Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Iraan buufatawwan waraanaa US biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiran haleelte

Iraan haleellaa halkan edaa Ameerikaan irratti raawwatte haaloo ba'uuf buufatawwan waraanaa biyyattii biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiran haleelte

Guduunfaa

  • Erga helikooptarri Ameerikaa Hormuuz irratti rukutamee booda US fi Iraan walitti dhukaasan
  • Pirezidant Tiraamp helikooptarri Ameerikaa Hormuuzitti rukutamuuf Iraan himachuun akka haaloo ba'u dhaadachuu booda dhukaasi baname
  • Iraan misaa'elootaa fi dirooniiwwan hedduu dhukaasuun haaloo ba'uu ibsite
  • Eegdonni Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) Bahreen, Jordaan fi Kuweet dabalatee buufataalee humna waraanaa US 21 haleeluu ibse
  • Torbee kana Iraan fi Israa'el wal haleeluutti deebi'anii turanis haleellaa dhaabaniiru. Iraan garuu yoo Israa'el Libaanos haleeluu itti fufte haleellaatti akka deebitu akeekkachiisteetti
  • Israa'el haleellaa Libaanos itti fufuun lammiileen biyyattii magaalota gadhiisanii baqataa jiru
  • Tiraamp Israa'el haleellaa kana akka dhaabdu michuusaa MM Beenjaamiin Neetaaniyaahuu akeekkachiiseera
  • Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok argachuu dandeessu
  • Tamsaasa kallattii kaleessaa asii argattu: Iraan haleellaa dhaabdus Israa'el Libaanos haleellaan jiraattonni magaalaa keessaa baqataa jiru

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp har'a Iraaniin cimsinee haleella jedhe

    Doonaald Tiraamp Roobii har'aa ''cimsinee'' Iraan haleella jedhe. Ameerikaa fi Iraan halkan kaleessaa wal haleelaa bulaniiru.

    ''Kaleessa cimsinee isaan [Iraan] haleella. Har'as cimsinee kan isaan haleellu taha'' jedhe Waajjira Isaa Ovaal keessaa ibsa miidiyaaleef kenneen.

    Akkasumas Iraan ariitiidhaan ''Waliigalticha mallatteessuu qabdi'' jechuun dubbate.

    Iraan xiyyaara waraanaa Ameerikaa haleeltee erga kuffiiftee Ameerikaan Iraan haleeluu Tiraamp ibseera.

    Humni Eegumsa Warraaqsaa Islaamaa Iraan IRGC buufataalee waraanaa Baha Gidduugaleessaa jiran haleeluu ibse.

    Waliigalticha irratti mari'achuu fi mallatteessuuf yeroo dheeraa fudhataniiru. Amma garuu gatii isaa kaffalu jedhe Tiraamp.

    Ministeerri Dhimma Alaa Iraan Esmaayil Baqayii Ameerikaan adeemsa dippilomaasii waan faallessu ibsa baasaa jiru jechuun himate.

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsaniiru jechuunis himate. Tiraamp ammoo Iraan waraanaan ''mo'amteetti'' jedhe.

  2. Yukreen warshaa oomisha meeshaa waraanaa walakkaa Raashiyaatti argamu haleeluu himte

    Humnoonni Yukireen halkan haleellaa misaayela fageenya dheeraa walakkaa Raashiyaatti raawwachuun, warshaa oomisha meeshaa waraanaa guddaa tokko rukutuu isaanii Pirezidant Voloodimiri Zeleniskii beeksisan.

    Akka Zeleniskiin jedhanitti, misaayeloonni kiruusii FP-5 Flamingo jedhaman warshaa diroonii fi misaayelaa magaalaa Cheeboopsarii keessatti argamu kan haleelan yoo ta'u, magaalittiitti naannawa Chuvaash keessatti riqicha waraanaa irraa fageenya kiiloomeetira 900 ol fagaattee argamti.

    Bulchitoonni naannichaa akka jedhanitti, haleellaa misaayelaa magaalattii irratti raawwatameen namoonni sadi miidhamaniiru.

    Yukireen dabalataan buufata doonii Maariyuuphool kan Raashiyaan qabattee jirtuu fi Galaana Azoov irratti argamu, warshaa zayita Raashiyaa Saamaaraa keessatti argamu fi doonii zayita fe'u kan shadow fleet jedhamtu kan Galaana Gurraacha keessa jirtu irratti haleellaa raawwachuu ishee ibsiteetti.

    Ji'oota dhiyoo asitti, waraanni Yukireen bu'uuraalee dinagdee ijoo ta'an kanneen Raashiyaa keessatti argaman irratti haleellaa diroonii dabalee jira.

