Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Deebiin Ertiraan akeekkachisa MM Abiy Paarlamaa irratti dubbtaniif kennite maali?
Ertiraan dubbii Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dhimma galaana Diimaa fi hariiroo Ertiraa ilaalchisuun dubbatan qeequun deebii kenniteerti.
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee GebraMasqal dubbiin MM Abiy Ahimed paarlamaarratti waa'ee Ertiraa ilaalchisee dubbatan "sobaa hin jirre fi tooftaa gowwoomsaa" jechuun ibsan.
Dubbiin MM irra deeddeebin dubbatan kun guutuun sobaa fi olola jibbinsaa akkasumas tooftaa gowwoomsaa nama jibbisiisan waan ta'eef, dhimma kana irratti deebii cimaa kennus hin barbaachisuu jedhan.
"Kun arrabsoo qalbii uummata Itoophiyaa gaddisiisuudha, Sobni fi gowwoomsaan ammoo yeroo dheeraa hin turu, dhumni isaa ni mul'ata" jechuun qeeqan.
MM Abiy tibbana paarlaamaa biyyattii keessatti dubbi dubbataniin Ertiraa irraa waa lama barbaannaa jechuun ibsan.
Kan jalqabaa diinota Itoophiyaa hidhachiisuu, karaa meeshaalee waraanaa ittiin dabarfamu ta'uu fi diinota Itoophiyaa waliin hojjechuu dhaabuu yoo ta'u, inni biraa ammoo misooma waloo waliin yaa hojjennu kan jedhudha jedhan.
''Yoo fedhii nagaa qabaatan Galaanni Dimaan nu gaha. Waliin itti fayyadamna.
Waggaa 30 guutuu daandii asfaaltii Kiiloo meetira tokko kan itti hin hojjennee fi itti fayyadamtee hin beekne itti hin fayyadamtan jechuun gatii hin qabu.
Isaanis haa fayyadaman. Nuyis itti haa fayyadamnu'' jechuun ibsan
Itti dabaluunis, Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf jecha Eertiraa akka hin weerarre dubbatan.
''Weera hin barbaannu. Karaa nagaa milkeessuu barbaanna. Mootummaan Ertiraa waan kana beekuu qaba'' j
Kanas ta'ee sana fedhiin Itoophiyaa yeroo dheeraa keessatti akka milkaa'u amantii qabaachuu isaanii ibsaniiru.
Qondaalli Ertiraa obbo Yamaanee GebraMasqal dubbii isaanii keessatti, mootummaa Itoophiyaa gareewwan mormitoota Ertiraa deeggara jechuun himannaa biraa dhiyaaessan.
Qondaaltonni mootummaa Ertiraa yeroo heddu waa'ee jiraachuu mormitoota Ertiraa keessaa ifatti hin dubbatan ture.
Obbo Yamaaneen garuu akeekkachiisa Abiy boodaa deebii kennaniin, mootummaan itoophiyaa mormitoota Ertiraa keessaa akka Dhaabbata Dimokraatawaa Afaar Galaana Diimaa (RSADO), Sochiiwwaan Islaamaa,fi warraaksaa dabalatee gareewwan biroo keessummeessuu fi hidhachiisuun himate.
Dr. Abiy ibsa isaanii keessatti, Shaabiyaan yaada Itoophiyaa irratti "dogoggora sirreeffamuu hin dandeenye" keessa seenuu yoo itti fuftе, balaan isaa Ertiraatti akka deebi'u akeekkachiisan.
Yaadota Abiy Ahimad waa'ee haala hawaasummaa fi diinagdee Ertiraa, keessa jiru dadhabaa ta'uu fi fedhii misooma akka hin qabnetti kaasan Asmaraa aarsera.
