Walii galteen Tiraamp Kongireesiif dhiyeessan Sa'udiin Israa'eliif beekamtii akka kennitu taasisaa?

-

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, waliigaltee Ameerikaa Sa'udi Arabiyaan nukilaraa dhimma nageenyaa fayyadamuu waliin hojjechuuf waliigaltee yaadame Kongireesiif dhiyeessuu qondaalli mootummaa Ameerikaa Rooyitarsiitti himan.

Akka qondaalichi jedhanitti walii galteen kun baatii Adoolessaa keessa kan taasifame yoo ta'u, dhaabbileen Ameerikaa teeknooloojii niwukilaraa siiviilii gara Sa'udii Arabiyaatti akka ergan kan taasisuudha.

Haa ta'u malee, Tiraamp waliigalteen kun hojii irra kan oolu Sa'udi Arabiyaan hariiroo Israa'el waliin qabdu yoo sirreessite qofa hojiirra oolaa jechuun haal-duree kaa'aniiru.

Qondaalli Ameerikaa kun, "Pirezidaantiin ejjennoo isaanii hin jijjiirre. Waliigalteen kun Sa'udii Arabiyaan Waliigalteewwan Abrahaamitti yoo makamtetti qofa hojii irra oola," jedhan.

Waliigalteewwan Abrahaam waliigalteewwan Ameerikaan gidduu seenuun bara 2020 fi 2021tti Israa'el, Emereetota Araba Gamtoomanii, Baahireen, Morookoo fi Sudaan gidduutti hariiroo dippilomaasii uumuu irratti taasifamaniidha.

Waligaltichi hariiroo Israa'elii fi biyyoota Arabaa fi Muslimoonni baay'inaan keessa jiraatan gidduu jiru idileessuudhaaf kan yaadame yoo ta'u, yeroo walfakkaatutti Israa'eliif beekamtii kennuudha.

Saudii Arabiyaan garuu Israa'el beekamtii hin kennine, akkasumas Waliigaltee Abrahaam keessa hin jirtu.

Waliigalteen niwukilaraa Sa'uudii Arabiyaa baatii Adoolessaa keessa Ameerikaa waliin mallatteessite Tiraamp, hojiirra oolmaa waliigaltichaa Sa'uudii Arabiyaan hariiroo Israa'el waliin qabdu idileessuu waliin walqabsiisaniiru.

Dippilomaatonni Sa'uudii Arabiyaan bara 2023tti hariiroo Israa'el waliin qabdu idileessuuf karooraa qabaachuu ibsaa turte, garuu waraanni Israa'el Gaazaa keessatti bara sana Onkoloolessa keessa jalqabde haala sana jijjiire.

Sa'uudii Arabiyaan hanga haalli mootummaa Filisxeem furmaata waaraa hin argannetti Israa'eliif beekamtii akka hin kennine cimsitee dubbatteetti.

Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Waliigalteen nukilaraa kun waggaa 30f kan turu yoo ta'u, warshaaleen anniisaa niwukilaraa AP1000 Sa'udii Arabiyaa keessatti akka ijaaraman karoorfameera. Pirojektiin kun maallaqa biliyoonaan lakkaa'amu kan baasu ta'uu ibsameera.

Waliigalteen kun Wiixata Kongireesiif ergame. Maddoonni Kongireesii lama akka jedhanitti, koreewwan Kongireesii keessatti Roobii kanarraa eegalee ilaalama.

Kongireesiin guyyoota hojii 90 keessatti waliigaltee kana yoo hin mormine, waliigaltichi hojii irra ni oola.

Kongireesiin yoo morme, Tiraamp sagalee sagaleetiin kuffisuu ykn 'veto' gochuuf aangoo qaba. Kongireesiin murtoo akkanaa akka dabarsuuf garuu deeggarsa miseensota Kongireesii harka sadii keessaa lamaa barbaachisa.

Gama biraatiin, miseensonni Paartii Dimookiraataa tokko tokkoo fi ogeeyyiin ittisa babal'ina meeshaa nukilaraa waliigaltee kana qeeqaniiru.

Waliigaltichi Sa'uudii Arabiyaan Yuuraaniyeemii gabbisuu ykn akka hin babal'annee ifatti hin dhorku jechuun yaaddoo qaban ibsaa jiru.

Tiraamp garuu waliigalteen kun tarkaanfiiwwan seeraan barbaachisaa kan babal'ina meeshaa nukilaraa ittisan of keessaa qaba jedhan.

Ogeessi dhimma ittisa babal'ina nukilaraa Henry Sokolski, adeemsi waliigaltee kana Kongireesiitti ergamuun, Kongireesiin waliigaltee kana hariiroo Israa'el waliin sirreessuuf jecha daangenfama babal'ina nukilaraa malee akka raggaasisuuf carraa uumuu danda'a.