Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shammarree naacha fuularra kabaluu obboleettii ishee lakkuu olchite
Yeroo naachi obboleettii ishee qabatetti, Jorjiyaa Loorii filannoo tokko qofa qabdi ture - fuularra naachicha rukutuu.
Obbolaan lakkuu ganna 28 kun Meeksikootti utuu bishaan daakanii, naachi Malisaa qabatee bishaan jalatti gadi ishee harkisuu eegale.
Obbolaan kun laga Puerto Escondido argamutti qocaa bishaan keessaa ilaaluuf yeroo deemanitti balaan kun kan uumame.
Wiirtuuwwan kunuunsa bineensotaa keessatti hojjachaa, tola ooltummaan imalaa akka turan obboleettin isaanii Haanaa Radio 1 Newsbeat’tti himteetti.
'Callistee rukutuu eegalte’
“Joorjiyaan, obboleettin ishee of wallaaltee utuu jirtuu argatteenii gara bidiruutti ishee harkisuu eegalte,” jechuun Hampshire irraa kan taate dubartiin ganna 33 Haanaan himteetti.
“Yeroo ishee harkisaa jirtutti naachichi deebi’ee itti waan dhufeef – callistee rukutuunii eegalte.”
“Bineensa tokko tokkoof kana goochuu akka qabdu dhageessee turte.”
Haanaan akka jettutti naachi kun Malisaatiin akka “wayyaa moofaa” asii fi achi ishee daddarbate.
“Gaarummaan isaa, yeroo naachichi gara si’a sadiif itti deddeebi’etti, obboleettiin ishee lakkuu cimtuun kun lubbuu ishee olchuuf irra deddeebiin isa rukutuu dandeesseetti.”
Obbolaan lamaan amma hospitaala Meeksikoo keessatti wal’aanamaa jiru- Malisaan koomaa keessa jirti.
Ogeessonni fayyaa waa’ee bishaan isaan daakaa turanii irratti yaaddoo qabu, akkasumas dhibeen wayii ilkaaniifi afaan naachichaa irraa itti darbee ta’uu danda’a yaaddoo jedhu qabu.
Malisaan somba ishee keessa bishaan seeneera, tarii ammoo sombi ishee uratee ta’us danda’a. Amma afuura kan baafattu gargaarsaani.
“Jorjiyaa fi Malisaan lamaanuu, qoricha antiibaayotikii cimaa fudhachaa jiru, kanaaf yoo infeekishniin gosa kamiyyuu uumame ariitiin wal’aanamuu akka danda’amuufi,” jetti Haanaan.
‘Obboleettii tokko dhabeen oole”
Haanaan akka jettutti Joorjiyaan daakaa cillimsuu sirriitti kan beektu ta’us, yeroo naachi kun itti dhufe garuu “baayyee sodaatte.”
Abbaan isaani ijoollee isaaf deeggarsa argachuuf Imbaasii Biritiish Meeksikoo jiru waliin haasa’aa jiru. Ta’us garuu obbolaan ishee irraa fagoo ta’uun waan nama dhiphisu ta’uu Haanaan ni himti.
Karaa WhatsApp fi FaceTime Joorjiyaan siree hospitaalaa irraa ishee qunnamuu dandeesseetti.
“Waa’ee Malisaa ogeessota fayyaa irraa Joorjiyaan ni dhageessi. Baayyee cimaadha,” jetti Haanaan.
“Ciimtuudha, ammayyuu naasuu keessa jirti jedheen yaada. Garuu ammam akkan isheen boone itti himuun narra jira ture.”
“Utuun obboleettii ciimtuu akkanaa hin qabu ta’e, obboleettiikoo ishee tokko dhabeen oole.''