Tiraamp Iraan haleellaa diroonii gaggeessitu baayyee cimsaa jiraachuu himate
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Iraan torban darbe keessa haleellaawwan dirooniiwwaniifi misaa'eloota baayyee waggaa darbe waraanni erga banamee jkaastee taasiste caalaa gaggeessiteetti jechuun himate.
Tiraamp gabaasa ykn lakkoofsa haleellaa Iraan gaggeessite jedheef madda hin eerre, garuu amma haleellaa dabaluushee filannoo walakkeessaa Ameerikaa darberratti injifachuu Paartii Dimokiraatotaa waliin walitti fidee ibse.
"Jalqabarratti, yoo Paartiin Dimokiraatotaa mo'atan gabaan istookii gadi bu'a jedheen ture; akkuman jedhes ta'eera. Lamaffaarratti ammoo, namoota hiriira mormii bahan 81,000 kan ajjeeste Rippablikiin Islaamaa Iraan, haleellaa gaggeessitu cimstitee itti fufti jedheen ture; kunis akkuma jedhe ta'eera."
Pirezidantiin US kun itti dabaluun, "Iraan torban darbe keessa diroonii fi misaa'eloota waggaa tokko darbe keessatti gaggeessite caalaa gaggeessiteetti. Hin yaadda'iinaa, hundi isaanii garuu qolatamanii osoo miidhaa hin qaqqabsiisiin kuffiifamaniiru."
Odeeffannoo dabalataa kana waliin deeman: