Murtii uummataatiin of danda’anii naannoo kan ta’an
naannoleen sadii yeroo jalqabaatiif filannoo marsaa 7ffaa filachiisaa jiru.
Naannoo duraan
saboota, sablammootaa fi uummattoota Kibba jedhamu beekaman adda bahuun naannoo
of danda’e ta’an naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa, Giddugaleessa Itoophiyaa fi Naannoo Uummattoota Kibba Itoophiyaati.
Naannoleen kunneen yaa’ii hundeeffama isaanii irratti
manneen marii kan hundeeffatan yoo ta’u, filannoo miilanaa kanaan miseensa mana
marii isaanii dabalaniiru.
Haaluma kanaaN naannoon Giddugaleessa Itoophiyaa teessoowwan
mana marii 105 qabaachaa kan ture teessoowwan 70 dabaluun filannoo baranaatiin mana mariitif
teessoowwan 175 filachiisaa jira.
Murtii uummataatiin godinni hedduun irraa foxxoquun qofaatti
kan hafeefi haala teessuma lafasaarraa ka’uun naannoo uummattoota Kibba
Itoophiyaa kan jedhamees baayina teessoo mana mariisaa 95 ture dabaleera.
Haaluma kanaan baayina miseensota mana mariisaa gara teessoo
229tti guddise.
Kunis naannoo teessoo
mana marii baayyee qabu 4ffaa isa taasisa.
Naannoo Sidaamaatti aanuun naannoo of danda’e 11ffaa ta’ee
federesshinitti kan makame Naannoon Kibba Lixa Itoophiyaa baayina teessoo mana
marii amman dura qabu 52 irratti teessoo
119 dabalee filannoo gaggeessaa jira.
Kunimmoo ibsa boordiin filannoo baranaa irratti
baayyini teessoo manneen marii dabaleera jechuun Finfinnee fi naannolee ja’a
eeraman keessaa naannoo teessoo mana marii hedduu dabale isa taasisa.
Walitti qabduun Boordichaa kun buufataleen filannoo gara 695 ta'an sa'aatii karoorfametti osoo hin banamiin hafanii, daqiiqaa 30 hanga sa'aatii tokkoo turanii banamaniiru jette.
Filannoon kun bilisaa fi amanamaa ta'uu tajjabdoonni buufata filannoo kuma 39 ol ta'uu keessatti argamuun tajjabuus walitti-qabduun Boordii Filannoo kun kan eeraan.
Boordiin filannoo kun buufataalee filannoo muraasa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti sababa rakkoo nageenyaan adeemsi sagalee kennuu adda citeerus ibseera.