KALLATTIIN, Boordiin Filannoo sagaleen kennuun hamma halkan sa'atii 6tti itti fufa jedhe

Itoophiyaatti Filannoon Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa ganama barii irraa qabee geggeefamaa oole

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Uummata Itoophiyaaf mirgi egereesaa filannoon murteeffachuu ni malaaf,' Ilhaan Omaar

    Ilhaan Omaar

    Madda suuraa, Getty Images

    Miseensi mana maree Ameerikaafi dhalattuun Somaaliyaa Ilhaan Umaar filannoo Itoophiyaa marsaa 7ffaa ilaalchisuun yaada kenniteen ''uummati Itoophiyaa mirga egeree isaanii filachuu qabaachuun isaaniif mala,'' jechuun miidiyaa hawaasaa, Feesbuukii, irratti barreessiteetti.

    Namni siyaasaa kuni dabaluunis,'' gidiraafi hokkora waggootaan booda sagaleen isaanii bilisaaf nagaa, haqaafi kabaja argachuu qabu,'' jetteetti.

    Kana malees mootummaan Itoophiyaa ''filannoo bilisaafi haqaa fedha uummataa calaqqisuuf' wabii kennuu qaba jechuun himteetti.

    Filannoon marsaa 7ffaa Itoophiyaa adeemsifamaa oole ammallee itti fufuun hanga halkan walakkaatti akka adeemsifamu Boordiin Filannoo ibseera.

  2. Rakkoon nageenyaa mul'atus filattoonni sagalee kennaa ooluu himan

    Jiraattota sagalee kennuuf hiriiranii jiran

    Madda suuraa, Jimma Zone Communications

    Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa har'a Waxabajjii 1/2026 adeemsifamaa ooleera.

    Jiraattoonni sagalee isaanii kennanis haala filannoon itti adeemaa ture BBCtti himaniiru.

    Jiraattuun magaalaa Jimmaa Najaat Hamiidaa Abbaa Nagaa, yeroo lammataaf filannoo irratti hirmaataa jirtu, namni ganamaan bahee akka filataa ture himti.

    ''Filannoo alanaa kan adda godhu dargaggoo baayyeetu bahee...ashaaraa ofii akka keewwatutti dha kan himaa gad bahe,'' jechuun waan taajjabde himti.

    Shamarreen sagalee kennite kuni rakkoo nageenyaa mudate akka hin argine himteetti.

    ''Akka carra tahee manni koo dhihoo buufata filannoo jira. Namni nagumaan hiriiree hamma ammaatti haala ajaa'ibaan sagalee kennaa jira,'' jette.

    Jiraataan godina Shawaa Bahaa aanaa Boosat maqaan akka hin eeramne gaafate oolmaa filannoon wal-qabatee rakkoon jiraatus filannoon geggeeffamaa ooluu hime.

    Jiraataan kuni qaamni hidhate ''filannoo gufachiisuuf dhiibbaa godhame hedduu ture. Qaamni mootummaa humna jiru fayyadamuun hamma yaadame tahuu baatus dandamatee filannoo geggeessuun danda'ameera,'' jedha,

    Qaamn ''maqaa Waraana Bilisummaa Oromootiin qaamni hidhatee bosona keessa socho'u ni jira beekamadha,'' jedhe.

    ''Eda halkan buufataalee filannoon irratti gaggeeffamurratti tarkaanfii fudhachuuf yaalii hedduutu godhamaa ture,'' jedhe.

    Jiraataan kuni rakkoon kuni kan mudate buufata filannoo Borcataa, aanaa Boosat gandoota gaara ardaa irratti tahuu ibseera.

    Dhiibbaa ykn aggaammii halkan turerraa kan hafe gara guyyaa wanti mudate akka hin jirre ni hima.

    ''Hanga ammaa guyyaarratti rakkoolee nageenyaa mudatan hin agarre. Hin dhageenyes,'' jedhe

    Jiraataan Shawaa Roobiit, filataan maqaan hin eeramne, biraanis ''ganamaa kaasee xiqqoo gandoota ollaarraa dhukaasni dhagahamaa tureera,'' jedhe. Gandoota hundarratti dunkaanonni dhaabbatanii jiru jedhe.

