'Aabba, ani sodaadhe'-Jireenya sodaachisaa haleellaa misaa'elaa Sa'udii, Riyaaditti cime

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

'Aabba, ani sodaadhe': Jireenya magaalaa guddoo Saawudii, Riyaad keessaa haleellaan dirooniifi misaa'elaa Huutii itti cime

Manasaa Yaman magaalaa Sana'aa jiruu erga baqatee guyyoota kudhan kan lakkoofsise Aabu Kaliil, daandiiwwan magaalaa Riyaad irratti kaalsii gurguruu eegaleera.

"Sana'aadhaa milaan ergan bahee booda iddoo waraanni itti adeemsifamu keessan qaxxaamure. Sana boodas konkolaataan gara Saawudi Arabiyaa gale" jedha.

Maatiiwwan Yaman jiran "ijoolleesaanii jiraachisuuf rakkataniiru" kan jedhu Aabu Kaliil, innis hanga isaaf danda'amuuf hojjetee maallaqa argaturraa maatiisaaf erguuf tattaafachaa jiraachuusaa hima.

Haati warraafi ijoolleensaa afur ammallee Sana'aa kan jiran ta'uusaatiin maqaasaa guutuu akka hinfayyadamne Aabu Kaliil, BBC gaafateera.

Waa'ee warra Huutii yoo waa dubbate maatiisaa maaltu mudachuu akka danda'u akka hinbeeknes hima.

"Warra Huutii dheeffeen dhufe, garuu maatiikoo fidee dhufuu hindandeenye. Rabbi isaan yaa eegu" jedha.

Wal waraansi Yaman waggoota 10 dura erga eegalee as hidhattoonni Huutii Iraaniin deeggaraman yeroo ammaatti kutaa Kaaba Yaman harka caalmaa to'ataniiru.

Hidhattoonni kun mootummaa beekamti idiladdunyaa qabufi biyya ollaa kan taate Saawudi Arabiyaan deeggaramu lolaa jiru.

Kanaafis magaalonni Saawudii kunneen akka Riyaad bifa dhaabbataa ta'een haleellaawwan dirooniifi misaa'elaa hidhattoota Huutii ta'een keessummeessaa jiru.

Ji'a Adoolessaa darbe labsiin dhukaasa dhaabuu al-idilee labsamee turus sana booda garuu lolli hammaatera. Warri Huutiis haleellaa Saawudii Arabiyaarratti raawwatan cimsanii jiru.

Sababni haleellaa isaaniis haleellaa qilleensarraa hamaa Saawudiin Yaman keessatti raawwattufi uggura biyyattiin buufataalee dooniifi xayyaaraa naannoo Huutiin to'ate keessa jiranirratti keesse haaloo bahuuf akka ta'e garichi hima.

Haaluma kanaan haleellaan garichi Onkololeessa 10 buufata xayyaaraa idiladdunyaa Riyaad irratti raawwate namoota 13 ajjeesee 300 ol kan ta'an immoo madeessee jira.

Dhaabbata boba'aa mootummaa Saawudii kan ta'e Aramco keessa kan hojjetu injinarri ganna 25 Majid, guuyyaa sana imala amantaaf gara Jiddaa deemuuf buufata xayyaarichaa keessa ture.

Battala haleellaan Huutii buufata xayyaarichaa rukkututti nama qaamnisaa dhiigaan cuuphame arguusaa hima. "Rifaatuudhaan garasaa deeme. Nagaadhaa? jedhee isa gaafadhe" jedha.

Buufata xayyaarichaa keessatti imaltoonni miidhamanii of wallaalan gara kilinika gargaarsa jalqabaatti geeffamuusaanii kan himu Majid, "Tokko tokko yeroo sanatti lubbuunsaanii yaa darbuu yaa jiraatanii hanga ammaatti hinbeeku" jedha.

Taateen kun isa rifachiisuu kan himu dargaggoon kun, "Warri Huutii biyyakoo keessatti miira nageenyummaa akka nadhorkan hin heeyyamuuf" jedha.

