Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wixineen seeraa TPLF baase du'aan adabsiisu Tigraayitti yaaddoo uume maalidha?
Bulchiinsi Tigraay bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay kan Jeneraal Taaddasaan hogganamu diiguu himuun dhiyeenya hundaa'e wixineen labsii baase miidiyaa hawaasaa gubbaatti falmii kaasera.
Wixineen labsii mata duree "Nageenyaafi jiraachuu Tigraay mirkaneessuuf labsii mootummaan naannoo Tigraay baase," jedhuun dhiyaate kun mana maree naannichaatin akka ragga'uBBC Tigriffaa maddeen irraa odeeffateera.
Keewwatawwan qabiyyee kana dura baramaa hin taaneefi falmisisoo ta'an wixinee labsii kana keessatti dabalamuun wantoota falmiin akka ka'u godhan keessaati.
"Diinni Waliigaltee Piritooriyaa diiguun badiifi yakka gosa hundumaa uummata Tigraay irratti gaggeessaa waan jiruuf uummanniifi mootummaan Tigraay of ittisuuf itti gaafatamummaa uumamaafi seeraan kennameef qabu," jedha.
TPLF mootummaa yeroo naannichaa Waliigaltee Piritooriyaan hundeeffame diigee mana maree waraanicha dura tureen bakka buusera. Kuni ammoo muddama mootummaa federaalaa waliin qabu hammeesera.
Qabiyyee wixinee seeraa haaraa TPLF qopheesse kana BBCn ilaalee haala armaan gadiin qixeessera.
Dirqamaan waraana irratti hirmaachuu
Wixinicha kutaa jalqabaa keeyyata 5 jalatti, namni haalli fayyaafi umuriin hayyamuuf kamuu waamicha waraanaa mootummaan dhiyeessuuf fudhatee "dirqama biyyaalessaa" irratti hirmaachuun dirqama akka ta'etti dhiyaatee jira.
Kutaa sadii mata duree seera "itti gaafatamummaa yakkaa" jedhu jalatti nama waamicha waraanaa dhiyaateef didu kamuu adabbii eeggatu tarreessa.
Waraana Tigraay keessatti hirmaachuuf namni hayyamamaa hin taane, ykn adda waraanatti akka hirmaatu waamichi godhameefii yoo dide, mallaqaan adabamee waamicha waraanaa sanarrattis hirmaata.
Adabbiin maallaqaa dhiyaate birrii 10,000 hanga 50,000 kan ta'uudha.
Keewwata kana jalatti sochii humnoota Tigraay ykn mootummaa saaxiluun, meeshaa waraanaa seeraan ala qabachuu, rasaasa ykn richiitii dhukaasuun, akkasumas miliquuf yaaluun, waamicha biyyaalessaa deeggaruu dhiisun hidhaa ykn maallaqaan akka adabsiisu ibsameera.
Seerota torba du'aan adabsiisan
Keeyyata 29fi 30 wixinee labsii kanaa keessatti, keessumaa waktii waraanatti bu'uuraalee misoomaa, dhaabbilee uummataafi mootummaarra miidhaa geessisuun, diina waliin hiriiruuniifi icciitii dabarsanii kennuun hidhaafi maallaqaan akka adabsiisu ibsu, garuu yakkichi itti yaadamee kan godhame yoo ta'e hidhaa umurii guutuu ykn du'aan akka adabsiisu eera.
Akkasumas mootummaa biyya alaa waliin ta'uun "gochaa walabummaa Tigraay balaarra buusu raawwachuun" akkaataa gochichaa irratti hundaa'uun hanga du'aatti akka adabsiisu ibsameera.
Kan biraa ammoo keeyyata 44 jalatti kan ibsameefi yakka hanga du'aatti adabsiisa jedhame diina waliin wal-ta'iinsa diinagdee tolfachuu ykn diina waliin mariyachuudha.
Uummata Tigraay irratti 'duguuggaan sanyii' akka gaggeeffamu itti yaadamee akka gaggeeffamu kan kakaasu, ajaja kan kennes ta'ee yakkicha raawwachuu keessatti hirmaachuu keessatti kallattiin kan hirmaate hidhaa umurii guutuu ykn du'aan akka adabsiisu ibsameera.
Nama beelessuu ykn qoricha dhorkachuu akka meeshaa waraanatti itti fayyadamuu, bakkeewwan hambaalee seenaa ta'an ykn manneen amantii itti yaadanii mancaasuun yakkoota du'aan adabasiisu jedhamanii wixinee seeraa kana keessatti ibsaman keessayi.
Keeyyatawan miidiyaa ilaallatan
Miidiyaa fayyadamuun aarsaa kaffalame xiqqeessuun kabaja loltootaafi maatiisaanii gadi xiqqeessuun hidhaa hanga waggaa 15tiin adabasiisuu danda'a.
Dabalataanis Tigraayittis ta'ee naannichaa ala taa'ee 'qabsicha' kan qeequ, namoonni gara qabsootti akka hin seennef kan kakaasu, fi qabsicha kan mormu kamiyyuu hidhaa hanga waggaa shaniin adabsiisa jedha seerri kun.
Maddeen BBCn dubbise akka jedhanitti wixineen dhimma miidiyaa ilaallatee bulchiinsi Tigraay haaraa hundaa'e baase kun mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu kana ukkaamsu ta'uu ibsu.
Keeyyata biraa baay'ee falmisiisaa ta'e
Keeyyata 48 jalatti, humnoota Tigraay irratti bifa kamiinuu holola oofuun, ykn itti yaadanii diina waliin ta'uun, itti yaadamee akka haleelamu gochuun, dhalattoota Tigraay diinaf [akka lolan] gochuun, waraanni Tigraay akka ganamu kakaasuufi jajjabeessun yakka umurii guutuun adabasisuu ykn du'aan adabsiisu akka ta'e ibameera.
Kanaan wal-qabatee yakki biraa du'aan adabsiisu fanjii ykn waan dhohuun namarraan du'aatii yoo qaqqabsiise fi uummataafi naannorraan miidhaa guddaa geessisuudha.
Kan biraa ammoo nyaata ykn bishaan humnoonni nageenyaa Tigraay fayyadaman summeessuun hidhaa hanga waggaa 15tiin kan adabsiisu ta'uutu ibsame.