Gaggeessitoonni Iraan waraana gara fuulduraatti US waliin gaggeeffamuu maluurratti garaa garummaa agarsiisaa jiru

Madda suuraa, Reuters
US fi Iraan bifa haaraan waraana eegaluu hordofee yaadi uummata Iraan maal akka fakkaatu tilmaamuun rakkisaadha.
Iraanonni hedduun dhiibbaa mootummaarraa irra gahu waan sodaataniif ifatti yaada isaanii ibsachuuf ni rakkatu.
Muraasni isaanii ifatti yaada kennan ammoo "mootummaan Iraan biyya addunyaarratti humna waraanaa guddaa qabdu waraanatti nu galche" jechuun aarii qaban ibsatu.
Humni waraanaa Iraan US dura dhaabbachuu itti fufeera. Eegdonni Warraaqsa Islaamaa biyyoota Galoo Galaanaa akeekkachiisera.
US daangaa biyyoota kanaa irraa kaatee Iraanirratti haleellaa kan gaggeessitu taanan, tarkaanfii haaloo bahuu cimaa akka irratti fudhatu beeksiseera.
Gaggeessitoonni bulchiinsa sirna Ayaatolaaf amanamoo ta'an buufataalee waraanaa US Baha Giddugalaa qabdu haleeluun akka itti fufu barbaadu,
Garuu pirezidaantiin biyyattii Masuud Pezeeshkiyaan yaada adda ta'e qabu. Washingtan Waliigaltee Wal-hubannoo ji'a tokko dura mallattaa'e kan kabajju yoo ta'e, Iraan mariitti deebi'uuf qophii akka taate dubbatan.
Yaadi Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan kennan, falmii qondaalonni biyyattii olaanoon egereen US waliin taasifamu maal ta'uu qabaarratti taasisan kan faallessuudha.
Qondaalonni biyyattii hedduun Iraan of ittisuuf hanga dhumaatti US loluu akka qabdu amanu.
Pirezidaant Masuudifi namoonni siyaasaa akka isaanii biroon US wajjin mariin dippiloomaasii yoo itti fufe Iraanif akka wayyu kaasu.






