Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN , Israa’el Iraan meeshaa waraanaa keemikaalaa hojjechaa jiraachuu himachuun US haleellaa haaraa akka irratti bantu gaafatte

Ministirri Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaat Kibxata Iraan meeshaa waraanaa keemikaalawaa misoomsaa akka jirtu ibsuun Teehraan kana akka hin goone dhaabsifamuu akka qabu cimsee akeekkachiise

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Baqataan UK'n dirqamaan gara biyya Afrikaa tokkotti ergite of ajjeese

    UK'n baqataa haleellaa saalaan himatame dirqamaan gara biyya Afrikaa inni kana dura hin beekneetti ergite.

    Murtoon kun paarlaamaa UK'f ykn hawwaasaaf hin dhiyaanne ture.

    Baqataan kun jalqaba Siri Laankaa irraa yoo tahu, dhibee sammu hamaa qabaachuu himame.

    Yeroo baay'ees lubbuu isaa balleessuuf yaalee ture jedhame. Baqataan kun biyya Iswaatiiniitti erga ergamee ji'a tokko booda of ajjeese.

    Mootummaan UK baqataan kun waan ittiin deebisee Iswaatinii keessa jiraatu mootummaa biyyichaa waliin waliigaluun kaffaluuf waliigalee ture.

    Baqataan kun dhaabbiimaan biyyicha akka jiraatuuf ture. Mootummaan UK kana dura baqattoota gara Ruwaandaa geessuuf karoorsus murtoon kun haqamee ture.

  2. Tokko sadaffaan dargaggootaa saalqunnamtii hingodhan garuu pornoograafii ilaalu jedha qorannoo

    Qorannoon akka mul’ieutti, namoonni UK keessa jiraatan, keessattuu dargaggoonni fi ga’eessonni umuriin isaanii xiqqaa ta’e, dhaloota darbe wajjin yoo wal bira qabamu qunnamtii saalaa xiqqaa godhu ykn tasumaa raawwachuu dhiisaa jiru.

    Haa ta’u malee, baay’een isaanii fiilmii saal-qunnamtii (pornoogiraafii) ni ilaalu, akkasumas suuraawwan saalqunnamtii karaa bilbilaatiin waliif qoodu.

    Yeroo jalqabaatiif qorannoon biyyaalessaa kan ilaalcha fi haala Jireenyaa Saalqunnamtii ratti gaggeeffamu,kan National Survey of Sexual Attitudes and Lifestyles jedhamu, amala saalqunnamtii namootaa networkii oonlaayinii qorachuu isaati.

    Qorannichi akka mul'isetti, namoota umuriin isaanii 16 hanga 24 ta’e keessaa walakkaan isaanii waggaa darbe keessa karaa bilbilaatiin suuraawwan saalqunnamtii namatti erganii ykn ergameefiira.

    Dabalataanis, garee umurii kana keessa jiran dubartoota lama keessaa takka akkasumas dhiira 10 keessaa gara sagalii kan ta’an kanaan dura fiilmii saalqunnamtii (pornoogiraafii) ilaalanii akka beekan dubbataniiru.

    Haa ta’u malee, qorannoo waggaa 12 dura gaggeeffameen 20% kan ture yoo ta’u, amma garuu garee umurii kana keessaa harki tokko sadaffaan (1/3) tasumaa qunnamtii saalaa raawwatanii hin beekan.

    Qorannichi dabalee akka mul’isetti, ga’eessonni umuriin isaanii waggaa 45 gadi ta’e waggoota darbanii gadi kan qunnamtii saalaa raawwachaa jiru.

    Giddugaleessaan, bara 1990 keessa torbanitti yeroo tokko kan ture waliin yoo wal bira qabamu, amma garuu ji’atti yeroo lama qunnamtii saalaa raawwatu.

  3. Waayyuu Tuqaatti lubni bataskaanatti mobaayila hate adabame

    Godina Lixa Oromiyaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti Lubni maqaan isaa GabraHiwoot Taklamariyaam jedhamu bataskaana magaalaa Gabaa Jimaataa jedhamutti argamu Mikaa'ela Garjootti mobaayilaa fi qabeenya nama dhuunfaa hate.

    Taateen kun kan raawwatame Sadaasa 12, 2019 galgala sa'aatii 01:00 irratti ta'uu kominikeeshiniin aanichaa gabaaseera.

    Abbaan bilbila Samsung Ultra nama Mikaa'el Tafarii jedhamu yoo ta'u, chaarjariin tokko, fooxaa dabalatee waliigala qabeenya birrii 132,600 ta'utu jalaa hatame.

    Lubni kun guyyicha halkan manuma amantaa san keessa dhokatee buluun ganama ALI gaafa 13, 2019 sa'aatii 1:00 achii miliqee gara bataskaana Mariyaamii jedhamu ganda Garaa Hudhaatti hordoffiidhan qabamuu tajaajilli kominikeeshinii aanichaa gabaaseera.

    To'atamuu isaa booda Qajeelchi Poolisii Aanaa Waayyuu Tuqaatti dhiyaatee booda Galmeen isaa qoratamee Abbaa Alangaa himta irratti bane.

    Manni murii aanichaa dhaddacha 15, 2019 ooleen adabbii cimaa waggaa lamaa fi ji'a jahaa itti murteesse.

  4. Loltoonni Raashiyaa 500,000 waraana Yukreen keessatti dhuman

    Akka ragaan mootummaa Raashiyaa kan BBCn xiinxalame agarsiisutti, erga waraanni Yukireen bara 2022 keessa jalqabee as yoo xiqqaate loltoonni Raashiyaa 490,334 dhumanii jiru.

    Ragaan ejensii istaatistiksii Raashiyaa Rosstat iccitiin bahe kun, weerarri guutuun Yukireen irratti raawwatame haala du’aatii Raashiyaa keessaa bu'uuraan akkamitti akka jijjiireifi waraana Vilaadimir Puutin guyyoota muraasa qofa tura jedhee yaade, garuu amma gara waggaa shanii ga’e kana keessatti gatii lubbuu namaa guddaa kaffalame agarsiisa.

    Afaan Raashiyaatiin kan tamsaasu BBC Raashiyaa, garee haakarootaa Beelaaruus Cyber Partisans BY fi kan Yukireen Silent Crow jedhamaniin erga haxxummaan keessa seenamee booda, galmeewwan dhumaatii miliyoona 11 ol kan bara 2021 hanga Fulbaana 2026 jiran argachuu danda’eera.

    Ejensiin istaatistiksii Raashiyaa haleellaan saayibarii akka irratti raawwatame kan amane yoo ta'u, garuu odeeffannoon eegamaa ta'e tokkollee iccitiin hin baane jechuun haaleera.

    BBC Raashiyaan miidiyaa walabaa Raashiyaa Mediazona jedhamu waliin ta'uun, ragaa Rosstat kana tarree dhumaatii loltootaa mirkanaa'anii kan ofii isaa (kan erga weerarri jalqabee maddawwan banaa irraa walitti qabame) waliin wal bira qabee ilaaluun, galmeewwan keessaa %90 wal siman ta'u baree jira.

    Ogeeyyiin waraanaa akka tilmaamanitti, tarreen dhumaatii 290,012 kan BBCn gabaasaalee ofiisaa, miidiyaa hawaasaa, siidaawwan yaadannoo haaraafi awwaala irraa walitti qabe kun, lakkoofsa loltoota dhumanii qabatamaa keessaa %45 hanga %55 qofa ta’uu danda’a; kunis lakkoofsi du'aatii dhugaan 527,295 hanga 644,471 gidduutti akka argamu agarsiisa.

  5. 'Iraan meeshaa waraanaa keemikaalaa misoomsaa jirti' - Israa'el

    Iraan meeshaa waraanaa keemikaalaa misoomsaa jirti, dursitee nu haleeluus dandeessi jechuun akeekkachiise Ministeerri Ittisaa Israa'el. Garuu itti fayyadamuu bira hin geenye jedhe.

    Ministirri Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaat Kibxata Iraan meeshaa waraanaa keemikaalawaa misoomsaa akka jirtu ibsuun Teehraan kana akka hin goone dhaabsisuuf dhaadatan.

    "Iraan adeemsa meeshaa waraanaa keemikaalaa misoomsuurra jirti" jedhan akka miidiyaan Israa'el KAN gabaasetti Kaatz wayita rippoortarootaaf ibsa kennan.

    "Israa'el Iraan dandeettii akkasii akka horattu hin heyyamtu."

