Bakka bu'aan Rippablikaanii US Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti nagaa buusuuf wixinee dhiyeesse

Madda suuraa, Jim Baird/X
Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti nagaan akka bu'u gochuuf Ameerikaan nyaata alatti ergitu, meeshaaleen qonnaa fi dhiyeessii ogummaa akka meeshaatti akka fayyadamtuuf bakka bu'aan Rippablikaanii yaada dhiyeesse.
Paartii Rippablikaaniirraa kan ta'e Jiim Baayidar wixinee seeraa inni dhiyeesse Itoophiyaa fi Ertiraan hariiroo Chaayinaa waliin qaban akka laaffisanis kan kaayyeffatedha.
Wixineewwan 'Ethiopia The SPARK Act' fi 'Eritrea The PILLAR Act' jedhaman Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti nageenya waaraa fiduudhaaf kan kaayyeefatan ta'uu isaa fuula X irraatti barreffame baaseen ibseera.
Nageenya waaraa akka jiraatu gochuun fayyadamummaa mirkaneessuuf, akkasumas omishaalee qonnaa, meeshaalee qonnaa, akkasumas ogummaa Ameerikaa alatti ergamu guddisuu akka fedhan eereera.
Wixineen bakka bu'aan ummataa miseensa koree hariiroo dhimma alaa Ameerikaa-Afrikaa ta'e dhiyeesse kun biyyoota lamaan gidduutti sochii nagaa buusuu qonnaa olatti erguu waliin kan walitti hidhedha.
Ameerikaan boqqolloo, atara, nyaata loonii, meeshaa fi deeggarsa tekinikaa qonnaa kennitu akka meeshaa ittiin dhiibbaa gootuutti fayyadamuun biyyoota lamaan gidduutti nagaa buusuu akka qabdu akeekeera.
Itti dabaluun, Ameerikaan Chaayinaa caalaa michuu biyyoota Afrikaa gochuu eereera.
Albuudota Afrikaa Bahaa argaman warra akka warqii, Kopparii, Zinki, boba'aa uumamaa fi Pootaash baasuun, akkasumas bu'uuraalee misoomaa ulaa galaanaa hojiirra oolchuun Ameerikaan deeggarsa kennuu akka qabdu ibseera.
"Afrikaan Bahaa dinagdeen fayyadaa ta'uu dandeessi. Kunis nageenyaa fi badhaadhina waaraaf bu'uura kaa'a," jedheera.
Biyyoonni Afrikaa tumsa nagaa kan hordofan taanaan guddina dinagdee mirkaneessuuf Ameerikaan deeggersa akka gootu ergaa dabarsuu akka danda'amus itti dabaluun himeera.
Odeeffannoo kana waliin deemu biraa:




