Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Meesii, Maradoonaa, Zinaddiin moo Peelee? Jajjaboowwan Kubbaa miilaa waancaa Addunyaarratti ifan
- Barreessaa, Alex Bysouth
- Gahee, BBC Sport senior journalist
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5
Waancaa Addunyaa marsaa 22 taphatamee fi jaarraa tokkotti dhihaatu fulla'e, kan taphattoonni kumaatamni irratti hirmaatan keessaa taphattoota jajjaboo kudhan filachuun waan ulfaataadha.
Garuummoo taphattoota ciccimoo ja'a yookan torba filachuun inuma nidanda'ama, tartiiba isaanii irratti yoo waliigalamuu baates. Fakkeenyaaf, Mirosilav Kilooz keessaa dhiisuun ulfaataadha. Taphataa waancaa addunya irratti goolii hedduu lakkoofsise. Inni 11ffaa ta'uu mala.
Taphattoota sadarkaa tokkoffaa hanga kudhanii yoo filanne Garinchaan, taphataan Biraaziil, taphataa urjiin Xaaliyaanii Roobeertoo Bajiyoo fi taphataan sarara fuulduraa Faransaay Jastii Fonteen kan Waancaa Addunyaa bara 1958 irratti goolii 13 lakkoofsise hin hammataman.
Taphoota waancaa addunyaa irratti ga'umsa ajaa'ibaa kan mul'isan kanneen akka taphataa Neezarlaandis Johaan Kiraaf, kan poorchugaal Esubiyoo, kan Jarman Jerdi Muuler fa'anis sadarkaa hanga 10 keessa hin oolan. Tarii sadarkaa hanga 20 keessa galuu malu.
Madaallii keenyaan tapattoota waancaa addunyaa sadarkaa 1ffaa hanga 10 isiniif keenyeerra. Isin yaada keessan saanduqa yaadaa jalatti itti kennuu dandeessu.
10. Sar Ji'oof Harist, taphataa Ingilaand waancaa bara 1966 moo'ate
Harist jifataa Ingilaand ta'ee taphachuuf hin turre. Jifataan gareesaa Jiimii Gireevs miidhamee jennaan tapha xumuraa Ingilaand Lixa Jarmanii wajjin qabdurratti Wembileeyitti tapharratti hirmaate.
Leenjisaan gareesaa Sar Alf Raamseen taphataa sarara fuulduraa tapha internaashinaalaa reefu ji'oota dura qofa taphate kana qabatee dirree seenuf dirqame.
Yeros taphataa sarara fuulfuraa Westihaam kan ture Harist, tapha kanarratti Haatiriikii hojjete. Gareesaa keessatti taphataa cimaa jedhamee nama caqafamu ta'uu dhabulleen, taphicharratti goolii sadii lakkoofsisuu danda'eera.
Bara sana gareen Ingilaand Harsitin alatti waancaa addunyaa moo'achuun hin yaadamuuf ture.
9. Kaafuu, Taphataa Biraaziil waancaa Addunyaa bara 1994 fi 2002 moo'ate
Kaafuun taphataa Biraaziil waancaa ddunyaa walitti aanan sadii irratti biyyasaa bakka bu'ee hirmaate.
Biraaziil bara 1994 rukuttaa addabbiitiin Xaaliyaanii yeroo moo'attetti taphataan kuni teessoo jijjiirraarra ture.
Kaafuun waancaa addunyaa irratti nama hin dagatamne. Taphoota waancaa addunyaa afur, taphoota 16 irratti hirmaachuu qofa osoo hin taane taphataa beekamaa bakka ka'umsasaa hin daganne .
Yeroo bara 2002 waancaa addunyaa moo'atan Shurraaba isaa keelloo irratti barreeffama '100% jardiim Irene' jedhu barreessee mul'ise. Saa'oopoolootti bakka dhalootasaati.
8. Pawoloo Rosii, tapahataa Xaaliyaanii waancaa bara 1982 moo'ate
Bara sana ciminni garee Xaaliyaanii kan ibsamaa ture cimina garee ittisaa isaanitiini. Roosiin garuu tapha walakkaa duraa irratti galchii lama walakkaan booda ammoo goolii tokko lakkoofsisuun hatirriikii hojjete.
Taphataan kuni tapha barichaa irratti gooliiwwan kana kan lakkoofsise balleessaa hojjeteen waggaa lamaaf kubbaa miilaa irraa qoqqobbii irratti darbe xumuree erga deebi'eeyi.
Roosiin walakkaa xumuraa Poolaand waliin taphatanii fi tapha xumuraa Jarmanii 3 fi 1n moo'atan irratti galchii lakkoofsisuun Xaaliyaaniin bara 1938 waancaa addunyaa irra deebiin akka injifattuuf gargaareera.