    Jiraataan kuni dabaluunis, ''gandoota ollaa Shawaaroobit keessatti filannoon waan filatame natti hin fakkaatu,'' jechuun bakkeewwan birootti garuu haala gaariin filatameera jedhe.

    Sochiin humnoota nageenyaa ''gaarii'' akka tureefi hundumtuu qindoominaan asiif achi socho'aa to'ataa akka turan himeera.

    Raayaan ittisa biyyaa, poolisiin, milishaa keessaa kan walitti babbahan yeroo yeroon hordoffii godhu bareeda.

    Boordiin Filannoo Biyyaalessaa buufataaleen filannoo akkuma seerri filannoo jedhutti ganama sa'atii 12:00 irraa qabe adeemsifamu himeera.

    Hoggantuun olaantuu boordichaa,Melaatiworqi Haayiluu 'buufataalee filannoo qabnu keessaa kan sa’aatii 12’tti banaman 50,188 dha. Kan yeroodhaan hin banamne jiru. Buufataalee filannoo 695 ta’an immoo sa’aatii 12 booda gara 12:30 akkasumas sa’aatii tokko kan banaman jiru,'' jedhan.

    Sababa rakkoo nageenyaan kan hin banamne gara 143 ni ta’u jechuun sababa rakkoo nageenyaan naannoleen filannoo sagalee kennuun adda cite jiru jedhan

    Naannolee filannoo Oromiyaafi Amaaraa muraasa Billoo Nophaa, Gachii, Qarsaa, akkasumas Kutaa Barritti erga sagalee kennuun eegale booda sababa rakkoo nagenyaan bakki adda cite jiraachuu himaniiru.

  3. Boordiin Filannoo sagalee kennuun hamma halkan sa'atii 6tti itti fufa jedhe

    Yeroo filannoo Itoophiyaa qubarratti qalama dibamaa jiru

    Madda suuraa, NEBE

    Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa har'a ganama sa'atii 12 qabee adeemsifamaa jiru sa'atiin dheereffamuu Boordiin Filannoo hime.

    Boordichi ''sagalee kennuun hamma halkan sa'atii 6tti itti fufa,'' jedheera.

    Karoora baheen kenninsi sagalee galgala sa'atii 12:00 irratti xumuramuu malus filachuuf hiriira irra namoonni sagalee kennanii hamma xumuranitti akka itti fufu boordichi beeksiseera.

    Akka boordichi jedhetti labsii filannoo 1162/2011 keewwata 49(4) haala adda taheen sa'atiin filannoo dheerachuu akka danda'u eereera.

    Filannoo biyyaalessaa kanaan dura adeemsifaman irrattis sababa hiriiraan sa'atiin sagalee kennuu xumuramuun dura warri sagalee kennuu hin dandeeny akka filataniif buufataaleen filannoo sa'atiin itti cufaman akka dheeratu godhamuun ni yaadatama.

  4. 'Hamma yoonaa qabinsi mirga namoomaa hin malle hin mul'anne' KMNI

    Birhaanuu Adeeloo

    Madda suuraa, FBC

    Koomishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa 'hamma ammaa qabinsa mirga namoomaa hin malle hin agarre,'' jedhe.

    Koomishinarri Olaanaa dhaabbata kanaa Birhaanuu Adeeloo haala kenniinsa sagalee buufataaalee filannoo Arbaamiciifi Jimmaa taajjabuu miidiyaa hawaasaa isaanii irratti ibsaniiru.

    Koomishinarichi ''qaama miidhamtootaaf otoo hin hafiin buufataaleen filannoo mijatoo turan, '' jedhan.

    Gareen dhaabbata isaanii ''hamma yoonaa qabiinsa mirga namoomaa hin mallee hin agarre,'' jechuun haalli sagalee kenninsaa ''nagaa kan qabuufi ulaagaalee filannoo kan guute,'' tahuu ibsaniiru.

    Koomishinichi naannolee filannoo 175, buufataalee filannoo 2,700 ol irratti hojii taajjabbii hojjetaa akka jiru ibsaniiru.

    Haala mirga namaa adeemsa filannoo kanarratti jiru hordofuun filannoo boodas haala jiru sirnaan hogganuuf akka hojjetu ibseera.