Dr. Abiy haasaa isaanii keessatti, Ertraan waliin misooma irratti hojjechuuf yaaliin taasifame milkaa'uu dhabuu ibsan
Dabalataan, Itoophiyaan Eritraaf humna ibsaa dhiyeessuuf, daandii fi buufata doonii waliin misoomsuuf yaalii gootee turte; garuu mootummaa Ertiraa irraa fudhatama hin arganne jedhan.
"Waliin misoomuuf carraaqqii guddaa gooneerra. Fakkeenyaaf, achitti [Ertiraa] rakkoon ibsaa jira, jenereetara fayyadamu.
Kanaaf, baasii keenyaan sarara ibsaa isiniif diriirsinee, gatii ibsaa Itoophiyaa keessatti kaffalamuun isinitti dhiyeessina jennee turre. Mootummaan Ertiraa nu dide. Gatiin isaa kan Keeniyaa kenninuun miti, gatii Itoophiyaa keessatti kaffalamuun isiniif dhiyeessina jennee turre. Daandii haa ijaarru, buufata doonii waliin haa misoomsinu jennee gaafanne; mootummaa Ertiraa garuu nu dide.
Maaliif? Mootummaan Ertiraa mootummaa yeroo gabaabaaf aangoo irra jiruudha. Jechoonni 'misooma' fi 'guddina' jedhan galmee jechoota afaan isaa keessa hin jiran," jechuun MM Abiy kan dubbtan
Obbo Yamaaneen gama isaan mootummaan Itoophiyaa deeggarsa maallaqaa biyyoota alaa irraa argatun akka jiraatu himan.
Lakkoofsa deeggarsa kanaas dhiyeessuun, ''Itoophiyaan deeggarsa idil-addunyaa biyyoota gargaartotaa, dhaabbilee waliinii fi biyyoota dhuunfaa irraa argattu doolaara biiliyoona 30tti tilmaamamuun jiraatti'' jedhan.
Kana malees, ''waggoota saddeettan darban keessatti Emireetota Araba Gamtoomanii irraa deeggarsa biraa, kan ifatti hin ibsamne, gara doolaara biiliyoona 30 tilmaamamu argateera," jechuun himan.
Akkasis ta'ee ummata Itoophiyaa keessaa dhibbeentaan 70 hiyyummaa hamaadhaan rakkachaa jirachuullee qeeqan.
Haa ta'uu malee lakkoofsi kun eessaa akka dhufe ragaa hin dhiyeessine.
Itoophiyaan deeggarsa idil-addunyaa fi liqii doolaara biiliyoona hedduutti tilmaamamu akka ofirraa qabdu beekamaa ta'us lakkofsa qondaalli Ertiraa eeran kana BBC'n madda mirkanaa'aa hin arganne.
Diinagdeen Ertiraa waggoota 30 darban keessa haalaan kan gadi bu'aa ture yoo ta'u, waggoota muraasa keessatti galiin albuuda irraa argameen fooyya'iinsi mul'atee ture.
Haa ta'uu malee imaammata mootummaa hedduun daanga'aa ta'uu isaarraa kan ka'e guddinni sun itti fufuu hin dandeenye.
Pirezidaantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii yeroo tokko diinagdee biyyattii "kan harka qalleeyyiiti" jechuun ibsanii ture. Biyyattiin jijjiirama qilleensaan miidhamuun hiyyummaan hamaan fi beelli mul'achaa turuun isaas ni beekama.
Mootummaan Ertiraa naannoo bara 2004tti murtoo dhaabbilee gargaarsa idil-addunyaa biyyattii keessaa ari'uu fudhateen, gargaarsi namoomaa kallattiin gara biyyatti akka hin seenne taasise.
Bu'uuraaleen misoomaa biyyattii, keessumaa daandileen, akkasumas bishaan dhugaatii dabalatee rakkoo hammataa keessa jira.
Daandiwwan magaalaa guddoon Asmaraa, akkasumas buufatni doonii Massawaa fi Assab haala manca'aa keessa jiraachuun isaaniis dhugaa mul'atuudha.