Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaan Sudaan waamicha nagaa Itoophiyaa dide, RSF garuu simate
Mootummaan Sudaan kan jeneraal Abdel Fattah al-Burhanin durfamu waamicha Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad marii araaraa gareewwan Sudaan wal waraanaa jiran giddutti akka gaggeefamu dhiyeessan kuffise.
Sudaan gaaffii Itoophiyaan akka keessummeessitu dhiyeessite irratti deebii kenniteen ''walaba ta'uu Itoophiyaa'' irratti gaaffii kasuun kuffisuu ibsite.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad ,Kipxata kaleessaa humnoonni waraanaa, siyaasaa fi sivilii Sudaan hundi marii irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa baasii isaatiin mariicha keessummeessuu fi qindeessuuf fedhii akka qabuu fi kaayyoon isaas waraana dhaabuuf nagaa waaraa buusuuf ta'uu ibsaniiru.
Mootummaan Sudaan ibsa isaan akka jedhetti, marii nagaa kana keessatti biyyii marii kana keessummeessitu walaba ta'uun ishee fi daangaa abbaa biyyumma Sudaan kabajuu irratti himachuun akka hin simannee ibse.
Dhimmoonni kun adeemsa mariichaa keessatti gahee kamiyyuu akka fudhattuf ulaagaalee murteessoo dha jedhe.
Mootummaan Sudan Alburaanin durfamu kun Itoophiyaan Humnoota Dafee Qaqqabaa (RSF) deeggaruu fi haleellaawwan dironii Sudaan irratti raawwataman tokko tokko daangaa Itoophiyaa irraa ka'uu isaanii irra deddeebiin himateera.
Itoophiyaan himannaa kana cimsitee haaluun, hariiroo seenaa fi michummaa ummatoota biyyoota lamaanii cimsuu kaastee jirti.
Mootummaan Sudaan, himannaa kana kaasuun, Itoophiyaan marii kana qindeessuu ykn keessummeessuuf walaba ta'uu hin dandeessu jedheera.
Akkasumas, Gamtaan Afrikaa fi qaamoleen naannoo fi idil-addunyaa dhimma kana irratti hirmaatan yaada Sudaan akka kabajaniifi Itoophiyaan qophii marii kana keessummeessuu ykn qindeessuu keessaa akka baatu gaafateera.
Gareen RFS Waamicha Abiy Simate
Gamtaan Sivilii Humnoota Warraaqsaa Sudaan(Somoud) fi mootummaa ce'umsaa nagaa kan Humnoota RSF durfamu waamicha marii nagaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad simachuu beeksisan
Gamtichi ibsa har'a baaseen waamicha kana kan simatan ta'uu miidiyaan mootummaa Sudaan Tribune gabaasera.
Waraana Sudaan dhaabuuf tattaaffiin araaraa naannoo fi idil-addunyaa hedduun taasifamaa tureera.
Haa ta'u malee, haala dhukaasa dhaabuu irratti waliigaluu dhabuu fi adeemsi siyaasaa biyyattii gara fuulduraa akkamitti ijaarama kan jedhu irratti garaagarummaan ilaalchaa jiraachuun, waliigaltee nagaa irra ga'uun gufuu guddaa ta'ee itti fufeera.
Akka ibsa kanaatti waamichi marii Itoophiyaan amma taasifte hariiroo seenaa dheeraa ummatoota Itoophiyaa fi Sudaan gidduu jiru, akkasumas tokkummaa fi tasgabbii Sudaan deeggaruuf fedhii Itoophiyaa agarsiisa jedhe.
Gamtaan kun biyyoonni naannoo fi qaamoleen idil-addunyaa carraa dhukaasa dhaabuu fi adeemsa nagaa Sudaan cimsuuf waliin hojjechuu akka qabanis gaafate.
Kana malees Mootummaan Ce'umsaa Nagaa kan Humnoota Dafee Qaqqabaa (RSF) waliin hidhata qabu, waamicha Abiy qaamoleen Sudaan hundi Itoophiyaatti akka mari'atan dhiyeessan simachuu ibseera.
Dubbi-himaan mootummaa ce'umsaa kanaa, Khaalid Ahmad Dannaa, tumsi Itoophiyaan ummata Sudaan waliin dhaabbachuu fi tokkummaa akkasumas abbaa biyyummaa biyyattii kabajuuf kutannoo agarsiifte dinqisiifachuu ibseera.
Dannaan mootummaan isaanii yaada Itoophiyaan dhiyeessite irratti haalaa gaarii ta'een hirmaachuuf qophii ta'uu dubbateera.
Kaayyoon isaas haala waraana dhaabuuf mijataa ta'e uumuufi sababoota bu'uuraa waraana Sudaan keessatti gaggeeffamaa jiru irratti mari'achuu akka ta'e ibseera.
MM Abiy marii kun guyyaa ykn haala itti gaggeeffamu hin ibsine.
Waraanni Sudaan keessatti Ebla 15, 2023 eegale, humnoota waraanaa biyyattii fi RSF gidduutti gaggeeffamaa jira.
Lolli kun waggoota arfan darban keessa namoota miliyoonaan lakkaa'aman qe'ee isaanii irraa buqqisee, rakkoo namoomaa guddaa uumeera.
Waamichi Itoophiyaa kun yeroo hariiroon Finfinnee fi mootummaa Sudaan gidduu jiru muddama keessa seenaa dhufetti.
Mootummaan Sudaan Itoophiyaan RSF deeggaruu fi humnoonni kun daangaa Itoophiyaa irraa haleellaa diroonii raawwawwatamuu himataa ture.
Itoophiyaan garuu himannaa kana haalti.
Biyyoonni lamaan yeroo dhihoo kana muddamni hammachuun diplomaatota walirra ari'aniiru.
Abiy ibsa isaanii keessatti Itoophiyaan garee tokko kan deeggartu utuu hin taane qaamolee hundaaf walqixa marii bilisaa qopheessuu akka barbaaddu eeran.
Akkasumas, furmaanni alaa irraa dirqamaan kaa'amu nagaa waaraa fiduu waan hin dandeenyeef, egereen Sudaan ummata Sudaaniin murtaa'uu akka qabu ibsa isaaniin eeran.
Marii kanaan kaayyoon yeroo gabaabaa dhukaasa dhaabuu, akkasumas adeemsa siyaasaa bal'aa fi mootummaa tokkummaa biyyaalessaa bal'inaan fudhatama qabu hundeessuuf waliigaltee irra ga'uu ta'uus ibsan.