    Kiiv akka jettutti, bu'uuraaleen anniisaa qiyyeefannoo sirriidha.

    Haata'u malee, haleellaan misaayela fageenya dheeraa Raashiyaa keessatti raawwatamu baay'ee xiqqaa dha.

    Waraanni Raashiyaa akka jedhutti, humni ittisa qilleensaa ishee halkan keessa diroonota Yukireen 326 naannoolee adda addaatti furgugfaman qolachuu fi kaan kuffisuu hime.

    Gama biraatiin, humni qilleensaa Yukireen diroonota 207 kan Raashiyaan ergite keessaa 181 kuffisuu isaanii beeksisan.

    Akkasumas iddoowwan 14 keessatti kallattiin haleellaan 21 raawwatamuu isaa amananiiru.

  3. Iraan marii Ameerikaa waliin eegalte akkamiin akka itti fuftu akka xiinxaltu himte

    Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan, Tehraan karaa marii ishee Waashingitan waliin itti fufuu dandeessu xiinxalaa akka jirtu beeksisan.

    Iraan helikooptara Ameerikaa haleeltee kuffisuu hordofee, Ameerikaan tarkaanfii haaloo bahiinsaa fudhatte.

    Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Ismaa'eel Baagaayee, erga Iraanii fi Ameerikaan dhukaasa walitti bananii booda, “Diiplomaasiin dirree waraanaa keessatti hin raawwatamu. Adeemsi diiplomaasii akka itti fufu dandeessisuuf, hamma ta'e tokko socho'uuf carraa kennuun barbaachisaadha” jedhan.

    Ameerikaan “ergaa wal faallessu dabarsuun adeemsa marii miidhaa jirti” jechuun dubbatan.

    “Ejjennoo fi fedhii jijjiiruu” akkasumas “yeroo baay'ee waliigaltee dhukaasa dhaabuu diiguun” Ameerikaa himatan.

  4. Ameerikaa fi Iraan walitti dhaadachaa jiru

    Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi fi gaggeessitoonni olaanoon Iraan erga gamaa fi gamanaan wal irratti haleellaa raawwatanii booda, tarkaanfii dabalataa irratti akeekkachiisa haaraa walii dabarsaniiru.

    Tiraamp, Tehraan "waliigaltee isaaniif baay'ee gaarii ta'e tokko irratti mari'achuuf yeroo dheeraa fudhatteetti" erga jedhee booda, bal'inaan utuu hin ibsin "amma ammoo gatii kaffaluu qabdi" jedheera.

    Akkasumas, Iraan "guutummaatti mo'amteetti", "dubbii malee gocha hin qabdu" jechuun ibse.

    Kun kan ta'e, Ministeerri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii biyyi isaanii "haleellaa ykn balaa kamiyyuufuu deebii osoo hin kennin kan hin dhiifne" ta'uu erga akeekkachiisanii booddedha; Ameerikaan dirree waraanaa irratti akka "mo'atamtes" dubbatan Araagchiin.

    Ameerikaan akka jettetti, kaleessa heliikooptarri waraanaa ishee Galoogalaanaa keessatti erga haleelamtee booda Roobii buufatawwan Iraan haleelte.

    Deebii kanaaf, Iraan naannichatti buufata waraana Ameerikaa jiran irratti haleellaa banteetti.

    Ajajni Giddugaleessaa US (Centcom) naannawa Ulaa Hormuzitti sirna ittisaa Iraan, buufata to'annoo lafarraa fi raadaariwwan isheerratti xiyyeeffachuun haleeluu ibse.

    Humnoonni "Eegdota Warrraaqsaa Islaamummaa Iraan (IRGC)" Iraan immoo deebisanii buufata waraanaa Ameerikaa naannichatti argaman 21, tokko Bahireenii fi kan biraa Joordaan keessatti argamurratti rookeettii furgugisuu himan.

    Waraanni Kuweetis haleellaa kana qolachuu beeksise.

    Tiraamp Roobii yaada Truth Social irratti barreesseen: "Waraanni Iraan guutumatti barbadaa'eera. Baay'een isaanii, kan akka Humna Galaanaa fi Qilleensaa isaanii, amma hin jiran - Guutummaatti mo'amaniiru," jedheera.

    Itti dabalees: "Waliigaltee isaaniif baay'ee gaarii ta'e gochuuf yeroo dheeraa fudhataniiru, amma ammoo gatii isaa kaffaluu qabu!!!" jedhe.