    Adeemsa filannoo kanaan komii keessummeessuuf sirna qophaa'een hordofaa akka jiru koomishinara Biraanuun ibsaniiru.

  5. Naannolee garagaraa keessatti sagalee kennuun itti fufeera

    Filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaa Itoophiyaa ganama sa'atii 12 irraa qabee kutaalee Itoophiyaa garagaraa keessatti itti fufuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksiseera.

    Naannoo Tigraayiin alatti naannolee biyyattii kaan keessatti sagalee kennamaa jiruun bakka buutonni uummataafi bakka buutonni mana maree naannolee ni filamu.

    Adeemsi sagalee kennuu har'a galgala xumuramu kanaan sadarkaa buufata filannoon bu'aan kan kennamu yoo tahu guyyoota aananitti ammoo Boordiin Filannoo bu'aa waliigalaa ibsa.

    Filattoota Naannoo Somaalee

    Madda suuraa, NEBE

    Ibsa waa'ee suuraa, Filattoota Naannoo Somaalee
    Filattoota Naannoo Amaaraa

    Madda suuraa, NEBE

    Ibsa waa'ee suuraa, Filattoota Naannoo Amaaraa
    Filattoota Finfinnee

    Madda suuraa, NEBE

    Ibsa waa'ee suuraa, Filattoota Finfinnee
    Filattoota Finfinnee

    Madda suuraa, NEBE

    Ibsa waa'ee suuraa, Filattoota Finfinnee
  6. 'Har'a uumatni bahee akka hin filanneef diinni waan hin goone hin qabu...'

    Shimallis Abdiisaa

    Madda suuraa, Oromia Communications

    Pireezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa waa'ee filannoo marsaa torbaffaa har'aa irratti yaada kennaniin ''uummati aarsaa guddaa kaffale,'' jedhan.

    Yaada miidiyaa biyya keessaa EBC dhaaf kennaniin ''aadaan filannoo akka jabaatuufi bu'aa qabeessa akka tahuuf uummati aarsaa olaanaa kaffale,'' jedhan.

    Filannoon baranaanis galmeerraa qabee ''humnooti Itoophiyaa diiguu barbaadan bitaa mirgaa dhiibbaa jabaa taasisaafi tarkaanfii fudhataa turan,'' jechuun ''uummati dhiibbaa kana hunda dandamatee galmaa'eera,'' jedhan.

    Dabaluunis ''har'a immoo uummati bahee akka hin filanneef diinni waan hin goone hin qabu. Uummati keenyi kana hunda dandamatee bahee filataa jira,'' jedhan.

    Kanaanis ijaarsa aadaa demookiraasiif ''uummati hangam aarsaa akka kaffalu,'' agasriisa jedhan.

    Uummati waan irraa eegamu raawwachuu himuun booda, itti gaafatmummaan kan dorgomtootaa akka tahe himaniiru.

    ''...kutannoo uummata keenyaa hubannee aangoon kan argamu karaa demokiraasiin qofa, kaardii uummataan qofa tahuu hubannee karaan humnaa hundi dhaabbatee, hundi karaa demookiraasii kana keessa seenee carraa argachuufi, yeroo carraa argatu ammoo waan kaffalamu hunda kaffalee, karaa ittiin hojii bu'aa qabeessa tahe hojjetu uumuu qaba,'' jedhaniiru.

  7. Bu'aan filannoo mirkanaa'aan yoom ibsama?

    Hamar, buufata filannoo Koolkaajaa Loojaraa

    Madda suuraa, NEBE

    Sagantaan Boordiin Filannoo Itoophiyaa baase bu'aan filannoo waliigalaa marsaa torbaffaa ALI Waxabajjii 2, 2018 ni ibsama jedha.

    Akkaataa sagantaa boordii filannootti bu'aan filannoo Caamsaa 27 hanga Waxabajjii 2 ibsamee ni xumurama.

    Bu'aan filannoo waliigalaa mirkanaa'aan (inni xumuraa) ibsamuu dura Kibxata borii (Caamsaa 25, 2018) irraa eegalee buufataalee filannootti ibsamuu eegala.

    Buufataalee filannootti bu'aan filannoo Caamsaa 25 hanga 29 akka ibsamu sagantaan boordii filannoo ni mul'isa.

    Boordichi bu'aalee filannoo buufataalee filannoorraa kan walitti qabatu ammoo Caamsaa 26 hanga Waxabajjii 1 gidduutti.

    Boordiin filannoo kun yeroon komii itti dhiheessan Caamsaa 24 hanga Waxabajjii 2 gidduutti ta'uu ibseera.

  8. US fi Iraan haleellaa walirratti raawwatan

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu labsamus haleellaan hin dhaabbanne, Ulaan Hormuuz akkuma cufametti jira

    Madda suuraa, Reuters

    Ameerikaan wiirtuuwwan humna waraanaa Iraan haleeluu yoo himtu, Iraanis buufataalee US irratti haleellaa raawwachuun haaloo ba'uu ibsite.

    Kun qoccolloo Ulaa Hormuuziin walqabatee deemaa jiru ilaalchisee torban keessatti yeroo sadaffaaf haleellaa raawwatamedha.

    Giddugalli ajaja waraanaa US weerarri humni waraanaa Iraan irratti raawwate ofirraa ittisuuf akka haleellaa raawwate ibse.

    US Iraan diroonii ishee haleeluun naannwa Ulaa Hormuuzitti kuffisuu himatte.

    Jaarmiyaan Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) kibba biyyattiitti buufata humnoonni Ameerikaa itti fayyadaman irratti haleellaa raawwachuu hime.

    Gama kaaniin Kuweet haleellaa misaa'elootaa fi dirooniiwwan ofirraa qolachuu ibsite.

    Ministeerri dhimma alaa biyyattii haleellaa Iraan irra deddeebiin raawwattu kana balaaleffachuun ibsa baaseera.

    Pirezidanti Doonaald Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti kanneen isa qeeqan 'tasgabbiin murtee isaa akka eegan'' gaafateera.

    ''Dhumarratti waan gaariitti baana. Iraan waliigaluu barbaaddi. Kunimmoo Ameerikaaf gaariidha,'' jedhe.

    Biyyoonni lameen [US fi Iraan] erga dhukaasa dhaabuun mari'achuuf waliigalanii haleellaan walirratti raawwatan kun isa cimaadha.

    Biyyoonni lameen dhukaasa dhaabuu labsan dhimma Ulaa Hormuuz irratti walqoccoluu fi darbanii darbanii wal haleeluu hin dhaabne.

  9. Naannolee haaraa sadii barana yeroo jalqabaaf filannoorratti hirmaatan

    Namoota filannoof hiriiranii jiran

    Madda suuraa, NEBE

    Murtii uummataatiin of danda’anii naannoo kan ta’an naannoleen sadii yeroo jalqabaatiif filannoo marsaa 7ffaa filachiisaa jiru.

    Naannoo duraan saboota, sablammootaa fi uummattoota Kibba jedhamu beekaman adda bahuun naannoo of danda’e ta’an naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa, Giddugaleessa Itoophiyaa fi Naannoo Uummattoota Kibba Itoophiyaati.

    Naannoleen kunneen yaa’ii hundeeffama isaanii irratti manneen marii kan hundeeffatan yoo ta’u, filannoo miilanaa kanaan miseensa mana marii isaanii dabalaniiru.

    Haaluma kanaaN naannoon Giddugaleessa Itoophiyaa teessoowwan mana marii 105 qabaachaa kan ture teessoowwan 70 dabaluun filannoo baranaatiin mana mariitif teessoowwan 175 filachiisaa jira.

    Murtii uummataatiin godinni hedduun irraa foxxoquun qofaatti kan hafeefi haala teessuma lafasaarraa ka’uun naannoo uummattoota Kibba Itoophiyaa kan jedhamees baayina teessoo mana mariisaa 95 ture dabaleera.

    Haaluma kanaan baayina miseensota mana mariisaa gara teessoo 229tti guddise.

    Kunis naannoo teessoo mana marii baayyee qabu 4ffaa isa taasisa.

