Wayita hidhattoonni ''filannoo sobaa'' jechuun gufachiisuuf dhaadatanitti poolisiin qophiin hundi xumuramuu ibse

Madda suuraa, EBC/SOCIAL MEDIA
Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaan karaa nagaan akka milkaa'uuf raayyaa ittisaa fi qaamolee nageenyaa federaalaa kaan waliin ''qindoominaa fi kutannoon'' hojjechaa akka jiru Komishiniin Poolisii Oromiyaa ibseera.
Hojii nageenyaa komishinichi hojjechaa jiru ilaalchisee miidiyaa biyya kessaaf ibsa kan kennan Komishinar Jeneraal Dirribaa Makonnin ''qophii filannoo duraa irraa eegalee gareen caasaalee nageenyaa naannolee fi federaalaa irraa qindaa'e hojii nageenyaa xiyyeeffannaan hojjechaa ture,'' jedhan.
Komishinar Jeneraal Dirribaa Makonnin qaamolee ''farreen nageenyaa'' ittiin jedhanii fi ''filannoo gufachiisuuf'' akkasumas ''hookkara uummataa kaasuuf socho'an'' jedhan adda baasuun tarkaanfiin fudhatamuu ibsan.
Hojiin nageenyaa ''qindoominaa fi xiyyeeffannaa'' olaanaan waan hojjetameef meeshaalee filannoof akkaan murteessoo ta'an ''yeroo barbaachisutti iddoo barbaachisuun ga'uu'' dubbatan.
Hojiin murteessaan kunis rakkoo nageenyaan osoo hin gufatin ykn yaaddoo tokko malee raawwachuu ibsan.
Filannoon kun naga qabeessa, walabaa fi dimokiraatawaa ta'ee akka milkaa'uuf hojiin nageenya eegsisuu fi horodoffii cimaa taasisuu naannoo Oromiyaa keessatti egalame hanga bu'aan filannoo ibsamutti cimee akka itti fufu ibsan Komishinar Jeneraal Dirribaa Makonnin.
''Waan kana ta'eef uummanni fi filattoonni naannochaa [Oromiyaa] hundi ofitti amanamummaa guutuu fi nageenyi amansiisaan jiraachuu hubachuun guyyaa filannoo ba'anii akka filatan,'' komishinichi waamicha taasiseera.
Gareen nageenya kabachiisuuf hundaa'uun kutaalee biyyattii adda addaatti bobba'ee jirus hanga adeemsi filannoo kun obba'utti hojii nagaa eegsisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuu kutannoon itti fufa jedha ibsi Komishinar Jeneraal Dirribaa Makonnin.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama kaaniin Waraanni Bilisummaa Oromoo maqaa ABO-WBO jedhuun of waamu kan mootummaan 'Shanee' jechuun waamu, ''mootummaan maqaa filannoo jedhuun yakka siyaasaa uummatarratti dalagaa jira,'' jechuun himate.
Gareen hidhatee Oromiyaa keessa socho'u kun kanaan dura ''kanneen Oromiyaa keessatti filannoorratti hirmaanna jedhan hin tuqnu, garuu filannochi fakkeessuudha,'' jedhee ture.
Amma garuu ibsa baase keessatti filannoo kana gufachiisuuf tarkaanfii akka fudhatu dhaadateera.
Ibsi Caamsaa 29, 2026 ba'e kun ''Har'arraa eegalee geejjibi fi sochiin gosa kamuu torban tokkoof dhorkameera,'' jedha.
''Konkolaataan kamuu akkasumas sochiin daldalaa kamuu ni dhorkama. Kanneen hojii gargaarsa namoomaa hojjetanii fi ambuulaansiiwwan namoota akkaan dhibaman tajaajilan qofaaf ilaalchi addaa taasifama. Kanaan ala uggura kaa'ame kamuu sarbuun tarkaanfii ariifataa fi hamaa ta'e hordofsiisa,'' jedha ibsi WBO.
Kana malees dippiloomaatonni magaalaa guddoo biyyattii keessa jiran torbee kana keessa imala gara Oromiyaatti taasisan kamuu akka haqan gaafateera gareen hidhattootaa kun.
Poolisiin naannoo Amaaraas gamasaan filannoo Itoophiyaa marsaa torbaffaan karaa nagaa fi milkaa'ina qabuun akka xumuramuuf humna namaa guutuu fi loojistikii ga'aan hojiitti galuu ibseera.
Poolisiin naannochaa raayyaa ittisaa fi poolisii federaalaa akkasumas qaamolee nageenyaa naannolee kaanii waliin qindaa'uun kutannoon hojjechaa jiraachuu ibse.
''Daandiiwwan, keellaawwan fi gandoota naannocha keessa jiranitti humna namaa (qaamolee nageenyaa) ga'aa ramaduun halkanii fi guyyaa hojjetaa jiraachuu,'' ibse.
''Humni nageenyaa bakka ramadametti sochiin geejjibaa akka itti fufuu fi sochiin uummataa akka hinn gufanne gochuuf hojii milkaa'aa hojjetaa jira,'' jedha ibsi poolisii naannoo Amaaraa kun.
''Finxaaleyyiin uummata hookkara keessa galchuuf akkasumas sochii uummataa gufachiisuuf jecha waa'ee sochii geejjibaa odeeffannoon tamsaasan waan lafarra hinn jirree fi soba waan ta'eef uummanni kana hubatee hojii guyyuu isaa akkuma duriitti akka itti fufu dhaamna.''
Abbootiin qabeenyaa fi konkolaachistoonni gaachana qaamolee nageenyaa abdachuun tajaajila uummataa akkuma kanaan dura baratameen akka itti fufuu qabanis dhaameera.
Qaamoleen nageenyaa kanneen seeraan ala socho'uun filannoo jeequu fi gufachiisuuf yaalan sochiisaanii fashalsuun, olaantummaa seeraa kabachiisuuf yeroo kamuu caalaa kutannoon akka hojjetu ibseera.












