Arsenaal, Maanchister Siitii fi Liiverpuul Shaampiyoonsi Liigii keessatti kileba kam morkatu?

Madda suuraa, Getty Images
Ramaddii Shaampiyoonsi Liigii baheen kileboonni Ingilizii Maanchister Siitii fi Astoon Viilaan shaampiyoona akan ture PSG morkatu.
Dabalataan yeroo shan shaampiyoonsi Liigii kan mo'ate Baarseloonaa waliin tapha marsaa duraa keessatti wal morkatu.
Waggaa lamaan darban walitti aansanii waancaa Shaampiyoonsi Liigii kan mo'atan PSG dirree isaanii irratti Baarseloonaas simatu.
Arsenaal bara darbe xumuraaf dhaqabuun PSG'dhaan kan mo'ame dirree isaa Emireetis irratti Riyaal Maadiridiin simata.
Akkuma bara darbee ammoo Baayern Muunikiin Aliyaanz Areenaa irratti morkatu.
Gareen Miikeel Arteettaa Shaampiyoonsi Liigii darbe rukuttaa peenaaliitiin mo'ame Boorushiyaa Doortimoond, Riyaal Beetis, Liil, Naappoolii fi kileba Azerbaajiyaan Saabaa akkasumas Islaaviyaa Piraag waliin morkata.
Gareen Eenzo Maareshkaa PSG dirree isaanii Itihaad irratti morkata. Achiin booda ammoo Baarseloonaatti imaluun taphata.
Baarseloonaa booda Naappoolii, Ispoortiing Liisban, RB Leepziig, AWK Ateensii fi Leensi waliin kan morkatan taha.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Astoon Viilaan ammoo PSG, Doortimoond, Baarseloonaa, Galatasaaraay waliin morkatu. Dabalataan Kilab Biruuj, Fenerbaachee, Vaayikingii fi Islaaviyaa Piraag waliin taphatu.
Shaampiyoonsi Liigiitti kan deebi'e Maanchister Yuunaayitid tapha jalqabaa baayern Muunik, Atileetiikoo Maadirid, Roomaa, Ispoortiing Liisban, Leepziig, Vilaariyaal, Saabaa fi Koomoo waliin morkata.
Liiverpuul ammoo Atileetiikoo Maadirid, Poortoo, Vilaariyaal, Inter Miilaan, Kilab Biruuj, Fenerbaachee, LASK fi Leensi waliin morkata.
Taphni jalqabaa Fulbaana 8 taphatama. Marsaa jalqabaa gaafa Amajji 27 bara 2027 xumurama. Xumurri waancaa Shaampiyoonsi Liigii bara kanaa gaafa Waxabajji 5 bara 2027 Maadiriditti gaggeeffama.
Tokkoon tokkoon kileboota 36 taphoota saddeet taphatu. Garee adda addaa saddeet waliin taphatu jechuudha.
Taphoota afur dirree isaanii irratti taphoota afur dirree isaaniin ala taphatu.
Kileboonni sadarkaa 1-8 qabatanii xumuran kallattumaan darbu. Warri 9-24 jiran ammoo tapha wal mo'atanii darbuu lama taphachuun baka isaanii mirkaneeffatu.
Kileboonni 25 fi isaa gadi bahan ammoo kallattumaan dorgommicha keessaa kufu. Gara Awurooppaa Liigiittis hin dabalaman.
Bara dorgommii darbe Arsenaal taphoota saddet mo'atee sadarkaa tokkoffaa qabatee darbe.
Liverpuul sadaffaa ture. Tootenhaam qabxii tokkoon caalamee sadarkaa arfaffaan xumuree gara 16tti makaman.
Cheelsii fi Maanchister Siitiinis sadarkaa jahaffaa fi saddeettaffaa qabachuun kallattumaan darban. Niwkaasil sadarkaa 12ffaa qabatee xumure. Liverpuul nuusa xumuraa keessatti PSG'dhaan mo'ame.
Arsenaalis yeroo jalqabaaf waancicha injifachuuf ture rukuttaa peenaaliitiidhaan PSG'n mo'amee dhabe.



















![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)