Ajjeefamuun abbaa seeraa 'Sirna Haqaarratti haleellaa jabaa raawwatamedha'

Aadde Worqee Fakkansaa

Madda suuraa, SM

Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Worqee Fakkansaa Mana Murtii Aanaa Walmaraatti osoo Abbaa Seeraa taatee dhaddacha gaggeessaa jirtuu himatamaadhaan ajjeefamte
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Walmaraatti himatamaan Abbaa Seeraa dhaddacharra turanii fi himattuu ajjeese to'atamee qoratamaa jiraachuu Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatti Daarektarri Daarektoreetii Kominikeeshinii fi Quunnamtii Uummataa Obbo Geetaachoo Xaasoo BBCtti himan.

Taateen kun Waxabajjii 4, 2026 (Kamisa) dhaddacha murteen dhumaa irratti dubbifamaa ture irratti raawwachuu Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa ibseera.

Obbo Geetaachoon ''Kamisa kaleessaa Mana Murtii Aanaa Walmaraatti dhaddacharratti taateen kun mudachuu dhageenye,'' jedhan.

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa ibsa baaseen ajjeechaan abbaa seeraa Warqee Fakkansaarratti ajjechaan raawwatame ajjeechaa abbaa seeraa tokkorratti qofa raawwatame osoo hin taane sirna haqaarratti haleellaa guddaa raawwatameedha jechuun balaaleffate.

''Gochaan kun daanyaa tokkorratti kan raawwate qofa osoo hin taane olaantummaa seeraa, bilisummaa seeraa fi sirna haqaarratti balaa guddaa raawwate akka ta'et hubanna'' jedhe.

Abbootii seeraa ykn ammoo qaamolee haqaarratti haleellaan raawwatu olaantummaa seera laaffisuuf gochoota raawwatamaniidha jedheera.

Dabaluunis gochoonni akkasii irra deebiin akka hin raawwanne qaamolee seeraaf eegumsi ciman akka godhamu hubachiifnaa jedha.

Ajjeechaa Abbaa seeraa Warqee Fakkansaarratti raawwatame hordofee himatamaa gochicha raawwateefi qaamolee nageenyaa eegumsaf ramadamanii turan irratti qorannoon gaggeefamuu eegaleera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaddachi Aadde Warqeen irratti ajjeefamte sun himata dhimma maatii ilaalaa akka turee fi himatamaan haadha warraasaan himatamee murteen dhumaa wayita dubbifamu yakki kun raawwachuu Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa ibseera.

''Namichi dhimma maatii irratti haadha manaasaa waliin wal himatee falmiirra ture. Diiggaan gaa'elaa erga murtii mana murtiitiin raawwatamee booda, qabeenya abbaa manaa fi haati manaa waliin qaban irratti falmii gaggeessuun murtiin kennamee ture.''

Haala kanaan murteen kenname akka raawwatuuf dhaddacha qabamee ture irratti himatamaan kun ''yakka ajjeechaa kana raawwachuu'' himan.

''Dhaddacharratti himatamaan kunis himattuun [haati manaasaa] dhihaattee bakka jirtutti abbaan seeraa dhaddacha sanarratti raawwii murtii isa xumuraa osoo dubbisaa jiranii gochi kun raawwachuu dhageenye,'' jechuun waan odeeffatan BBCtti himan Obbo Geetaachoon.

Akkasittiin himatamaan Aqinaaw Baqqalaa jedhamu kun abbaa seeraa dhaddacharra turan Worqee Fakkansaa fi haadha warraasaa Almaaz Makonnin irratti ajjeechaa raawwate jedhan.

''Yeroo raawwiin murtii dubbifame kanattigaa himatamaan shugguxii qabatee jiruun abbaa seeraa fi haadha warraasaa rukutee ajjeese.''

Akkasaan jedhanitti haleellaa kanaan haati warraa namichaa battalumatti yoo duutu abbaan seeraa ammoo mana yaalaa osoo hin ga'in duute.

Obbo Geetaachoon akka jedhanitti namni ajjeechaa raawwate kun duraan poolisii ture, amma garuu soorama ba'ee jira. Kan jiraatus naannooma sana.

Osoo poolisiin akkasumas waardiyyaan mana murtii eegu jiruu namni kun akkamiin meeshaa waraanaa qabatee dhaddacha mana murtii seenuu akka danda'e gaaffii ijoodha.

Obbo Geetaachoon ''adeemsa jiruun namni kamuu sakatta'ameeti mana murtii seenuu kan qabu. Garuu namni kun haala kamiin meeshaa qabatee seenuu danda'e kan jedhu qorannoo kan barbaaduudha,'' jedhan.

''Waardiyyaan eegumsarra jiru ni jira, poolisiin dhaddacha kabachiisullee ni jira waan ta'eef akkamiin meeshaa qabatee akka seene qorannoon of danda'e gaggeeffamaa jira. Akkamiin carraa meeshaa qabatee seenuu argate kan jedhu dhimma sirriitti qoratamuu qabudha.''

Namni ajjeechaa raawwate kun yeroo sanatti ofirrattis yaalii ajjeechaa raawwateera kan jedhan Obbo Geetaachoon, ''yerooma sana hospitaalatti yaalamaa osoo jiruu to'annoo poolisii jala gale. Hospitaaluma Holataa jirutti yaalamaa ture,'' jedhan.

Namni kun shugguxii fi cuubee qabatee kan ture yoo ta'u ''meeshaalee kunneen lamaaniin miidhaa ofirraan ga'e,'' odeeffannoo jedhu qabna jedhan Obbo Geetaachoon.

Namni kun haadha manaasaa dhaddacharratti ajjeese kana waliin ijoollee akka qaban quba qabaachuu kan himan Obbo Geetaachoon, ''haadha manaa lama qaba ture. Lamaanuu waliin wal falmiirra akka ture quba qabna,'' jedhan.

''Haadha warraa lamaanuu waliin walfalmiirra turan. Lamaanuu waliin wal hiikee qabeenyarratti walfalmaa turan.''

Haleellaa himatamaan kun dhaddacharratti baneen namoota lameen ajjeefamanirraa kan hafe namoonni madaa'an akka hin jirre himan Obbo Geetaachoon.

Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa taatee kanarratti ibsa kaleessa baase keessatti ''yakka raawwatameen wal qabatee namoonni dabalataa shakkaman to'atamanii qorannoon gaggeeffamuu eegalee jira,'' jedhe.

Gocha yakka raawwatameen wal qaabatee qorannoowwan gaggeeffamuu eegalanii fi gara fuula duraati gaggeeffamanii seeraan ilaalaman adeemsaan kan ifoomsu ta'uus beeksiseera.