'Kiristaana waan taaneef nu basaasu, ni reebamna, ni hidhamna'- Lammiilee Kooriyaa Kaabaa

    • Barreessaa, Jake Kwon
    • Gahee, Seoul correspondent
  • Maxxanfame
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

KiIm boo-biin, Kooriyaa Kaabaa keessa jiraachuudhaan ija ishee banattee kadhachuu barte.

Bulchiinsa abbaa irree Koministii kan haalaafi bakka lammiileen isaa itti waaqeffatan cimsee to'atu sana keessatti, amantii ishee Kiristaanummaa dhoksuuf tooftaalee adda addaa baruu dirqama ishee ture.

Agarsiifni amantii hin heyyamamne namoota mana hidhaatti galchuu akka danda'u BBCtti himteetti.

Kanaafuu, Kiim sagalee gad qabdee faarfatti, quba ishee lamaanii harka rukutti.

"Kooriyaa Kaabaa keessatti nama sadi taatee kutaa tokko keessa yoo jiraatte ni basaasamta. Kanaafuu ija koo kanan cufadhu yoon lafarra ciisu qofa."

Amma umriin ishee 44 kan taate Kiim ammaan tana Kooriyaa Kibbaatti magaalaa Seehul ala jiraatti. Erga baqattee waggoota 15.

Akkaataan itti iccitiidhaan kadhachaa turte waggootaaf iccitii turte, sababa amantaa ishees hidhamaa fi reebamaa turte.

Dararaan ishee irratti raawwatame kun gabaasa haaraa muuxannoo lammiilee Kooriyaa Kaabaa 570 biyyarraa baqatanii keessatti hammatameera. Irra caalaan isaanii dararaa farra-Kiristaanummaa jechuun ibsu.

Gabaasni waggoota shan fudhateefi af-gaaffii namoota biyyattii keessaa baqatanii bahan waliin godhame of keessaa qabu kan dhaabbata mirga namoomaa Biriitaaniyaa Korea Future jedhamuun qophaa'e, sirni Kim Jong Un sirna basaasaa, sodaa fi jeequmsaatiin irra deddeebiin bilisummaa amantii sarbuu isaa himata. Gabaasichi dhiibbaa idil-addunyaa walitti fufiinsaan godhame boodallee wanti jijjiirame xiqqaa ta'uu kan agarsiisu yoo ta'u, waggaa darbe dhiyeenya kanaattillee namoonni Kiristaana ta'uudhaan shakkaman hedduun reebamuu fi dararamuu isaanii ibsa.

Kooriyaan Kaabaa ragaaleen waggoota hedduuf dhaabbilee mirga namoomaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin dhagahamaa turan jiraatanis, bilisummaa amantii ni eeyyamna jechuun falmiti.

Magaalaa Pyongyang keessatti waldaaleen kiristaanaa jiraatanis, mootummaadhaan kan to'ataman yoo ta'u, bilisummaa amantii fakkeessanii agarsiisuuf qofa akka tajaajilan bal'inaan ilaalama.

Piroofeesarri Yuunivarsiitii Dong-a kan ta'an Kang Dong-wan, "Aangoon hogganaa Kooriyaa Kaabaa akka waaqaati," jedhu. Kanaafuu, waaqolii aangoon isaanii isaa ol ta'e eeyyamuu hin danda'an.' Pyongyang bilisummaan amantii sirnichumayyuu balaadhaaf saaxiluu danda'a jettee akka sodaattus ibsan.

Jalqaba bara 1700moota keessa Kooriyaa keessatti kan eegalame Kiristaanummaan, erga misiyoononni Pirotestaantii bara 1880moota keessa dhufanii booda guutummaa kaabaatti babal'ate.

Kooriyaan Kaabaa lakkoofsa hawaasa ishee Kiristaanaa ilaalchisee ragaalee homaa hin kennitu, garuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii namoonni 200,000 hanga 400,000 ta'an dhoksaatti amanticha akka gaggeessan tilmaama jiru eereera; isaan keessaa tokko tokko kaampii keessatti hidhamaniiru.