  5. Magaalaa Johaansbergitti poolisiin kanneen namoota 12 dhukaasun fixan adamsaa jira

    Poolisiin Afrikaa Kibbaa Johaansbergitti nama qubsuma seeraan alaa irratti dhukaasuun namoota 12 ajjeese adamsaa jira.

    Poolisiin akka ibsetti, yoo xiqqaate namoonni shakkaman 10 kan kilaashii hidhatan,Kibxata galgalarra gara qubsuma seeraan alaa Jumpers kan naannoo qarqara magaalaa Kiliivlaand seenanii dhukaasa banuu fi, sana booda konkolaataa adiin baqachuu ibse.

    Sababni tarkaanfii poolisiin "gara-jabeessa" fi "barbaarummaa" jedheen, kan namoonni biroon sagal itti madaawanii, ammas qoratamaa jira.

    Miseensonni hawaasa Jumper's akka amananitti, dhukaasni kun walitti bu'iinsa naannoo gareewwan namoota seeraan ala boba'aa fi albuda baasan naannoo san jiraatan gidduu jiruun wal qabachuu danda'a.

    Afrikaa Kibbaa keessatti gochi albuuda seeraan ala baasuu baay'ee dabalaa jira, biyyattiinis addunyaa keessaa biyyoota lakkoofsa ajjeechaa ol'aanaa qaban keessaa takkadha.

    Qubsuma seeraan alaa keessatti dhukaasni deddeebi'ee mudatu waan dhimma haaraa miti, yeroo tokko tokko immoo lola gareewwan finciltootaa fi falmii dhuunfaa waliin wal qabata.

    "Shakkamtoonni 10 konkolaataa adii Toyota Quantum irraa naannoo buufata boba'aa Kiliivlaanditti buufamuu dhagahuu" poolisiin beeksiseera.

    Dhukaasa kanaan dhiironni saddeetii fi dubartoonni sadi ajjeefamuu himeera poolisiin. Namni kan biraa madaayes hospitaalatti madaarraa hafuu dadhabee du'uu beeksise.

  6. Netaaniyaahuun filannoo irratti akka hirmaatan paartiin isaanii beeksise

    Tiraamp Beenjaamiin Netaaniyaahuu lammata ministira mummee Israa'el tahuuf waan dorgoman akka itti hin fakkaanne himanillee paartin Netaaniyaahuu akka filannoo irratti hirmaatan beeksiseera.

    Paartiin Netaaniyaahuu Likuud jedhamu ibsa gabaabaa baaseen ''filannoo irratti ni hirmaata, Waaqa waliin ammoo ni mo'ata,'' jedheera.

    Filannoon kuni yoom akka adeemsifamu ifatti himamuu baatus Onkololeessa dhufu akka tahu tilmaamameera.

    Kanaan dura gaazexeessaan ABC Waashingitan Joonaataan Kaarl X irratti akka barreessan Tiraamp Netaaniyaahuun irra deebiin filannoof dorgoma jedhanii akka hin yaadne itti himuu barreesseera.

    ''Yeroo aangoo gaarii qaba ture, hin beeku garuu itti fufuu barbaada?'' jechuu isaanii gaazexeessaan kuni miidiyaa hawaasaa isaa irratti qoodeera.

    Hamaas bara 2016 baatii Fulbaanaa haleellaa raawwachuun balleessaa tika biyyattiiti jedhamuun booda filannoon Israa'el geggeessuuf jettu kuni kan jalqabaati.

    Netaaniyaahuun bara 2022 gara aangoo erga dhufanii raafamni guddaan isaan mudateera.

    Waraannii Gaazaa, Libaanosfi Iraan jalqabuun dura hiriirri mormii mootummaa isaan mudateera.

    Paartiin isaanii yaada uummataa funaanameen fudhatamnisaa akkaan hir'iseera.

    Yeroo dhihoo as Tiraampiifi Netaaniyaahuun atakaaroo keessa seenuun isaanii gabaafamaa jira.

    Kanaan dura garuu Tiraam Netaaniyaahuun himanni malaammaltummaa Israa'elitti irratti baname akka irraa ka'uuf gaafataaa turan

  7. Pireezidantiin Ittaanaa US torbanoota keessatti Iraan waliin waliigalteen raawwata jedhan

    Pireezidantiin Ittaanaa Ameerikaa JD Vaans biyyisaanii Teeharaan waliin marii taasisaa jirtuun dhimmi niwkilaaraa haala 'waarawaa' taheen akka furmaata argatutti waliigalteerra gahuu jala akka jirtu himan.