    Naannoo Sidaamaatti aanuun naannoo of danda’e 11ffaa ta’ee federesshinitti kan makame Naannoon Kibba Lixa Itoophiyaa baayina teessoo mana marii amman dura qabu 52 irratti teessoo 119 dabalee filannoo gaggeessaa jira.

    Kunimmoo ibsa boordiin filannoo baranaa irratti baayyini teessoo manneen marii dabaleera jechuun Finfinnee fi naannolee ja’a eeraman keessaa naannoo teessoo mana marii hedduu dabale isa taasisa.

  10. Naannolee Oromiyaa fi Amaaraa buufata filannoo muraasatti sababa rakkoo nageenyaan filannoon adda cituu Boordiin beeksise

    National Election Board of Ethiopia

    Madda suuraa, National Election Board of Ethiopia

    Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa adeemsa filannoo ilaalchisee ibsa kenneera.

    FBC'n ibsa walitti-qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Melatework Hayiluu miidiyaaleef kennite eeruun buufataaleen filannoo 50,188 barii sa'aatii 12:00 irraa kaasee banamuu himuun, kanneen keessaa buufataaleen filannoo 143 sababa nageenyaan kan hin banamne ta'uu gabaaseera.

    Walitti qabduun Boordichaa kun buufataleen filannoo gara 695 ta'an sa'aatii karoorfametti osoo hin banamiin hafanii, daqiiqaa 30 hanga sa'aatii tokkoo turanii banamaniiru jette.

    Filannoon kun bilisaa fi amanamaa ta'uu tajjabdoonni buufata filannoo kuma 39 ol ta'uu keessatti argamuun tajjabuus walitti-qabduun Boordii Filannoo kun kan eeraan.

    Boordiin filannoo kun buufataalee filannoo muraasa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti sababa rakkoo nageenyaan adeemsi sagalee kennuu adda citeerus ibseera.

    Naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti buufataalee filannoo erga sagaleen kennamuu jalqabee sababa rakkoo nageenyaan adda cituu Walitti qabduun Boordichaa ibsiteetti.

    Kana malees, miseensi Boordii Filannoo tokko ganamarraa ka'ee motorsaayikiliin haala filannichaa hordofaa turerra balaa ga'een lubbuun isaa darbuu beeksisteetti.

    Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa har'a gaggeeffamaa jiru yeroo yaaddoon nageenyaa naannoo Amaaraafi Oromiyaa keessatti ababii sochiin hidhattootaan mul'achaa jiru keessatti gaggeefamaa jira.

    Hidhattoonni naannolee lamaan keessa sosso'an, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi hidhattoonni 'Faannoo', sochiin geejibaa akka hin jiraanne fi filannoo akka danqan dhaadataniiru.

    Mootummaa garuu yaaddoo kana qolachuuf qophaa'uu Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa dubbataniiru.

  11. Gaazexeessitoonni filannoo gabaasuuf socho'an dhorkamuu Boordiin Filannoo beeksise

    National Electoral Board of Ethiopia

    Madda suuraa, National Electoral Board of Ethiopia

    Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa miidiyaaleen Boordichaan galmaa’anii filannoo gabaasaa turan naannoolee muraasa keessatti hojii isaaniirraa akka dhorkaman beeksise.

    Kaleessa Dilbata, gaazexessitoota muraasa qophii filannoo hordofuuf buufataalee filannootti yeroo socho’an hojjettoota filannoo fi humnoota nageenyaan dhorkamuu Boordichi ibseera.

    Kutaa Magaalaa Lidata Aanaa 7 keessatti namoonni taajjabdoota Paartii Badhaadhinaa bakka bu’uu isaanii ibsan lama, “ajajni qaamaa mootummaa ol’aanaarraa hanga kennamutti” jechuun gaazexessitootni hojii isaanii irraa akka hin hojjanne dhorkuun himameera.

    Hayyamni boodarra kan kenname ta’us, suuraa kaasuufi viidiyoo waraabuun garuu akka hin hayyamamne ibsameera.

    Kutaa Magaalaa Yekkaa Aanaa 6 keessatti buufata filannoo tokko irratti humnoonni nageenyaa uggura wal fakkaataa raawwachuu isaanii 'Ethiopia Insider' gabaaseera.

    Kutaa Magaalaa Qirqoos keessatti ammoo poolisoonni eegumsaaf bobba’an, gaazexessitoonni ragaa eenyummaa Boordii Filannoo irraa argatan agarsiisanillee, bakka sanatti gabaasa hojjachuu fi suuraa kaasuu dhorkamaniiru.

    'Ethiopia Insider' Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa keessattis rakkoon wal fakkaataan isa mudachuu beeksiseera.

    BBC dabalatee miidiyaaleen walabaa biroos filannoo kana biyya keessaa gabaasuuf hayyama akka hin arganne ibsameera.

    Boordiin Filannoo miidiyaaleen naannoolee adda addaa keessatti gabaasuuf “xalayaa qaama mootummaa dabalataa” akka dhiyeeffatan gaafatamuu isaanii eeruun, gaazexessitoota hojii isaanii irraa dhorkuun “dogoggora” ta’uu isaa ibseera.

    Boordiin Filannoo, filannoo kana gabaasuuf miidiyaalee 68 fi gaazexessitoota 1,815 hayyama kennuu isaas eerera.

  12. Waa'ee Filannoo Itoophiyaa MM Abiy maal jedhu?

    Abiy

    Madda suuraa, EBC

    Ibsa waa'ee suuraa, Abiy

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Jimma Magaalaa Bashaashaa buufata Filannoo Harootti argamuun sagalee kennaniiru.

    Filannoo kana ilaalchisuun yaada miidiyaaleef kennaniin ummatni biyyattii qophaa'ina sirna isaaf ta'u ummachuu mul'isaa jiru dinqisiifataniiru.

    Yeroo diinotni Itoophiyaa filachuu hin dandeessan jedhanii ololaa gaggeessa jiranitti ummatni bifa kanaan bahee hirmannaa taasisuun filachuu fi sirna ofii dhaabbachuun akka danda'amu kan itti mul'iseedha jedha.

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad bu’aa filannoo kana fudhachuuf qophii ta’uus ibsan.

    Kun jalqabbii gaarii ta'uu fi cimee akka itti fufullee dubbatan.

  13. Pirezidaantoonni naannolee Itoophiyaa sagalee kennaa jiru

    Suuraan wayita pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Dastaa Leeddamoon Sagalee kennan

    Madda suuraa, FMC

    Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan wayita pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Dastaa Leeddamoon Sagalee kennan

    Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaan guyyaa har'aa gaggeeffamuu eegale irratti pirezdaantootnoi naannolee hirmaachuun sagalee isaanii kennuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Qondaaltota olaanoo hanga yoona sagalee kennan keessaa Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Uummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa Dooktar Nagash Wageeshoo , Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddamoo, Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Oordiin Badrii, Pirezidaantiin Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa obbo Indaashaawu Xaasoo fi Pirezidaantiin Naannoo Beniishaangul Gumuuz Obbo Ashaadilii Hasan kanneen buufata filannoo naannoo isaaniitti sagalee isaanii kennan ta’uun ibsameera.

    Qondaaltoti olaanoon naannolee kunneen lammiileen adeemsa filannoo keessatti dammaqinaan akka hirmaatanis waamicha dhiyeessaniiru

  14. Waa'ee Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa qabxiilee ijoo shan

    Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa

    Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaan guyyaa har'aa gaggeeffamuu eegaleera.

    Filannoo qophiin guddaa taasifamaafiif ture karaa nagaan akka xumuramu qaamoleen nageenyaa qophaa'uu ibsaniiru.

    Filannoon har'a taasifamu miseensota mana maree ummataafi miseensota mana maree naannootiifidha.

    Miseensonni filaman immoo adeemsa keessa mootummaa haaraa filatu jechuudha.

    Filannoo kanarratti paartii biyya bulchu dabalatee paartileen 40 ol ni dorgomu jedheera Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa.

    Mee filannoo kana ilaalchisee wantoota ijoo shan ka'aa jiran haa ilaallu.

  15. Adeemsi filannoo haala gaariin deemaa jira - Uhuruu Keniyaataa

    Dursaa garee Gamtaa Afrikaa filannoo Itoophiyaa taajjabu, Uhuruu Keniyaataa

    Madda suuraa, FBC

    Adeemsi filannoo hanga ammaa haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu dursaan garee Gamtaa Afrikaa taajjabduu filannoo Uhuruu Keeniyaataa hime.