Basaasaa fi to'annoon amantii irratti taasifamu, jireenya Kooriyaa Kaabaa biroo hedduu, bara 2011tti abbaa isaa bakka bu'ee kan aangoo qabate Kim Jong Un jalattis cimee itti fufe.

Misiyoononni Kooriyaa Kibbaa sadii kan naannoo daangaa Chaayinaatti hojjechaa turan gidduu bara 2013-2014tti qabamanii, himannaa basaasaa fi fonqolcha mootummaa irratti dhiyeessuun hidhaa umrii guutuu itti muranii jiru.

Akka Seehul jettutti Piyoongiyaang namoota hidhaman kana ilaalchisee odeeffannoo kamiyyuu kennuu waan diddeef, amma lubbuun jiraachuu fi dhiisuun isaanii hin beekam.

Piyoongyaang akkasumas meeshaalee kuusaa odeeffannoo seeraan ala galan kan viidiyoowwan lallaba Kiristaanaa Kooriyaa Kibbaatti hojjetaman qaban irratti tarkaanfii cimaa fudhachaa turteetti.

Bara 2020tti, waan 'dhiibbaa alaa' jedhamu ittisuuf seera Yaadaa fi Aadaa Duubatti Hafaa Kuffisuu irratti xiyyeeffatu baasteetti.

Macaafa Qulqulluu qabaachuu fi tajaajila amantii qopheessuun kan nama hiisisu yoo ta'u, kitaabota yookiin viidiyoowwan amantii raabsuun immoo adabbii du'aa hordofsiisa.

Barumsi amantii mormu lammiilee Kooriyaa Kaabaa hedduudhaaf oolmaa daa'immanii irraa jalqaba.

Daa'imman mana barumsaatti sagantaa 'of-qeequu' irratti hirmaachuu kan qaban yoo ta'u, achitti 'amantii sobaa' irraa akka of eegan akeekkachiifamu; kunis bal'inaan Kiristaanummaa fi amantiiwwan biroo kan agarsiisu ta'uun hubatama.

Kun wanta Kim Boo-bin akka baratte yaadattudha. Amantiiwwan warri Kooriyaa yeroo dheeraaf hordofaa turan Kiristaanummaan jaarraa 18ffaa irraa eegalee fi Shaamaanizimiin, kan gocha waggoota kumaatama lakkoofsiseefi waaqeffannaa ekeraa akaakayyuurratti hundaa'e akka amantii sobaatti (superstitions) fudhatamanii gataman.

Barsiisonni ishee Kim Il Sung mataan isaayyuu maatii Kiristaana cimaa ta'e keessatti dhalachuu isaa, yookiin Piyoongiyaang yeroo tokko "Yerusaalem Bahaa" jedhamtee moggaafamtee turuu ishee gonkumaa hin kaasan.

Kanaa mannaa, daa'imnii fi ga'eessi hundi Qajeelfamoota Kudhan bu'uuraa Kooriyaa Kaabaa sammuutti qabachuu qabu jedhamee eegama. Qajeelfamoonni kun lammiileen 'jaallan gurguddoo' Kim Il Sung isa Kooriyaa Kaabaa hundeessite, ilma isaa Kim Jong Il fi paartii biyya bulchu irra 'wanti guddaan homtuu akka hin jirre' beekuu isaanii 'ilaalcha cimaa' qabaachuu akka qaban ibsu.

Aangoo kana tuquuf 'yaaliin xiqqoon' kamuu gonkumaa obsaan ilaalamuu akka hin qabnes itti dabala.

Gabaasichi leenjii sammuu fi basaasa walitti fufiinsa qabu lamaanuu galmeesseera; kunis poolisii fi toora basaastota ollaa kanneen sochiiwwan shakkisiisoo ta'an hordofan of keessatti qabata.

Namni duraan odeeffannoo poolisiidhaaf kennaa turte tokko, waaqeffannaa olloota ishee irratti odeeffannoo akka funaantu ajajamuu ishee fi qondaalli tokko Kiristaanummaa akka 'gocha farra-sooshaalistii'tti ibsuun barreeffama yaadannoo isheef kennuu isaa dubbatti.