Bara sana goolii ja'a galchuun isaa badhaasa Kophee warqee fi Kubbaa warqee injifachuun alatti taphataa addunyaa cimaa bara sanaa ta'uunis filatameera.
7. Zinaddiin Zidaan, taphataa Faransaayi waancaa bara 1998 moo'ate
Waancaa addunyaa bara 1998 irratti deeggartoonni garee Faransaayi hedduun dhaadannoo 'Pirezedaant Ziidaan' , 'Mersii ziizoo' jedhun miliyoonotni dirree kubbaa miilaa dadammaqsaa turan.
Maatiin duubee isaa Aljeeriyaa irraa godaananii Faransaayi kan galanii fi Kaaba Marseelitti dhalate.
Jifataan garee Faransaayi Liliyaam Turaam, 'Zidaan taphataa tapha jijjiiruu danda'u ta'uusaa hubanne' jedha.
Taphataan sarara gidduu kuni gooliiwwan dinqisiisoo lakkoofsisee fi taphataa garee faallaa teestaadhaan dhahee lafa buuseen namootni isa yaadatu.
Bara 2006 Faransaayi yeroo xaaliyaaniidhaan injifatamte Zidaan markoo Materazii Teestaadhaan dhahee lafa buusee kaardii diimaadhaan dirreedhaa bahuusaatiini. Kana qofa miti taphoota lama akka hin hirmaannes dhorkame.
Tapha nuusa xumuraa irratti taphatti deebi'e. Xaaliyaanii fi Kirooshiyaa Injifatanii tapha xumuraa Biraaziil waliinii irratti goolii lama teestaan galchee Paarisitti gammachuun lafa dhuunfate.
6. Kiliyaan Imbaappee, Taphataa Faransaayo waancaa addunyaa bara 1028 moo'ate
Taphataan umrii 27 kan ammaan boodayyuu waancaa addunyaa lama yookan sadii irratti hirmaachuu danda'u Imbaappeen, yeroo waancaa addunyaa irraa soorama bahutti taphataa akkaan jeejamu ta'uu danda'a.
Bara 2018 waancaa addunyaa biyyisaa Raashiyaa waliin taphatte irratti goolii galchuun taphataa Faransaayi umrii xiqqaa waancaa addunyaa irratti goolii galche ta'e. umrii xiqqaan rikardii kan qabatee jiru Peleedha. Umrii waggaa 16tti Kirooshiyaa irratti galche.
Dandeettiin Imbaappee ifee kan mul'ate waancaa addunyaa irratti. PSG'f taphachaa ture, amma Riyaal maadiriid jira. Garuu garee lamaanuu waliin waancaa shaampiyoonsiliigii moo'achuu hin dandeenye.
Waancaa addunyaa bara 2022 irratti biyyisaa Arjantiinaa waliin xumuraaf yeroo geesse irratti haatiriikii hojjechuun badhaasa marroo biraa akka argatuuf isa gargaare.
5. Firaanzi Bekembuweer, taphataa Jarman waancaa addunyaa 1974 moo'ate
Garee isaa waliin bara 1966 waancaa addunyaa irratti sadarkaa 3ffaan xumuran. Bara 1974 garuu waancaa addunyaa moo'atanii biyya isaniitiin galatan. Booda leenjisaa garee Biyya Jarmaniis ture.
Bekembuweer taphataa urjii sarara ittisaa biyya Jarmanii ture. Lixi Jarman bara 1986 Arjantiinaadhaan moo'amte. Garuu waggaa afuriin booda garee taphattootaa fi leenjistootaa waancaa addunyaa moo'atee keessaa tokko ta'uu danda'e.
4. Liyooneel Meesii, Taphataa Arjantiinaa waancaa addunyaa bara 2022 moo'ate
Taphataa addunyaa irratti akkaan beekamee fi dandeetii ajab nama jechisiise qabuuf waancaa ddunyaa moo'achuun waan hin milkoofneef fakkaatee ture.
Meesii fi Ronaaldoon osoo biyya isaaniitiif waancaa addunyaa hin argamsiisin umriin isaanii 30 keessa kute. Gareen arjantiinaa tapha bara 2022 irratti baniinsa irratti saawudii Arabiyaadhaan moo'amanis dhumarratti warra waancaadhaan galate ta'an. Meesiinis hawwii waancaa addunyaa isaa milkeeffate.
Waancaa addunyaa isaa shanaffaa irratti milkaa'e. bara 2014 biyyisaanii xumuraaf geesse. Meeksikoo irratti kubbaa mijeessee kennuu fi goolii lakkoofsisuun sochii bareeda mul'ise.