    Kibxata, Kaaz barbaachisaa taanan carraan Israa'el dursitee Teehraan haleeluu akka jiraatu akeekkachiisan,"

    "Iraan dursitee Israa'el haleeluuf akeeka qabaachuu yoo barre, waraana keenyatti dursee akka haleelu ykn akka fashaleessu itti hin himnuu" jedhan akka gabaasa Channel 12 irraa hubatametti.

    Yoo Iraanonni dursanii nu haleelan, sun kufaatii ta'a."

    Yaadni Kaaz kan dhagahame yeroo Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaghchii Ameerikaa Dhaabbata Ittisa Meeshaalee Keemikaalaa (OPCW qaama idil-addunyaa magaalaa Heeg keessatti itti fayyadama meeshaalee keemikaalaa hordofuu fi lolu—maallaqaan deeggaruu dhiisuu isaatiin qeeqanitti ture.

    Akka gabaasni Rooytarsi ibsutti, dhaabbatichi sababa Ameerikaan deeggarsa maallaqaa dhaabdeef rakkoo baajataa keessa galeera.

    "Ameerikaan waa'ee meeshaalee keemikaalaatiif baay'ee yaadda'uu ishee irraa kan ka'e, qaama addunyaa kan meeshaalee keemikaalaa to'atu laamshessaa jirti," jechuun Araaghchiin Kibxata darbe fuula X ofiirratti barreessaniiru.

    "OPCWn hojii isaa dhaabuu fi sagantaalee murteessoo ta'an hir'isuuf dirqamuu danda'a. Ergama isaa gufachiisuudhaan, Ameerikaan itti yaaddee nagaa fi tasgabbii addunyaa balaadhaaf saaxilaa jirti. Qaanii guddaadha."

    OPCWn hojii Sooriyaa keessatti hojjeteen bara 2013tti Badhaasa Noobelii Nagaa injifateera.

  6. Dhaabbilee basaasaa Ameerikaa irratti haleellaan saayibarii raawwatame

    Dhaabbilee Basaasaa Ameerikaa Ejensii Odeeffannoo Giddugaleessaa Ameerikaa (CIA) fi Waajjira Daarektara Odeeffannoo Biyyaalessaa (ODNI) irratti haleellaan saayibarii raawwatame.

    Haleellaa kanaan odeeffannoo muraasni garuummoo iccitii hin taane saaxilame jedhame.

    Dhaabbileen nageenyaa Ameerikaa, lamaan kunneen sirna saayibarii isaanii keessatti haleellaan raawwatamuu fi odeeffannoon tokko tokko saaxilamuu isaanii adda baasaniiru.

    Gabaasni kun jalqaba The New York Times’n ba’e; Rooyitarsi immoo namni dhimma kana beeku tokko odeeffannoo kana mirkaneessuu isaa gabaase.

    Odeeffannoon saaxilame maal akka ta’e, eenyu haleellaa kana duuba akka jiru fi miidhaan isaa hammam akka ta’e hanga ammaatti hin ibsamne.

    Haleellaan kun sirna odeeffannoo uummataaf banaa ta’e qorachuuf gargaaru irratti raawwatame.

    Haleellaa kanaan odeeffannoo iccitii hin taane, kan akka odeeffannoo maddoota uummataaf banaa ta’an irraa walitti qabuun xiinxala nageenyaa keessatti fayyadan bahuun ibsameera.

    Akka dhaabbileen nageenya kun jedhanitti haleellaan kun dandeettii hojii murteessaa ykn sirnoota iccitii ta’an irratti gufuu hin geessisne.

    Haa ta’u malee 'The New York Times’ odeeffannoon kun dhaabbilee mootummaa Ameerikaa biroo tokko tokko illee haleellaf saaxiluu danda'a jedhe.

    Maddoonni Fox News dubbise ammoo haleellaan CIA irratti raawwatame haleellaa FBI irratti torban darbe raawwatame waliin guyyaa tokko ta’uu eere.

    Haa ta’u malee, walitti dhufeenyi haleellaawwan lamaan gidduu jiru irratti waanti mirkanaa’ee hin jiru.

    Haleellaan kun yeroo dhaabbileen mootummaa Ameerikaa biroo Ministeerri Qonnaa, FBI, Ministeerri Ittisaa fi Ministeerri Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa saaxilamuun himametti ta'e.

    Dhimmicha irratti garuu gama mootummaa Ameerikaa irraa ibsi ifatti kenname hin jiru.