    Ji'oota darban biyyooti kunnee haleellaa walirratti banaa turan dhaabuuf marii'achaa erga turaniin booda amma gara xumuraatti gahuu isaanii pireezidantiin ittaanaa kuni kan himan.

    Yeroo marii kanaa dhimmi niwukilaara waan ijoo tahee kan ture yoo tahu,amma akka Vaans jedhanitti amma waliigalteerra gahuuf dhiyaachuu isaaniifi torbanoota dhufanitti akka raawwatu ibsaniiru.

    ''Yeroo ammaa kana diinagdee Ameerikaaf waliigaltee gaarii taherra qaqqabuuf dhiyaanneerra jedheen yaada,'' jedhan.

    Waliigaltichi dhimmi niwkilaaraa yeroo Tiraamp aangoorra jiru qofa waan hiikamu osoo hin taane biyyattiin meeshaa waraanaa cirumaa akka hin qabaanne kan taasisu dha,'' jechuun Pireezidantiin Ittaanaa JD Vaans miidiyaa CBS'tti himaniiru.

    Kunis imaammata mootummaa isaanii akka tahe kan himan Vaans ''galma sana bakkaan gahuuf baayyee kan dhiyaanne natti fakkkaata. Garuu dhimmooti hafan baayyeen jiru. Isa galoobauuf akka tattaaffii keenya itti fufna,'' jedhan.

    Iraan waliin marii taasifamu filannoo marsaa walakkaa Ameerikaatti geggeefamuun dura akka tahu mirkanaa'aa tahuu himaniiru.

  8. Iraan buufatawwan waraanaa US biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiran haleelte

    Ameerikaan helikooptarashee Ulaa Hormuuz keessatti rukkutamee kufeef Iraan haleeluun deebii kennuu hordofee, buufataawwan waraanaa Ameerikaa biyyoota Galoo Galaanaa keessa jiranirratti haleellaa gaggeessuu humni Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan beeksise.

    Humni kun ibsa baaseen akka himetti, “Humna galaanaa ramadii shanaffaa” Ameerikaa naannicha keessa jiru dirooniiwan baayyeetiin sirna raadaarii isaafi buufatawwan waraanaa rukkuteera.

    Akka buufanni TV Iraan gabaasetti, raayyaan biyyattii haleella kana kan raawwate deebii “haleellaa” kibba Iraan keessatti lammileerratti raawwatameef “deebii kennamedha”.

    Maddeen Ameerikaa haleellaa kana ilaalchisuun gabaasa baasaniin, Iraan misaa’eloota afuriifi diroonota baayyeetiin buufataaleen waraanaa Ameerikaa Baahireen, Kuweet fi Yordaanos keessa jiranirratti haleellaa raawwatteetti jedhan.

    Maddi oduu TASNIM jedhamu Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraanitti dhiyoo ta’e akka gabaasetti, Iraan buufata waraanaa Ameerikaa Yordaanos jirurratti haleellaa raawwatteetti.

    Haleellaa kanaan addatti kan irratti xiyyeeffatame ammoo buufata jeettiiwwan waraanaa Ameerikaa baayyee ammayyaa F-35 keessa jiran ta’uun gabaafameera.

    Dabalataas maddi oduu Iraan Faars jedhamu Eegduun Warraaqsaa kun naannoo Galoo Galaanaa keessatti buufataaleen argaman “buufataaleen humna qilleensaa fi galaanaa Ameerikaa 21 ta’an irratti xiyyeeffatamuun haleelamaniiru,” jechuun ibseera.

  9. Dhukaasa jumlaa Joohaanisbargitti raawwateen namoonni 12 lubbuu dhaban

    Afrikaa Kibbaa, Johaanisbargitti dhukaasa jumlaa raawwateen namoonni 12 lubbuu dhabuu poolisiin hime.

    Kibxata kaleessaa qubsuma al-idilee Kiliivlaand jedhamuutti haleellaa raawwate kanaan namoonni sagal biroo madaa'aniiru. Poolisii shakkamaa barbaadaa jira.

    ''Shakkamtoonni 10 tahan konkolaataa Tooyootaarraa buufata boba'aa Kiliivlaanditti bu'ani,'' jedhe poolisiin.

    ''Jarri kuni iddoo jedhame kana balbala lamaan seenanii hawaasaafi jiraattota irratti dhukaasa banuun booda iddoo sanaa dhabamaniiru,''

    South Africa has one of the highest murder rates in the world, with around 60 people killed per day on average.

    Poolisiin akka jedhetti jiraattonni ''dhukaasni banamuu eeruu kennan'' jedha

    Namoota madaa'aniif hojjettoonni tajaajila fayyaa hatattamaa bobba'aniiru.