Haleellaa hidhattoonni Huutii Saawudi Arabiyaarratti raawwatan ilaalchisee BBC'n ragaa Pirojektii Daataa Iddoofi Taatee Walitti Bu'iinsa Hidhannoo (ACLED), dhaabbata teessoosaa US godhatefi bu'aadhaaf hinhundoofne xiinxalee jira.

Ragaan dhaabbatichaa akka agarsiisutti hidhattoonni Huutii ji'oota shanan Adoolessa 1 hanga Sadaasa 25 jiran keessatti haleellaawwan 274 Saawudi Arabiyaarratti raawwataniiru.

ACLED akka jedhutti, haleellaawwan kunneen keessaa baay'eensaanii kan qolataman ta'us 41 garuu hinqolatamne. Yeroo tokko tokkommo caccabaan haleellaawwan qolatamaniis miidhaa geesisaa tureera.

Hidhattoonni Huutii Iraaniin deeggaraman yeroo gara yerootti meeshaalee waraanaa ammayyaa'oo hidhachaa kan jiran yemmuu ta'u, dandeettiin keessoo Saawudiitti haleellaa raawwachuusaaniis bifa ajaa'ibsiisaa ta'een dabaleera.

Waggootaaf haleellaan Huutii naannoo daangaa Yaman qofatti kan daangeffame ture. Magaalaan Riyaadis hagas mara akeekasaanii keessa yeroo seentu hinmul'atu ture.

Haata'u malee, yeroo ammaatti magaalli daangaa Yamanirraa fageenya kilomeetiroota 700 irratti argamtu tun yeroo yeroon haleellaa hidhattoota Huutii keessummeessaa jirti.

Buufatawwan xayyaaraa, buufataaleen boba'aafi gamoowwan gurguddaanis balaa keessa galanii turaniiru.

Saawudi Arabiyaan magaalotashee fooyyessuuf doolaara biliyoona heddu dhangalaasterti, invastimantii idiladdunyaa heddus hawwatteerti. Akka biyya jireenyaaf, hojiifi daawwiif nageenya amansiisaa qabduttis of dhaadhessaa turteerti. Haa ta'u malee haleellaawwan Huutii dhaadannoo Saawudii kana qoraa jiru.

Ji'a kana keessallee naannoo dhaabbileen faayinaansii itti argamanitti gamoowwan beekamoon lama haleelamaniiru.

Haleellaa gamoo dheerticha Saawudi Arabiyaa kan waajjirri mummee fandii qabeenya birmadummaa itti argamu gamoo Fandii Invastimantii Uummataa (PIF) irratti raawwatameen namoonni 11 miidhamaniiru.

Gamoon inni biraan immoo teessoo dhaabbata boba'aa biyyattii kan ta'e gamoo Aramco'ti.

Mootummaan biyyattii haleellaawwan kunneen "haleellaawwan shororkeessitootaa lammiilee nagaafi gamoowwan diinagdeerratti xiyyeeffatanidha" jechuun qeeqera.

Kana malees of ittisuuf "tarkaanfii barbaachisaa kamiyyuu akka fudhatus" himeera.

Haa ta'u malee haleellaawwan Huutii balalliiwwan xayyaaraa magaalaa gudditii gufachiisuun alatti buufataalee xayyaaraa magaalota akka Madiinaa fi Damaam keessatti argamanirrattis kan akeekkatan turan.

Kanarraa kan ka'es imaltoonni gara magaalaa Riyaaditti imalan heddu buufataalee xayyaaraa magaalota biroo keessatti argamanitti akka qubatan erga taasifamanii booda gara Riyaaditti lafarra akka imalan taasifamaniiru.

Jiraattonni magaalaa Riyaad gama isaaniitin dandeettii biyyisaanii haleellaa Huutiirraa isaan eeguuf qabdutti amantaa akka qaban BBC'tti himaniiru.

