Suuraawwan Afrikaa filatamoo Eebla 27, hanga Caamsaa 3, 2018

Maxxanfame

Suuraawwan gaggaarii Afrikaa fi lammiilee Afrikaa addunyaa mara irraa.

Dubartoota lamaafi dhiira tokko siidaa bira dhaabbatanii..
Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni Federeeshinii Gamtaa Daldalaa Afrikaa Kibbaa hiriira dafqaan bultootaa erga taasisaniin booda suuraa ka'uuf siidaa Keep Taawon keessatti argamu biratti yoo aara galfatan.
namoota uffata halluu baayinaan diimaa,cuquliisaa fi adii uffatanii ragadaa jiran
Ibsa waa'ee suuraa, Gaafuma kana Naayiroobiitti gareen do'ii, agarsiisa adda addaa daawwattootaaf dhiyeessuun kabajataniiru
Miseensonni eegduu kabajaa Sudaan gamaa gamanaa walitti galagalanii dhaabbataniiru..
Ibsa waa'ee suuraa, Kaartumitti simannaa Ministira muummicha Itoophiyaaf taasifame.
Dubartii xuwwee suphee hojjettu,xuwwee fi okkotee tarreefame
Ibsa waa'ee suuraa, Sagantaa agarsiisa Tuurizimii magaalaa guddoo Ivoorii Koost Abiijaaniti geggeefame irratti dubartii supheerraa xuwwee hojjettu.
Dargaggeessa mataa nama taa'eerra,mataa dhaan garagalee balalii'uuf jedhu fakkaatu
Ibsa waa'ee suuraa, Zimbaabuweetti, gareen akiroobaatii Festivaala aartii Haaraaree Intarnaashinaalii kan waggaa kanaa irratti hojii isaanii daawwattootaaf dhiyeessan
Namoota ulee qabatanii utaalaa do'ii agarsiisan
Ibsa waa'ee suuraa, Festivaalicha irratti do'iiwwan filatamoo tiyaatiraa,diraamaa,muuziqaa,sarkasii fi faashinii naannoolee fi addunyaa mul'ataniiru.
Festivaala waggaa Afrikaa kibbaa irratti namoonni fireemii suuraa salfiif fayyadu biratti yennaa gmamadan
Ibsa waa'ee suuraa, Festivaala waggaa Afrikaa Kibbaa irratti namoonni fireemii suuraa salfiif fayyadu biratti yennaa gammadan
Pireezadantii duraanii Maalaawwii Jooysee Baandaa
Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidantii duraanii Maalaawwii Jooysee Baandaa, erga biyyatti deebi'anii suuraa buufata xiyyaaraa Chikelaa Bilaantiyeritti ka'an.
Loltuu Kaameroon lama meeshaa waraanaa qabatan
Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Kaameroon murna hidhattootaa xixiqqoo naannolee Kaameroon afaan Ingiliffaa dubbatanifi daangaa Naayijeriyaatti aragaman bilisa gochuu barbaadan lolaaa jiru.
Tuniisiyaatti,namichi bishkiliitii oofaa fakkii bishkiliitii ededa mana namootaa otuu ilaaluu..
Ibsa waa'ee suuraa, Tuniisiyaatti,namichi bishkiliitii oofaa fakkii bishkiliitii ededa mana namootaa irra jiru otuu ilaaluu..
Dorgomaa bishkiliitii dubartii harree feete harka fuudhaa jiru.
Ibsa waa'ee suuraa, Morokootti saffisni bishkiliitii ittiin oofan ariifataa yoo ta'eyyuu dorgomaan kuni otuma kiloometira 600f dorgomuu dubartiii harka fuudhaa ture.
Namoota kaaffeetti tataa'an,shiishaa xuuxaniif fakkii Mahammad Saalaah ededa mana irra jiru
Ibsa waa'ee suuraa, Keessummeessaan kaaffee Kaayirootti aragamuu, cilee ho'aa shiishaa fakkii taphataa Liivarpuul Mahaammad Saaalaah of keessatti qabate maamilootaaf dhiyeesse.

Pictures from AFP, Getty Images, Reuters and EPA