    FBCn akka gabaasetti, Uhuruu Keniyaataa adeemsa Filannoo Waliigalaa irra deemanii ilaaluu eeruun haala gaariin deemaa jira jedheera pirezidantii duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa.

    Filannoon lammileen mirga dimokiraasii isaanii fayyadamuun gaggeessaa isaanii kan ittiin filatan ta'uu ibsuun, akka ardiitti kun akka milkaa'uuf Gamtaan Afrikaa cimsee hojjeta jedheera.

    Itoophiyaan teessoo ardii Afrikaa ta'uu isheerraa kan ka'een asitti filannoo milkaa'aa taasisuun guutummaa Afrikaatiif fakkeenyadhas jedheera.

    Itoophiyaanonnis mirga isaanii fayyadamuun akka filataniif hubachiisuun, filannichi haala gaariin akka xumuramu abdii qabaachuu ibseera.

  16. Ummanni bariin sagalee kennuuf buufataaleen filannootti argamuun sagalee kennaa jira

    Jimmatti namoota sagalee kennuuf bariin hiriira qabatanii jiran

    Madda suuraa, FBC

    Kutaalee Itoophiyaa gara garaa keessatti ummanni Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Marsaa 7ffaa irratti sagalee kennuuf ganamaan hiriira qabatee dabaree eeggachaature amma sagalee kennaa jiraachuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa jiru.

    Suuraawwan FBC irraa argame akka mul'isutti magaalota gurguddoo akka Finfinnee, Jimmaa, Maayaa, Hawaasaa, Aarbaa Mincii, Shaashamannee, Moojoo, akkasumas maagaalaawwan xixiqqaafi aanaalee keessatti namoonni buufataaleen filannootti dabaree eeggachaa yeroo jiran mul'isa.

    Kana malees, raawwachiiftonni filannoo wayita meeshaaleen filannoo wal harkaa fuudhinsa raawwatan ni mul'atu.

    Suuraan akkasitti qixeessineerra. Daawwadhaa!

    Finfinneetti namoota filachuuf dabaree qabatan

    Madda suuraa, FBC

    Finfinneetti namoota filachuuf dabaree qabatan

    Madda suuraa, FBC

    Finfinneetti namoota filachuuf dabaree qabatan

    Madda suuraa, FBC

    Naannoo Amaaraa, Kombolchaatti namoota sagalee kennuuf eeggachaa jiran

    Madda suuraa, FBC

    Oromiyaa, magaalaa Maayaatti namoota sagalee kennuuf bariin hiriira qabatn

    Madda suuraa, FBC

    Hawaasaatti raawwachiiftonni filannoo yeroo meeshaa wal harkaa fuudhaa jiran

    Madda suuraa, FBC

    Hawaasaatti raawwachiiftonni filannoo yeroo meeshaa wal harkaa fuudhaa jiran

    Madda suuraa, FBC

    Oromiyaa,Roobeetti ummanni Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa irratti sagalee kennuuf bariin hiriira qabatee

    Madda suuraa, FBC

    Dursaan garee taajjabdootaa Gamtaa Afrikaa, Uhuruu Keeniyaataa bariin qophii sagalee kennuuf taasifamaa jiru yeroo naanna'ee daawwachaa jirutti

    Madda suuraa, FBC

  17. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Toora tamsaasa kallattiin oduu isin biraan ittiin geenyu kan har'aa jalqabneerra.

    Xiyyeeffannoon keenya waa'ee Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Marsaa 7ffaa irrattidha. Waa'ee Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa qabxiilee ijoo shan.

    Itoophiyaan filannoo gaggeessaa jirti, garuu kan filatu hunda miti.

    Wayita hidhattoonni ''filannoo sobaa'' jechuun gufachiisuuf dhaadatanitti poolisiin qophiin hundi xumuramuu ibsuu.

    Kanneen jedhaniifi kan biroo hedduu isin biraan geenya.

    Nu hordofaa.

    Dubartii filachuuf daa'ima dugdatti baadhattee dabaree eeggachaa jirtu

    Madda suuraa, FBC