Aangawoonni Kooriyaa Kaabaa galmee amantii maatii dhalootaa gara dhalootaatti darbu akka qabatanis gabaafameera; kunis ijoollee fi akkoowwan Kiristaanotaa jireenya barnoota olaanaa yookiin carraa hojii gaarii hin qabneef saaxila.

Kana hundi dhaabbileen Kooriyaa Kaabaa adda addaa, manneen barumsaa fi poolisii dabalatee, amantii lammiilee ishee 'siree daa'imummaa irraa hanga awwaalaatti' akkamitti akka to'atan agarsiisa jedhu barreessaa gargaaraa kan ta'an James Burt.

Ta'us, lammiileen Kooriyaa Kaabaa hedduun jireenyi isaanii baay'ee rakkisaa fi wabii kan hin qabne waan ta'eef gara amantiitti deebi'u jedhanii itti dabalu.

Amantiin wanta falaasamni mootummaa 'seera isaa cimaa fi dhugaa jireenya isaanii irraa adda ba'een' kennuu hin dandeenye isaaniif kenna."

Kim Bo-bin naannoo Kooriyaa Kaabaa hiyyeessaa fi kophaa ba'e kan lammiileen mootummichaan "amanamoo miti" jedhamanii ramadaman, Kiristaanota dhoksaan amanan dabalatee, keessa jiraatan keessatti guddatte.

Bara 2003tti, umrii ishee waggaa 22tti, beela hamaa Arduous March jedhamuun beekamu jalaa baqachuun carraa hojii seetee gara Chaayinaatti ceetullee, dirqamaan heerumsiifamtee ilmoo godhatte.

Yeroo daa'ima ishee reefu dhalatteef gaarii daa'imaa (pram) bilisaa gamoo mallattoo fannoo qabu irraa fudhachaa turtetti, misiyoonii tokkoon wal argitee yeroo jalqabaatiif amantii Kiristaanaa wajjin wal barte; kanaanis kadhannaa dhoksaa ollaa ishee ijoollummaa dhuma irratti hubatte.

Lammiilee Kooriyaa Kaabaa baqatanii Chaayinaatti amantii Kiristaanaa fudhatanii lakkoofsi isaanii dabalaa dhufe waliin ta'uun, isheenis gareen yeroo gara biyyaatti deebi'an mootummaa Piyoongiyaangiin akka yaaddootti ilaalaman keessaa tokko taate.

Bara 2007tti Chaayinaa irraa erga ari'amtee booda, Kim Bo-bin poolisoota Kooriyaa Kaabaatiin haala suukanneessaa ta'een qoratamtee hojii humnaa cimaa waggaa sadiif itti murtaa'ullee, amantii Kiristaanaa ishee dhoksuu dandeesseetti.

Mana hidhaa keessatti, lammii biyya alaa irraa deebifamte kan biraa Lee Young-joo jedhamtuun wal argite; isheenis hordoffii cimaan waardiyyootaa irra jiraatus, gara mooraa hidhamtoota siyaasaatti ergamuu jalaa ooluuf jecha hariiroo amantii Kiristaanaa waliin qabdu kamuu haalteetti.

Haala rakkisaa fi adabbii hidhaa waggoota hedduu dandamachaa, Lee fi hidhamtoonni Kiristaanaa biroon harka wal qabachuun luqqisa Kitaaba Qulqulluu yaadatan suuta walitti hasaasuun dhoksaatti amantii isaanii gaggeessaa turan.

Shii fi Kiim Boo-bin boodarra mana hidhaatii bahanii amantii isaanii dhoksaan gaggeessaa jiru. Lii yeroo ammaa Kooriyaa Kibbaatti bataskaana lammiilee Kooriyaa Kaabaa deebi'anii keessatti waaqeffatti. Kim bara 2011 umrii ishee 30tti daa'ima dubraa ishee waliin baqatte.