Jiraataa magaalichaa BBC'n gabaa keessatti haasofsiise Baadir, haleellaan buufata xayyaaraarratti raawwatame yaaddessaa ta'us sochiin idilee batalumatti itti fufuu hima.

"Yaaddoo maleen rafa" jechuunis humnootii nageenyaa biyyattii galateeffata.

Jiraataan inni biraan Rashiidis, "Gabaan hoo'era. Namoonni bitaafi gurguraa jiru, hojii idileessaanii itti fufaniiru. Wanti hundi gaariidha" jedheera.

Lammiin Yunaayitid Kingidam ALA bara 2006 as yeroo garagaraa Saawudii keessa jiraate Aleeks Maaluf immoo miidhaan xinsammuu haleellichi intalasaa waggaa 11 irratti geesisuu malu isa yaaddessuu hima.

Intallisaa mana barumsaa osoo jirtuu akeekkachiisawwan nageenyaa akka dhageessu kan himu Aleeks, "Intalliko yeroo baay'ee 'Aabba, Ani sodaadhe' naan jetteerti" jedha.

Aabu Kaliiliif garuu haleellaawwan Huutii jiraatanillee biyyasaa Yamanirra kan waraanni itti hammaaterra Saawudi Arabiyaa jiraachuun isaaf nagaa qaba.

Gama biraatiin hidhattoonni Huutii gara lixa Yamanitti duula haara gaggeessuun nannoo qarqara Galaana Diimaa to'ataniiru. Daandiiwwan ijoo gara teessoo yeroo mootummaa biyyattii magaalaa Edan geessanis yaaddoo keessa galchaniiru.

Lolichi naannoo magaalaa to'annoo mootummaa jala jirtu magaalaa Ta'iizittis cimeera.

Hidhattoonni Huutii daandiiwwan gara magaalattii geessan cufuun omishaaleen barbaachisoo ta'an gara magaalattii akka hinseenne taasisaniiru.

Kunis namoonni 800,000 gargaarsa namoomaa akka hinarganne taasisuu ejansiin daa'immanii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii UNICEF himeera. Gatiin nyaataafi boba'aas qaala'eera.

Ragaan Dhaabbata Godaansa Idiladdunyaa (IOM) akka agarsiisutti ji'a Hagayyaa asitti Yaman keessatti namoonni 360,000 qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.

Kana malees lammiilee nagaa 323 irratti miidhaan qaqqabuu kan hime Waajjirri Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, namoonni 76 ajjeefamaniiru, kana keessaas walakkaan daa'immani jedheera.

Gamtaan biyyootaa Arabaa Saawudi Arabiyaan durfamu hidhattoota Huutii dhaabsisuuf haleellaawwan qilleensaa rawwachaa kan ture yemmuu ta'u, kunis yaaddoo miidhaa lammiilee nagaarra qaqqabu dabaleera.

Opireeshiniin kun lammiilee nagaa Yamanfi daldala idil addunyaa hidhattoota Huutiirraa eegufi jedhamus haleellaan qilleensarraa Saawudiin durfamuun adeemsifamu naannoo jalqaba waraanichaatti namoota nagaa kumaatamaan lakka'aman ajjeesera. Manneen jireenyaa, hospitaalotafi manneen barumsaas mancaasera.

Hidhattoonni Huutis iddoowwan harka mootummaa jala jiranirratti meeshaalee gurguddaafi misaa'elota dhukaasuun akkasumas haleellaa lafoo adeemsisuun lammiilee nagaarratti miidhaa cimaa qaqqabsiisaniiru.

Gama biraatiin gara Saawudiitti baqachuun dahoo kan argate Aabu Kaliil, haadha warraasaafi ijoolleesaa afran balaa Sa'anaa keessa jirurraa gara ofiitti fudhachuuf abdii godhateera.

Dabaluunis "Hanga hidhattoonni Huutii badanitti hindeebi'u" jedheera.