Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyoota torba saalqunnamtiirratti hedduu gammachuu qaban
Qorannoo haaraan UK keessatti taasifame akka mulisetti, ga'eessonni waggoota kurnan darban keessa kan durii waliin yoo madaalamu qunnamtii saalaa gadi aanaa godhan.
Bu'aan qorannoo kanaa jornaaalii qorannoo 'Laanseet' irratti maxxanfame akka mul'isutti namootni umriin isaanii Waggaa 45 gadi ta'e amma giddugaleessaan ji'a keessatti yeroo lama qofa qunnamtii saalaa godhu.
Bara 1990-1991 gidduutti giddugaleessaan ji'atti si'a afur ture.
Dargaggoota umrii 16 hanga 24 gidduu jiran harka sadii keessaa tokko gonkumaa qunnamtii saalaa hin beekan.
Qorannoo bara 1990 hanga 2010 taasifamee turerratti garuu dargagoota Shan Keessaa tokkotu qunnamtii saalaa gonkuma hin beeku ture.
Ta'ummoo namni tokko qunnamtii saalaa raawwate jechuun gammachuu argateera jechuu miti.
Qorannoon idil addunyaa taasifame akka agarsiisetti gammachuu jaalalaa fi qunnamtii saalaa irraa argamu irratti biyyoota gidduu garaagarummaa guddaatu jira.
Qorannoon biyyoota 30 irraa namoota 23,765 hirmaachise muddee 2024 hanga Amajjii 2025 gidduutti taasifameera.
Hirmaattonni qorannichaa hariiroo jaalalaa fi gammachuu qunnamtii saalaa irratti gaafataman.
Bu'aan qorannichaas biyyoota qunnamtii saalaa irraa gammachuu guddaa argatan torba adda baaseera.
Kana keessaa biyyootni sadii sadarkaa walfakkaataa shanaffaa irra jiru.
Maaleezhiyaa
Maaleezhiyaan biyyoota sadarkaa 5ffaa irra bahan sadan keessaa tokko yoo taatu, hirmaattota qorannoo keessaa harka 67 kan ta'an qunnamtii saalaarraa gammachuu akka argatan himan.
Kana keessaa harki 30 akka malee Gammadoo ta'uu himan. Harka 37 kan ta'an ammoo sadarkaa wayyaa ta'een gammadoo ta'uu himan.
Gama kaaniin harka 15 ammoo hagas Mara qunnamtii saalaa irraa gammachuu hin arganne, harka 8 kan ta'an ammoo gammachuumaa hin argannu jedhan.
Bu'aa qorannoo kanaatiin Maaleezhiyaan biyyoota Eeshiyaa keessaa biyya qunnamtii saalaatiin lammiileenshee gammachuu argatan keessaa tokko taateetti.
Peeruu
Peeruunis sadarkaa 5ffaa qabatteetti. Hirmaattota qorannoo kanaa keessaa harki 67 qunnamtii saalaa irraa gammachuu akka argatan deebisan.
Harki 37 akka malee gamachuu akka argatan, harka 30 ammoo sadarkaa ta'een akka gammadan himan.
Kuni kan agarsiisu hirmaattonni qorannoo kanaa hedduun isaanii jireenya jaalalaa fi qunnamtii saalaa irraa gammachuu akka argatani.
Peeruun biyyoota Laatiin Ameerikaa keessaa warra qunnamtii saalaa irraa gammachuu argatan keessaa tokko yoo taatu tarree biyyoota lammiileenshee qunnamtii saalaarraa gammadanii keessa seenteetti.
Chiilii
Chiiliinis biyyoota sadarkaa 5ffaa qabatan keessaa tokko. Hirmaattota qorannoo kanaa keessaa harki 67 qunnamtii saalaatirraa gammachuu qabaachuu himan.
Maaleezhiyaa fi Peeruu irraa adda kan godhu garuu hammeentaan akka malee gammadne jedhanii kan Chiilii harka 43.
Harka 24 kan ta'an ammoo hamma ta'een gammachuu arganna jedhan.
Bu'aan qorannoo kanaa Chiilii Biyyoota laatiin Ameerikaa keessaa warra sadarkaa olaanaan qunnamtii saalaarraa gammadan keessaa tokko isaan taasisa. Kolombiyaa fi Meeksikooti isaan caala.
Indooneezhiyaa
Indooneezhiyaan sadarkaa 4ffaa kan qabatte yoo ta'u hirmaattota keessaa harki 70 kan ta'an qunnamtii saalaarraa gamachuu argatu.
Bu'aan qorannoo kanaa biyyattii biyyoota Eeshiyaa keessaa biyya lammiileenshee qunnamtii saalaarraa gammachuu argachuun dursan ishee taasisa.
Deebistoota keessaa harki 32 akka malee gammachuu argatu, harka 38 ammoo hamma ta'een gammachuu qabu.
Taayilaand
Taayilaand Meeksikoo waliin qabxii walfakkaataan sadarkaa 2ffaa qabatte.
Hirmaattota keessaa harki 72 jaalalaa fi qunnamtii saalaarraa gammachuu akka argatan deebisan.
Qorannoon kuni akka akeeketti hammeentaa jedhame kana keessaa harki 24 akka malee itti gammadu, harki 48 ammoo hamma ta'een gammachuu qabu.
Kunimmoo kan mul'isu hirmaattota keessaa warra akka malee gammadurra warra sadarkaa ta'een gammadutu caala.
Taayilaanditti warra hariiroo qunnamtii saalaa keessa jiran keesaa harki 44 qunnamtii saalaa miiltoo isaanii waliiniirraa gammachuu qabu. Harki 48 ammoo hamma ta'een gammadoodha.
Meeksikoo
Meeksikoo Taayilaand waliin sadarkaa lammaffaa qabatte. Hirmaattota keessaa harki 72 qunnamtii saalaarraa gammachuu akka argatan deebisan.
Taayilaandirraa kan adda godhu Meeksikootti hammeentaan akka malee gammachuu argatanii olka'aadha. Harka 42. Kaan harki 32 hamma ta'een gammachuu qabu.
Meeksikootti hammeentaan namoota jaalallee yookan miiltoo qunnamtii saalaa isaaniitiin akka jaalataman yaadan harka 86. Kuni hammeentaa olaanaadha.
Kolombiyaa
Kolombiyaan sadarkaa 1ffaa kan qabatte yoo ta'u, hirmaattota keessaa harki 74 qunnamtii saalaa irraa gammachuu akka argatan himan.
Kuni biyyoota qorannoo kanarratti hirmaatan 30 keessaa hammeentaa olaanaa ta'edha.
Isaan keessaa harki 48 akka malee qunnamtii saalaarraa gammachuu argatu. Harki 26 ammoo sadarkaa ta'een gammadoodha.
Kana jechuun hirmaattota qorannoo Kanaaf biyyattiirraa Bakka bu'an keessaa walakkaan qunnamtii saalaarraa gammachuu olaanaa argatu jechuudha.
Kana malee Kolombiyaan gammachuu hariiroo jaalalaatiinis dursarra jirti. Kanneen hariiroo jaalalaa keessa jiran keessaa harka 65 kan ta'an miiltoo isaaniirraa gammachuu qabu. Harki 24 ammoo sadarkaa ta'een gammadoodha.