Meesiin waancaa addunyaa bara 2022 irratti tapha xumuraa Faransaayi waliin taphatan irratti ga'umsa mul'iseen jejame. Haala ajaa'ibsiisaa ta'een goolii lama galche. Tapha barichaa irrattis baay'ina goolii lakkoofsisee torbaan gahate.
Kanaanis erga bara diyaagoo maradoonaafaa bara 1986 injifataniin asitti biyyi isaanii waancaa addunyaa akka moo'attu godhe.
3. Ronaaldoo, taphataa Biraaziil wanacaa addunyaa bara 1994 fi 2002 moo'ate
Akkuma Kaafuu, taphataan sara fuulduraa Ronaadoon yeroo biraaziil waancaa addunyaa bara 1994 moo'attu garee biraazil keessa ture. Umriin isaa waggaa 17 ture. Garuu bara sana dandeettii addaa mul'ise hin turre.
Waggaa afuriin booda garuu dandeettiin isaa gulantaa ajaa'ibaa irra gahe. Dandeettiin kubbaa milksuu fi goolii lakkoofsisuu maqaa taphataa cimaa dachii kanaa akka jedhamuuf isa gargaare.
Bara sana Goolii afur lakkoofsisuun biyyi isaa Biraaziil xumura waancaa addunyaf geessus booda Faransaayiin moo'amtee waancaa dhabde.
Waancaa addunyaa bara 2002 dura miidhaa jilbaa cimaaf saaxilame. Garee isaa itermiilaanii fi garee biyyaalessaa Biraazil keessatti hammatamuun isaatuu gaaffii keessa bu'e.
Eegasiin booda Jaappaanii fi Kooriyaa kibbaa irratti dandeettii ajaa'ibaa mil'isuun goolii saddeet , isa keessaa Jarman irratti goolii lama lakkoofsisuun yaadannoo badan paaristitti qabaate haqe.
2. Diyaagoo Maradoonaa, tapahataa Arjantiinaa waancaa addunyaa 1986 moo'ate
Bara 1978 dargaggeessa umrii 17 ta'ee qe'ee maatiisaa dhiisee yeroo bahu gareen Arjantiinaa Nezerlaand injifachuun waancaa addunya jalqabaa isaanii moo'atee ture.
Dandeettiin maradoonaa ifee kan mul'ate waggaa afuriin booda. Barri 1986 ammoo yeroo Biyyi isaanii Ingilaand injifachuun nuusa xumuraaf geessu taphataa cimaa taphichaa ta'uu danda'e.
Wanti inni ittiin beekame biraan waan 'Hand of God' jedhamuun ibsame. Inni biraan dandeettii ajaa'ibsiisaa ittiin taphataa Ingilaand Azteka Turfi miliksee fi gooli eegaa gara wallaalchise.
Walakkaa xumuraa Beeljiyeem waliin taphatan irratti goolii lama lakkoofsise. Eegasii Lixa Jarman injifatanii gara tapha xumuraatti darban. Tapha xumuraa irratti ofiisaa goolii shan lakkoofsise. Kubbaa hedduu ammoo mijeessee keenne.
Seenaan tapha waancaa addunyaa fi Maradoonaa imimmaaniin kan goolabame bara 1990 yeroo biyyi isaanii xumuraaf geessee injifatamte.
1.Peelee, taphataa Biraaziil waancaa addunyaa 1958,1962 fi 1970 injifate
Taphataan Peelee gahu eessa jira? Taphataa waancaa addunyaa sadii injifate isaan ala hin jiru. Dhaloota keessatti, seenaa ispoortii keessatti nama urjii ta'edha.
Waancaa addunyaa bara 1950 kan Biraaziil Uraagaayiin injifatamtee waancaa dhabde irratti Peeleen Abbaa isaatiif Biraaziiliif waancaa anatu fida jedhee waadaa galeefii ture.
Waggaa saddeetiin booda dargaggeessa umrii 17 yeroo ta'u tapha xumuraa Faransaayi waliin taphatan irratti Hatiriikii hojjechuun waancaa moo'atan. Eegasii yeroo lama waancaa addunyaa dabalataan moo'ateera.
Bara 1966 yeroo taphataa cimaa addunyaa kanaa jedhameetti tapha waancaa addunyaa irratti hirmaachuun carraan isaa gara xumuraatti dhihaate jedhamee ture.
Bara 1970 garee biyyaalessa biyyasaa keessatti hammatamee waancaa addunyaatti hirmaate. Tapha bara sanaa irratti Meeksikoo, fi Xaaliyaanii injifatanii Peeleen goolii galchee kubbaa gooliif ta'us mijeessee kenne. Biraaziil waancaa addunyaa moo'atte.
Peeleen waancaa addunyaa keessatti taphataa Urjii yeroo maraa ta'uudhaan yaadatama.