US qabeenya Iraan biyyoota Galoo Galaanaa haleellaan miidhaman dandamachiisuuf oolchuufi

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Mootummaan US qabeenya Iraan jalaa uggure biyyoota Galoo Galaanaa haleellaa Iraaniin miidhaman deebistee ijaaruu fi dandamachiisuuf oolchuuf akka jettu maddeen dhimma kanatti dhihoo jiran Rooyitarsitti himan.

Kun yeroo Iraan biyyoota Galoo Galaanaa kanneen akka Kuweet fi Bahreen dirooniin haleeluu itti fuftetti dhagahame.

Ministirri Maallaqaa US Iskoot Besent garee miidhaa Iraan biyyoota Galoo Galaanaarraan geesse shallagu ramadaniiru.

Maddeen akka jedhanitti US badii mudateef akkasumas kan fuulduratti Iraan raawwachuuf deemtuun mancaatii mudachuu malu dandamachiisuuf maallaqa Iraan fayyadamti.

Tarkaanfiin Ameerikaan fudhachuuf jettu kun kan dhagahame erga gorsaan hogganaa olaanaa Iraan Mohsin Razaayee US waliin waliigalteerra ga'uun kan danda'amu yoo qabeenyi Iraan doolaara biiliyoona 24 ta'u gadhiifameef qofa jechuun CNNtti himanii booda.

Iraan akkuma US waliin waliigalteerra geesseen wantoota battala raawwachuu qaban keessaa tokko maallaqashee Ameerikaan jalaa uggurte gadhiisisuu akka ta'e torban darbe ibsitee turte.

US qabeenya Iraan jalaa uggurtee turte kallattii kanatti geeddaruuf yaada akka qabdu ibsuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu duraanuu qormaata keessa jiru balaarra buusa.

Kaleessarraa eegalee biyyoonni lameen kallattiin walirratti dhukaasaa kan jiran yoo ta'u, kunimmoo waliigalteen dhukaasa dhaabuu bakka sana jiraachuu shakkii keessa kan galchuudha.

Paakistaan jaarsummaa US fi Iraan gidduutti eegalte itti fuftus waliigaltee dhukaasa dhaabuu booda mariin eegalame akkuma gufatetti jira.

Iraan ammaas mariin nagaa kun akka milkaa'uuf tattaaffii taasistu itti fufteetti.

Sambata kaleessaa mariisistoota Paakistaan keessaa ministirri tokko Ayaatollaa Mojtabaa Kaameeniif xalayaa qabatanii Tehraan galuu miidiyaan michummaa mootummaa Iraan qabu ISNA gabaaseera.

Guyyaama kanammoo humnoonni US wiirtuuwwan humna waraanaa Iraan kan odoolaawwan Goruk fi Qashm jedhaman keessatti argaman haleelan.

Ajaji Giddugalaa US haleellaa sana dura dirooniiwwan Iraan hedduu qilleensarratti rukutee buusuu ibsee ture.

Haleellaan US fi Iraan galaanarratti walirratti banan kun tiraafika galaanaatti yaaddoo guddaa ta'eera.

Humni waraanaa US Sambata gara galgalaa akka gabaasetti dirooniiwwan Iraan lama dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa darbaa turan irratti raawwatamuu fi Iraan ammallee doorsisa itti fufuu ibse.

Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan ammoo haleellaa US haaloo ba'uuf buufataalee waraanaa US Kuweet fi Bahreen keessatti argaman haleeluu ibse.

Humni waraanaa Kuweet Sambata kaleessaa misaa'eloota fageenya dheeraa (ballistic missiles) torban osoo manneen jireenyaa lammiilee biyyattiirra darbaa jiranii qolachuu ibse.

Haleellaa misaa'elaa sanaan qabeenyarra miidhaan ga'us garuu lubbuun namaa akka hin darbine ibse.

Bahreen keessatti sagaleen akeekkachiisaa darbaa ture, kanaaf jiraattonni iddoo dahootti walga'anii turan.

Kuweet fi Bahreen haleellaa kana balaaleffataniiru.

Boodarra Iraan buufataalee waraanaa US biyyoota kunneen keessa jiran misaa'ela fageenya dheeraa imalu (ballistic missiles) jedhamuun haleeluu ibsite.

Garuu humni waraanaa US misaa'eloota ja'a qolachuu fi tokko ammoo qiyyaafannoosaa bira akka hin geenye ibse.

Iraan fi US waraana erga eegalanii ji'a sadi caale kana obbaasuuf marii eegalanis mariin nageenyaa kun akka yaadameen deemaa jiru, ta'us al-kallattiin mariimatti jiru.

Osooma mariin gaggeeffamuu ammoo wayita wal haleelan dhageenya.

Kana gidduutti tattaaffiin jaarsummaa adda citee hin beeku. Miidiyaan Iraan akka gabaasetti Ministirri dhimma biyya keessaa Paakistaan Mohsin Naqvi Sambata kaleessaa Tehraan galaniiru, Ministira dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii dabalatee qondaalota Iraan waliin mariif dhufan jedhan.

Qondalli Paakistaan xalayaa Ministira Muummee fi Hoogganaa waraanaa waliigalaa biyyattiirraa qabatan hoogganaa olaanaa Iraan Ayaatollaa Mojtabaa Kaameeniin akka ga'an ibsaniiru.