Itoophiyaan Waancaa Afrikaa bara 2028 qopheessuuf iyyata galfatte

Madda suuraa, Getty Images
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa (EFF) pirooppoozaaliin mootummaan biyyattii deeggaruun dhiyaate, biyyattiin taatee guddicha kubbaa miilaa ardichaa ta'e kana qopheessuuf qophii guutuu qabaachuu ibse.
Itoophiyaaan waancaa Afrikaarratti si'a sadi hirmaatteerti. Innis baroota 1962, 1968 fi 1976 yoo ta'u biyyattiin garuu bu'uuraalee misoomaa kubbaa miilaan kaanirraa booddeetti haftee jirti.
Biyyattiin istaadiyoomii sadarkaan isaa Federeeshinii kubbaa miilaa Afrikaatiin dhiyoo mirkanaaye tokko qofa qabdi. Garuu, istaadiyoomii haaraa sadarkaa idil addunyaa fi kompileeksii ispoortii Finfinnee eebbisiisuuf adeemsarra jirti.
Iddoon magaalaa guddittii keessatti argamu kun bakka taphaa tokko ta'ee tajaajiluu ni danda'a. Iddoowwan gareewwan kubbaa miilaa Afrikaa 24 itti taphatan iddoowwan garaagaraa qopheessuu dandeessi kan jedhu ammallee gaaffii keessa jira.
Istaadiyoomiiwwan naannolee garaagaraa jiran bu'uuraalee fi ulaagaalee guyyaa taphaatti barbaachisuun sadarkaa Fifa ykn Caf akka hin guunne amanama.
Itoophiyaan taphoota gulaallii Waancaa Addunyaa FIFA 2026 kan mana isheetti taphatamu dirreewwan Morookoo fi Ruwaandaatti kan taphatte yoo ta'u, jalqaba bara kanaa garuu taphoota tokko tokko Dirree Dhawaatti keessummeessitee jirti.
Ji'a darbe, pirezdantiin Caf Patriis Mootsiipee Itoophiyaan Waancaa Afrikaa bara 2028, 2032 fi 2036 iyyata hawwata dhiyeessuu ibsan. Waancaan Afrikaa as dura waggaa lama lamaan taphatamaa ture 2028 kaasee waggaa afur afuriin ta'uu murtaayeera.
Jalqaba waggaa kanaatti Bootswaanaa, Naamiibiyaa, Afrikaa Kibbaa fi Zimbaabuween Waancaa Afrikaa bara 2028 waloon qopheesuuf iyyata galfatanii turan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Waancaa Afrikaa bara 2025 kan qopheessite Morookoon iyyata kanatti hirmaachuuf mirga qabaattus, BBC Sport akka hubatetti biyyattiin irra caalaa Waancaa Addunyaa bara 2030 waloon qopheessuurratti xiyyeeffattee jirti.
Biyyoonni bulchiinsa waraanaa jala jiran Burkinafaassoo, Maalii fi Niijeer Waancaa Afrikaa bara 2032 waliin qopheessuuf fedhii qaban ibsanii jiru.
Waancaan Afrikaa bara 2027 Waxabajjii 19 - Adoolessa 17 Keeniyaa, Taanzaaniyaa fi Yugaandaatti tapahatamuuf karoorfameera.
Dorgommiin kun erga bara 1976 Itoophiyaan qopheessitee as yeroo jalqabaatiif biyyoota Baha Afrikaatiin qophaa'a.
Itoophiyaan waancaa kana bara 1962 kan injifatte yoo ta'u, gahumisi garee Waaliyaa ammaan tana addunyaarraa 143ffaa, Afrikaarraa 43ffaarratti argama. Itoophiyaa. erga waancicha qopheessitee yeroo sadi qofa Waancaa Afrikaarratti hirmaaatte.
Yeroo dhumaatiif tapha Waancaa Afrikaarratti kan hirmaatte bara 2021 ture. Ramaddii garee ishee kanneen turan Kaameruun, Burkinafaassoo fi Keep Verd tokkollee osoo hin mo'atin dhumarra bahuun xumurte.
Itoophiyaan dorgommii seensa Waancaa Afrikaa (Afcon) kan bara dhufuuf taphatameen Saa'oToomee fi Piriinsippee mo'achuun, Garee J keessatti Senegaal, Mozaambik fi Sudaan waliin ramadamteerti.
Bu'uuraalee ispoortii fi yaaddoo nageenyaa
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa kana beeksisuu hordofee qeeqaa fi gaaffileen tokko tokko ka'aa jiru. Itoophiyaan dhuguma gahumsa tapha kana qopheessuu qabdii gaaffileen jedhan ka'aa jiru.
Itoophiyaan biyyoota sadi jalqabaa bara 1957 taphatan keessaayi, Istaadiyoomiin Baahir Daar teessuma 52,000 qabu istaadiyoomii tokkicha sadarkaa Caf guute dha.
Istaadiyoomiin intarnaashinaalii Aday Ababaa teessuma 62,000 bara kana keessa xumurama.
Istaadiyeemoonni sadi biroo ammallee misoomfamaa kan jiranii fi sadarkaa Caf guutuuf hojii jabaatu isa hafa.
Afcon qopheessuun istaadiyeemoota dabalataa sadarkaa ol kaasuu fi ijaaruu barbaada.
Biyyattiin iddoowwan leenjii gahaa, jiimiiwwan, iddoo simannaa fi bashannanaa akkasumas geejjiba magaalaa fi bu'uuraalee nageenyaa ishee barbaachisa.
Iyyata Itoophiyaa miilanaaf nageenyi yaaddoo ijoo dha.
Magaalaa guddoo Finfinneen bakkeewwan biroorra nagaadha, kutaaleen biyyattii kuun garuu rakkoo walitti bu'iinsaa, jeequmsa siyaasaa fi qormaata nageenyaatu mul'ata.
Dhimmoota kanneeniif furmaata laachuun, bu'uuraalee barbaachisoo guutuun Itopphiyaan waancaa Afcon bara 2028 milkiin qopheessuuf waan dursi kennamuufii qabu dha.














![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)


