu, qormaata fayyaa addunyaa isa guddaa ta'ee itti fufeera.

Waggaa waggaan namoota 600,000 ol ta'an fixa.

Walumaagalatti, dhukkuboonni bookeedhaan daddarban (busaa fi kanneen biroo dabalatee) addunyaa guutuutti waggaa waggaan du'a namoota 700,000 ol ta'an ajjeesu.

Bookeen seenaa keessatti bineeldota ilmaan namootaatiif baay'ee balaafamoo ta'an keessaa isaan jalqabaa keessaati.

Haa ta'u malee, dhukkubni kun ittifamuu fi yaalamuu kan danda'u yoo ta'u, talaalliin dhibee busaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin mirkanaa'es hojii irra oolaa jir