    Akka poolisiin jedhutti dhiirota saddeetiifi dubartoonni sadii iddooma dhukaasni banametti lubbuu dhaban.

    Haleellaa kana duuba sababiin jiru hin ammaaf hin baramne.

  10. Paayileetiin eeyyama sirrii malee waggaa 17 xiyyaara oofe himatame

    Qondaalonni akka jedhanitti Paayileetiin umrii waggaa 59 kun bara 2009 irraa eegalee waraqaa eeyyamaa seera qabeessa malee xiyyaara balaliisaa waan tureef himatameera.

    Daandiin qilleensaa Kanaadaa- Air Canada jedhamu bara darbe akkuma dhimmi kun irratti barameen paayileetii kana hojiirraa ari'uu ibse.

    Akka daandiin qilleensaa kun jedhetti paayileetonni ji'a ja'aan leenjii ga'umsa isaanii mirkaneessu waan fudhataniif sababa nama kanaa imaltootarra balaan ga'e hin turre.

    Jiraataa Ontaariyoo kan ta'e Geoffrey Wall bara 1998 irraa eegalee Air Canada waliin hojjeteera.

    Naannawa Peel jedhamutti Qondaala Poolisii Itti Aanaa kan ta'e Nick Milinovich paayileetiin Wall jedhamu kun waggoota 27 daandii qilleensaa [Air Canada] waliin hojjeteera jedhe.

    Paayileetii ta'ee xiyyaara akka balaliisuuf beekamtii kan argate garuu bara 2009.

    Yeroo sanarraa eegalee paayileetiin kun wayita carraan guddina sadarkaa dhufu dikumantii isaa geeddaruun dhiheessaa guddina argachaa ture jedhe poolisiin.

    Paayileetiin kun waggoota 17 darban keessatti xiyyaarota Booying gosa adda addaa balaliiseera. Walumaagalatti balalii biyya keessaa fi alaa 900 raawwateera.

  11. Helikooptarri Ulaa Hormuuz irratti kufuun booda US fi Iraan wal haleelan

    Ameerikaan haleellaa walitti fufaa Iraan irratti raawwattu xumuruu kan himte yoo tahu, Iraan dirooniifi misaayela dhukaasuun deebii kennaa turte.

    Waraanni Ameerikaa, sirna ittisaa qilleensarraa, iddoowwan to’annoo lafarra jiran akkasumas raadaariiwwan Iraan irratti qiyyaafatee heelikooptara Ameerikaa Wiixata lafaan dhoofteef deebii kennuu hime.

    Mootummaa Warraaqsaa Iraan ammoo buufataalee waraanaa Ameerikaa Baahireenfi Joordaan 21 irratti qiyyaafachuun halellaa raawwachuu kan hime yoo tahu Kuweetis haleellaa qolachaa turuu ibsiteetti.

    Ameerikaan heelikooptara Apache kuuffifameef deebii kennaa jirtu ‘’deebii madaalawaa’ jettus Iraan haleellaa US ‘hamaa’ jetteetti.

    Biyyooti lameen kan walitti dhukaasan hojjettoonni heelikooptara kuftee erga baraaramaniin booda dha. Dirooniin galaanarraa namoota kunneen baraaruuf faayidaarra ooluu waraanni Ameerikaa yeroo jalqabaaf ifatti hime.

    Akka qondaalonni Ameerikaa jedhanitti Iraan diroonii fayyadamuun heelikooptarii kana haleelte. Tahus haleellaan kuni itti yaadamee tahuusaaf ifaa miti jechuun CBS qondaala mootummaa Ameerikaa eeruun gabaaseera.

    Maddi Oduu Iraan Meehiir jedhamu Iraan haleellaa heelikooptarii kanaaf gaafatamummaa hin fudhanne jechuun gabaaseera.

    Komaandiin gidduugalaa Ameerikaa Centcom deebii haleellaa heelikooptara kuffifameef jeetiiwwan US ‘’sirna ittisaa qilleensaa, buufataalee to’annoo lafoofi raadaarii odeeffannoo dhihoo Hormuuz jiru haleeluun deebii kennaniiru,’’ jedhan.

    Mootummaan Warraaqsaa Iraan Ameerikaan utubaa telekoominikeeshiniifi tankii bishaan lama haleelte jedhe.

  12. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Iraan fi US walitti dhukaasan.

    Kunis erga Hormuuz irratti helikooptarri Ameerikaa rukutameeti.

    Odeeffannoo waraana Iraan karaa kanaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattii duraan ture asii argattu.